Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 12 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Six days before Passover, Jesus came to Bethany, where Lazarus, whom Jesus raised from death, lived. Jila Irra Dabaramaatiif guyyaan jaan hafeeruun, Yesuus addee Alaazariin inni du'aa kaase le'u, Bitaaniyaa dhaqe.
2 There they gave him a dinner; Martha served, and Lazarus was one of those at the table with him. Isaan achitti irbaata isaaf qopheessanee, Maartaan areerte; worra Yesuus woliin achi addee nyaataa tetee'aneeranu keessaa tokkochi Alaazar.
3 Mary took about a pint of pure nard perfume, expensive, and anointed Jesus' feet, then wiped his feet with her hair. The house filled with the fragrance of the perfume. Achiin duuba Maariyaam fiqiree gatii guddo'oo ta Naardoos qofa irraa hujante ta litirii takkaa hidha geettu fuutee, miila Yesuusii lamaanittuu naxxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Fiqqeessi fiqire'ee mana duudii guute.
4 But Judas Iscariot, one of his disciples, the one who was about to betray him, said, Barattoota Yesuusii keessaa tokko ka te'e, Yihudaan nami biyya Keriyootii, ka isa dabarsee kennaaru,
5 "Why was this perfume not sold for about a year's wages and given to the poor?" «Fiqireen tun mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatu gurgurantee maaf hiyyeeyyi'iif hin kennamin?» jedhe.
6 He said this not because he cared about the poor, but because he was a thief who kept the money box, taking what was put in it. Inni waan hattuu te'eef, tana jedhe malee, marroo hiyyeeyyi'iitiif jedheetii moti. Inni korojoo beese'ee ba'ata; beesee korojoo keessaalle fudhataa ture.
7 So Jesus said, "Leave her alone. She has kept this for the day of my burial. Yesuus ammoo, «Isiin guyyaa awwaala kiyyaatiif qophii goote waan te'eef, isii dhiisa'a.
8 You will always have the poor among you, but you will not always have me." Namooti Hiyyeeyyiin yennaa maraa isin woliin jiran, ani ammoo yennaa maraa isin woliin hin jiraadhu» jedhe.
9 A large crowd of Jews learned Jesus was there and came, not only for him but to see Lazarus, whom he had raised from the dead. Worra Yihudootaa keessaa Kolbaan hedduun Yesuus Bitaaniyaa akka jiru beette; maarre Yesuus qofaaf adoo hin te'in Alaazarii inni du'aa kaaselle dhaggiisaaf achi dhaxxe.
10 So the chief priests planned to kill Lazarus as well, Sooreyyiin hayyootaa ammoo Alaazarille ijjeesiisaaf itti malane;
11 because on account of him many of the Jews were going over and believing in Jesus. sababille Yihudooti hedduun sababa Alaazariitiif isaan lakkisanee Yesuusitti waan dhugeeffataneef.
12 The next day, the large crowd that came for the feast heard Jesus was coming to Jerusalem. Boruyyaa Gumiin guddoon Jila Irra Dabaramaatiif dhutteertu Yesuus gara Yerusaalemii akka dhufiisatti jiru dhageette.
13 They took palm branches and went out to meet him, shouting, "Hosanna! Blessed is he who comes in the name of our Father—the King of Israel!" Maarre dameelee meexxi'ii qabattee, qoonqoo guddo'oon, «Hosaa'inaa! Mootiin Israa'elii ka maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame!» jedhaa isa fudhatiisaaf baate.
14 Jesus found a young donkey and rode on it, just as it is written: Yesuus ilmayyoo harre'ee tokko dhaggee irra tee'e. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
15 "Do not be afraid, daughter of Zion; look, your king is coming, seated on a donkey's colt." «Kolbaa Yerusaalemii, hin sodaatina'a! Mootiin keessan kunoo ilmayyoo harre'ee irra tee'ee dhufa» jedhu.
16 His disciples didn't understand these things at first; but when Jesus was glorified, they remembered these things were written about him, and that they had done these things to him. Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane.
17 The crowd that was with him when he called Lazarus from the tomb and raised him from the dead kept testifying. Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du'aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te'e dhugaa bayaa turte.
18 The crowd went to meet him because they heard he had done this sign. Bilbaasa kana akka inni tolche waan dhageetteertuuf gumiin isa fudhatiisaaf baate.
19 So the Pharisees said to each other, "See, you're accomplishing nothing—the whole world has gone after him." Kanaaf Fariisaayoti, «Ilaala'a, nuuti womaa godhuu hin dandeenne! Kunoo, biyyi lafaa duudiin isa hordofaarti!» woliin jedhane.
20 Now there were some Greeks among those who went up to worship at the feast. Worra yennaa jilaa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqaneeranu keessaa gariin Giriikoota.
21 These came to Philip, from Bethsaida in Galilee, and asked him, "Sir, we want to see Jesus." Isaan gara nama Betsayidaa Galiilaa keessa jirtuu, gara Filiphoosii dhaqanee, «Gootta'a, nuuti Yesuus dhaggiisaaf barbaanna» jedhaneen.
22 Philip went and told Andrew; then Andrew and Philip went and told Jesus. Filiphoos dhaqee Indiryaasitti hime; Filiphoosii fi Indiryaas lamaaniin dhaqanee Yesuusitti himane.
23 Jesus replied to them, "The hour has come for the Son of Man to be glorified. Yesuus deebisee, «Yennaan Ilmi Namaa ulfaatu amma geetteerti.
24 Truly, truly, I tell you, unless a wheat grain falls to the ground and dies, it stays alone; but if it dies, it bears much fruit. Ani dhugaa isinitti hima: Midhaan qamadi'ii yoo lafa bu'ee du'e malee, tokkochuma te'ee hafa. Yoo du'e ammoo, midhaan hedduu buusa.
25 Whoever loves his life loses it; whoever hates his life in this world keeps it for eternal life. Nami jiruu ifii jaalatu jiruu ifii hin dhaba; nami biyya lafaa tana keessatti jiruu ifii jibbu ammoo jiruu bara baraatiif isii eegata.
26 Whoever serves me must follow me, so my servant will be where I am. Whoever serves me, my Father will honor him." Nami na tajaajiluu barbaadu na hordofuu ti; tanaaf tajaajilaan kiyyalle na woliin addee ani jiru hin jiraata. Nama na tajaajilu Abbaan kiyyalle hin ulfeessa» jedhe.
27 "Now my soul is troubled. What should I say—'Father, save me from this hour'? But this is why I came to this hour. Father, glorify your name." Yesuus itti dabalee, «Amma lubbuun tiyya rakkatteerti, ani maan jedha? ‹Abba'a, yennaan tun akka natti hin dhunne oolchi jedha moo?› Akkas akka hin jenne yennaa rakkinnaa tanaaf dhufe.
28 Then a voice came from heaven: "I have glorified it, and I will glorify it again." Abba'a, maqaa keeti ulfeessi!» jedhe. Achiin duuba qoonqoon ol gubba'aa dhuttee, «Ulfeesseera, ammalle hin ulfeessa» jette.
29 The crowd standing there heard it and said it thundered; others said an angel spoke to him. Gumiin achi dhaabbattee qoonqoo tana dhageette keessaa gariin, «Wonni mandiisu'u» jette; worri kuun, «Ergamaa Waaqaatitti isatti dubbate» jedhe.
30 Jesus said, "This voice came for your sake, not mine. Yesuus ammoo isaaniin, «Qoonqoon tun isiniif jettee dubbatte malee, anaafii moti.
31 Now is the judgment of this world; now the ruler of this world will be cast out. Yennaan biyya lafaa tanatti murantu amma; bulchaan biyya lafa tanaa Seexanni amma hin gatama.
32 And I, when I am lifted up from the earth, will draw all people to myself." Ani Yennaa lafa tana irraa ol kaafame, nama maraa gara kiyya harkisa» jedhe.
33 He said this to show by what kind of death he was going to die. Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru mudhisiisaaf tana jedhe.
34 The crowd replied, "We've heard from the Law that the Christ stays forever. How can you say the Son of Man must be lifted up? Who is this Son of Man?" Gumiin deebittee, «Masiihiin haga bara baraa akka jiraatu seera keenna irraa dhageenneerra. Ati attamiin Masiihiin ol kaafamuu qaba jetta ree? Ilmi namaa kun eennu inni?» jetteen.
35 So Jesus said, "The light is with you a little while longer. Walk while you have light, so darkness doesn't overtake you. Whoever walks in darkness doesn't know where he's going. Yesuus deebisee, «Ifi yennaa gabaaddu'uuf isin woliin hin jiraata. Dukkanti akka isin hin dhaqqanne, ifa adoo qaddanuu ideema'a; nami dukkanaan deemu eessa akka deemiisatti jiru hin beeku.
36 While you have light, believe in the light, so you become children of light." Having said this, Jesus left and hid from them. Ijoollee ifaa akka teetanuuf, adoo ifa qaddanuu, ifatti dhugeeffadha'a» jedheen. Yesuus tana dubbateen duuba, biraa ideemee isaan duralle'ee ifi dhosse.
37 Though he had performed so many signs in their presence, they still would not believe in him, Yesuus addee isaan jiranutti bilbaasota kana mara hujulle, isaan isatti hin dhugeeffanne.
38 so that the word of Isaiah the prophet would be fulfilled, which he spoke: "Father, who has believed our message? And to whom has the arm of our Father been revealed?" Dubbiin raagichi Isaayaas, «Gootta'a, eennutti waan nuuti itti hinne dhugeeffate? Hunni Gootta'aa eennutti mudhatte?» ka jedhe akka muummottuuf tun teete.
39 This is why they could not believe, for Isaiah said again: Maarre isaan dhugeeffatiisa hin dandeenne, sababille Isaayaas addee dhibiille'etti,
40 "He has blinded their eyes and hardened their heart, so that they would not see with their eyes, nor understand with their heart, nor turn—and I would heal them." «Ilti isaanii akka hin dhaggine, gadhaan isaaniille akka hin hubanne, gara isaalle deebi'anee akka hin fayyine, Waaqi ila isaanii jaamseera; gadhaa isaaniille jabeesseera jedha» jedheera.
41 Isaiah said these things because he saw Jesus' glory and spoke about him. Isaayaas ulfinna Yesuusii waan dhaggeef tana jedhee marroo isaa dubbate.
42 Still, many even of the rulers believed in him, but they didn't admit it because of the Pharisees, so they wouldn't be expelled from the synagogue, Te'uu malee, Yihudooti worri baallii qabanu hedduun Yesuusitti dhugeeffatane; ammoo Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa nu baasan jedhanee, Fariisaayota waan sodaataneef, isatti dhugeeffatuu isaanii ifa baasanee hin dubbanne.
43 for they loved the glory that comes from people more than the glory that comes from our Father. Isaan ulfinna Waaqa irraa dhaggachuu caalaa ulfinna nama irraa dhaggachuu jaalatane.
44 Jesus cried out, "Whoever believes in me does not believe in me only, but in the one who sent me. Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Nami natti dhugeeffatu ka na ergelle'etti dhugeeffata malee na qofatti hin dhugeeffatu.
45 And whoever sees me sees the one who sent me. Nami na dhaggu ka na ergelle hin dhagga.
46 I came into the world as light, so no one who believes in me stays in the darkness. Ka natti dhugeeffatu marti dukkana keessatti akka hin hanneef, ani ifa te'ee gara biyya lafaa dhufeera.
47 If anyone hears my words and doesn't keep them, I don't judge him—I didn't come to judge the world, but to save the world. Nama jecha kiyya dhage'ee hin eeganetti ka muru anaa moti; ani biyya lafaa fayyisiisaaf dhufe malee, itti muriisaaf hin dhunne.
48 Whoever rejects me and doesn't accept my words already has a judge: my spoken word will judge him on the last day. Nama na didee Jecha kiyya hin fudhannetti ka muru hin jira. Jecha ani dubbadhettuu gaafa guyyaa dhumaa itti mura.
49 I have not spoken on my own; but the Father who sent me himself commanded me what to say and how to speak. Ani baallii tiyyaan hin dubbanne; ammoo Abbaa na ergetti waan ani jedhee dubbadhu na ajaje.
50 I know his commandment is eternal life, so I say only what the Father told me to say." Ajaji isaa kun gara jiruu bara baraa akka geessu ani hin beeka. Maarre wonni ani dubbadhu, waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti hime» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]