Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 14 guj

Show guj only
Verse × ×
1 "Do not let your hearts be troubled. Believe in our Father; believe also in me. Yesuus barattoota ifiitiin, «Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha'a; analle'etti dhugeeffadha'a!
2 In my Father's house are many rooms. If it were not so, would I have told you that I am going to prepare a place for you? Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto'oo heddu'utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu.
3 And if I go and prepare a place for you, I'll come back and take you to myself, so you'll be where I am. Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi'ee dhufee isin fudhadha.
4 And you know the way to where I am going." Karaa addee ani dhaqaaru geessu san isin hin beettan» jedhe.
5 Thomas said to him, "Lord, we don't know where you're going—how can we know the way?" Toomaas isaan, «Gootta'a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?» jedhe.
6 Jesus told him, "I am the way, and the truth, and the life. No one comes to the Father except through me. Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga'aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba'aa hin dhufu.
7 Had you known me, you would have known my Father too. Starting now, you know him and have seen him." Adoo na beettanee jiraattanee Abbaa kiyyalle hin beettaniiyyu. Ammaan jalqaddanee isa hin beettan, isalle dhaggitaneertan» jedheen.
8 Philip said to him, "Lord, show us the Father, and that will be enough for us." Filiphoos isaan, «Gootta'a, Abbaa nu'utti mudhisi; sun nu geetti» jedheen.
9 Jesus said, "Philip, I've been with you this long, and you don't know me? Whoever has seen me has seen the Father. How can you say, 'Show us the Father'? Yesuus deebisee, «Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee'eera; Filiphoos! Ati haga ammaa na hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‹Abbaa nu'utti mudhisi› jetta ree?
10 Don't you believe I'm in the Father, and the Father in me? The words I speak to you aren't my own—the Father living in me does his works. Filiphoos! Akka ani Abba'aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, na keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja.
11 Believe me: I'm in the Father, the Father in me—or else believe because of the works themselves. Ani Abba'aan, Abbaalle anaan akka jiru yennaa ani dubbadhe na dhugeeffadha'a. Yookiin sababa waan Ani hujeetiif natti dhugeeffadha'a.
12 Truly, truly, I tell you, whoever believes in me will do the works I do, and will do even greater works, because I am going to the Father. Ani dhugaa isinitti hima: Nami natti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba'aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja.
13 Whatever you ask in my name, I will do it, so the Father may be glorified in the Son. Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha.
14 If you ask me anything in my name, I will do it. Waan mara maqaa kiyyaan yoo na gaafattane, ani hin godha» jedhe.
15 "If you love me, you will keep my commandments. Yesuus deebisee, «Isin yoo na jaalattane, ajaja kiyya hin eeggattan.
16 And I will ask the Father, and he will give you another Helper, the Holy Spirit, to be with you forever, Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna.
17 the Spirit of truth, whom the world cannot receive, since it neither sees him nor knows him. But you know him, since he remains with you and will be in you. Inni Ayyaana dhuga'aa ti. Biyyi lafaa waan isa hin dhaggineef yookiin isa hin beenneef, isa hin fudhattu. Isin ammoo waan inni isin keessaa fi isin woliin jiraatuuf, isa hin beettan.
18 I will not leave you as orphans; I will come to you. «Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi'ee gara keessan hin dhufa.
19 Soon the world won't see me anymore, but you will see me. Because I live, you will live too. Yennaa diqqo'oon duuba biyyi lafaa deebitee na hin dhaggitu; isin ammoo na hin dhaggitan; ani jiraataa waan te'eef, isinille hin jiraattan.
20 On that day you'll know: I'm in my Father, you in me, and I in you. Ani Abbaa kiyyaan, isin anaan, anille isiniin akka jiru, guyyaa san hin beettan.
21 Whoever has my commandments and keeps them loves me, and my Father will love whoever loves me. I will love him and show myself to him." «Nami na jaalatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaalatu hin jaalata; anille isa hin jaaladha, ifille isatti hin mudhisa» jedhe.
22 Judas, not Iscariot, asked, "Lord, why show yourself to us and not to the world?" Yihudaa nama biyya Keriyootii adoo hin te'in, Yihudaan dhibiin, «Gootta'a, biyya lafaatitti adoo hin te'in, attamiin nu'utti ifi mudhitta?» jedhe.
23 Jesus replied, "Anyone who loves me will keep my word, and my Father will love that person, and we will come to them and make our home with them. Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena.
24 Whoever doesn't love me doesn't keep my words. And the word you hear isn't mine but the Father's who sent me. Nami na hin jaalanne Jecha kiyya hin eegatu. Jechi isin dhageettanu kun, ka Abbaa na ergeeti malee, kiyyaa moti.
25 I have spoken these things to you while I am still with you. «Ani amma adoo isin woliin jiruu tana isinitti himeera.
26 But the Helper, the Holy Spirit, whom the Father will send in my name, will teach you everything and remind you of everything I said to you. Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaabachiisa.
27 Peace I leave you; my own peace I give you. Not as the world gives, I give it. Don't let your hearts be troubled or afraid. «Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e.
28 You heard me say to you, 'I'm going away, and I'm coming to you.' If you loved me, you'd have rejoiced, because I'm going to the Father, for the Father is greater than I. ‹Ani deemaara, ammoo deebi'ee gara keessan hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo na jaalattanu teetee, Abbaan na waan caaluuf, gara Abba'aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu.
29 And now I've told you before it happens, so that when it happens you'll believe. Tun yennaa teete akka dhugeeffattanuuf, duraan dursee adoo tun mara hin te'in, amma isinitti himeera.
30 I won't talk with you much longer—this world's ruler is coming. He has no hold on me, Ka biyya lafaa tana bulchu Seexanni waan dhufiisatti jiruuf, kanatti dabalee yoona guddoo isin woliin hin dubbadhu. Inni na irratti hunna hin qabu;
31 but I do exactly as the Father commanded me, so the world may know I love the Father. Get up, let's leave this place." ammoo akka ani Abbaa jaaladhu biyyi lafaa akka beettuuf, waan Abbaan na ajaje mara huja; ka'aa me addee tanaa deennaa» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]