Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 13 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Now, before the Passover festival, Jesus knew his hour had come to leave this world to his Father. Having loved his own in the world, he loved them to the end. Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba'aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te'ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme'eetittille isaan jaalate.
2 During supper, the devil had already put into Judas son of Simon Iscariot's heart the plan to betray Jesus. Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera.
3 Jesus, knowing that the Father had given everything into his hands, and that he had come from him and was returning to him, Yesuus akka Abbaan baallii guutuu isaa kenneeru beeke; akka Waaqa biraa dhufee fi gara Waaqaalle akka deemu beeke.
4 rose from supper, took off his outer clothes, picked up a towel, and tied it around his waist. Maarre inni irbaata irraa ka'ee, woyaa lafa keyatee, fooxaa ittiin haxowanu hidha ifiititti marate.
5 Then he poured water into a basin and began washing the disciples' feet, drying them with the towel tied around him. Achiin duuba inni bisaan qorii itti dhiqatanutti cossee, miila barattoota ifii dhiqee fooxaa hidha ifiititti marateeruun haxowe.
6 He came to Simon Peter, who said to him, "Lord, are you going to wash my feet?" Simoon Pheexroos bira geyee jennaan, Simoon Pheexroos, «Gootta'a, sitti miila kiyya dhiqaa?» jedheen.
7 Jesus answered him, "You do not realize now what I am doing, but later you will understand." Yesuus isaan, «Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta» jedhe.
8 "You will never wash my feet," Peter said. Jesus answered, "Unless I wash you, you share nothing with me." Pheexroos deebisee, «Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!» jedheen. Yesuus deebisee, «Yoo ani miila keeti hin dhiqin, na biraa qooda hin qaddu» jedheen.
9 Simon Peter said to him, "Lord, not only my feet, but also my hands and head!" Simoon Pheexroos deebisee, «Gootta'a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!» jedheen.
10 Jesus told him, "One who has bathed needs only to wash his feet—he is fully clean. You are clean, but not all of you." Yesuus deebisee, «Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti» jedheen.
11 He knew who would betray him; that's why he said, "Not all of you are clean." Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, «Isin marti qulqullu'uu moti» jedhe.
12 After washing their feet and dressing, he reclined again and said to them, "Do you understand what I have done for you? Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi'ee tee'ee, «‹Waan ani isinii godhe hubattanee?› jedhee gaafate.
13 You call me Teacher and Lord, and rightly so, for that is what I am. ‹Barsiisa'a, Goottaalle› jettanee na waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san.
14 So if I, your Lord and Teacher, washed your feet, you too must wash each other's feet. Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila keessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan.
15 For I have given you an example, that you should do as I have done for you. Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te'eera.
16 Truly, truly, I say to you, a servant isn't greater than his master, nor a messenger greater than his sender. Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu.
17 If you know these things, you are blessed if you do them. Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane.
18 "I don't mean all of you—I know those I've chosen. But Scripture must be fulfilled: 'The one eating my bread has raised his heel against me.' «Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‹Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee natti ka'e!› jedhu muummowuu qaba.
19 I tell you now, before it happens, so you'll believe, once it happens, that I AM. Yennaa inni muummowe, isin akka Ani Isa te'e akka dhugeeffattanuuf, adoo inni hin te'in dura amma ani tana isinitti hima.
20 Truly, truly, I tell you, whoever welcomes someone I send welcomes me, and whoever welcomes me welcomes the one who sent me." Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu na fudhata; nami na fudhatulle ka na erge fudhata» isaaniin jedhe.
21 After saying this, Jesus, troubled in spirit, testified, "Truly, truly, I tell you, one of you will betray me." Yesuus tana dubbateeruun duuba, yaada ifiitiin rakkatee, «Ani dhugaa isinitti hima: Isin keessaa tokkochi dabarsee na hin kenna» jedhee ifa tolchee dubbate.
22 The disciples looked at one another, at a loss to know which of them he meant. Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane.
23 One of his disciples, the one Jesus loved, was reclining at his side. Barattoota keessaa tokko, ka Yesuus isa jaalatu, Yesuusitti aanee tee'eeraayyu.
24 So Simon Peter motioned to him to ask which one Jesus meant. Simoon Pheexroos, barataa sanitti qiphifatee, «Marroo eennuutiif akka Yesuus dubbatiisatti jiru gaafadhu» jedheen.
25 Leaning back against Jesus, he asked him, "Lord, who is it?" Maarre tanaaf barataan sun ittuma Yesuusitti hiiqee, «Gootta'a, eennu inni?» jedhee gaafate.
26 Jesus answered, "It's the one I'll give this bread to, once I've dipped it." Then he dipped the bread and gave it to Judas, son of Simon Iscariot. Yesuus deebisee, «Ka ani cassaa daabbo'oo tana unata keessa cuuphee tuuqachiisu isa» jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise.
27 After Judas took the bread, Satan entered into him. So Jesus told him, "Do quickly what you're doing." Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, «Waan hujaartu dafii huji!» jedheen.
28 But no one reclining at the table understood why he said this to him. Worra irbaata irra jiru san keessaa Yesuus maaf tana akka isaan jedhe nami tokkolle ka beeke hin jiru.
29 Since Judas held the money bag, some thought Jesus meant, 'Buy what we need for the feast,' or, 'Give something to the poor.' Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane.
30 As soon as Judas had taken the bread, he went out. And it was night. Yihudaan cassaa daabbo'oo fudhatee yoosuma gad baye. Yennaan sun halkan.
31 After Judas left, Jesus said, "Now the Son of Man is glorified, and my Father is glorified in him. Yihudaan gad bayeen duuba, Yesuus, «Ilmi Namaa amma ulfaateera; Waaqille isaan ulfaateera.
32 If my Father is glorified in him, my Father will also glorify the Son in himself and glorify him immediately. Waaqi isaan yoo ulfaate, Waaqille isa hin ulfeessa; ariifateelle isa hin ulfeessa.
33 Dear children, I'm with you a little longer. You'll look for me, and as I told the Jewish leaders, so I tell you now: where I'm going, you can't come. Ijoollee tiyya, ani yennaa guddoo isin woliin hin jiraadhu. Isin na barbaadu'uuf jirtan; ani ammoo, ‹Addee ani dhaqiisatti jiru isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedhee waanuma Yihudoota baallii qabanutti hime amma isinitti hima.
34 I give you a new command: love one another. As I have loved you, so you must love one another. Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha'a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a.
35 By this everyone will know that you are my disciples, if you love one another." Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.
36 Simon Peter said to him, "Lord, where are you going?" Jesus answered, "Where I'm going you can't follow me now, but you'll follow later." Simoon Pheexroos, «Gootta'a, eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, «Addee ani dhaqaaru amma na hordottee hin dandeettu; duuba ammoo ana hin hordotta» jedheen.
37 Peter asked, "Lord, why can't I follow you now? I'll lay down my life for you." Pheexroos, «Gootta'a, amma si hordofiisa maaf hin dandeenne? Ani lubbuu tiyyalle si'iif dabarsee hin kenna» jedheen.
38 Jesus replied, "You will lay down your life for me? Truly, truly, I tell you: the rooster won't crow until you have denied me three times." Yesuus deebisee, «Ati dhugumaan lubbuu teeti naaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedheen.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]