Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 11 guj

Show guj only
Verse × ×
1 A man named Lazarus was sick, from Bethany, the village of Mary and her sister Martha. Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le'u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maartaan le'anu.
2 Mary—whose brother Lazarus was sick—anointed the Lord with fragrant oil and dried his feet with her hair. Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta'aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi'ii ti.
3 So the sisters sent word to him, saying, "Lord, the one you love is sick." Obboleettoti Alaazarii: «Gootta'a, nami ati jaalattu dhibameera» jedhanee Yesuusitti ergane.
4 Hearing this, Jesus said, "This sickness won't end in death, but is for the glory of our Father, so the Son of our Father may be glorified through it." Yesuus yennaa tana dhage'e, «Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du'ee akka hafuufii moti» jedhe.
5 Now Jesus loved Martha and her sister and Lazarus. Yesuus Maartaa, obboleettii isi'ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu.
6 So when he heard Lazarus was sick, he stayed two more days where he was. Akka Alaazar dhibame dhage'ulle, addee jiru san guyyaa lama oole.
7 Then after this he said to the disciples, "Let us go back to Judea." Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda'aa deebinee dhandha» jedhe.
8 The disciples said to him, "Rabbi, the Jews just now tried to stone you, and you're going back there?" Barattooti isaan, «Barsiisa'a, dhikoo tana Yihudooti dhaka'aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?» jedhaneen.
9 Jesus answered, "Aren't there twelve hours in the day? Anyone who walks by day won't stumble - he sees the light of this world. Yesuus deebisee, «Guyyaan tokko saatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya'aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu.
10 But if anyone walks at night, he stumbles, because the light is not in him." Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata» jedhe.
11 After this, he told them, "Our friend Lazarus has fallen asleep, but I'm going to wake him." Yesuus tana jedheen duuba dabalee, «Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa» jedhe.
12 So the disciples said to him, "Lord, if he has fallen asleep, he will get better." Barattooti isaa deebisanee, «Gootta'a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya» jedhane.
13 Now Jesus had been speaking about his death, but they thought he meant natural sleep. Yesuus akka Alaazar du'eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane.
14 So then Jesus told them plainly, "Lazarus has died, Maarre Yesuus ifa tolchee, «Alaazar du'eera;
15 I'm glad for your sake I wasn't there, so you'll believe. But let's go to him." ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka'aa gara isaa dhandhaa!» isaaniin jedhe.
16 So Thomas, called the Twin, told the other disciples, "Let's go too, and die with him." Toomaasiin Didimoos jedhamu barattoota dhibi'iin, «Kowaa me nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!» jedhe.
17 So when Jesus arrived, he found that Lazarus had already been in the tomb four days. Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te'e dhagge.
18 Bethany was near Jerusalem, about two miles away, Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetira sadii fagaatti;
19 and many of the Jews had come to Martha and Mary to console them about their brother. Yihudooti hedduun Maarta'aa fi Maariyaam marroo du'a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran.
20 When Martha heard Jesus was coming, she went to meet him; Mary stayed sitting in the house. Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte.
21 Martha said to Jesus, "Lord, if you had been here, my brother would not have died. Maartaan Yesuusiin, «Gootta'a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'uuyyu!
22 But even now I know that whatever you ask of our Father, he will give you." Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka» jette.
23 Jesus said to her, "Your brother will rise again." Yesuus, isi'iin, «Obboleessi keeti du'aa hin ka'a» jedhe.
24 Martha said to him, "I know he'll rise again in the resurrection on the last day." Maartaan deebittee, «Guyyaa muumme'ee yennaa du'aa ka'iisaa, akka inni du'aa ka'u ani hin beeka» jette.
25 Jesus told her, "I am the resurrection and the life. Whoever believes in me will live, even though he dies, Yesuus, «Du'aa ka'iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du'ulle jiru'uun hin le'a;
26 and everyone who lives and believes in me will never die. Do you believe this?" Ka jiru'uun le'uu fi natti dhugeeffatu marti hin du'u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi'iin jedhe.
27 She said to him, "Yes, Lord; I believe you are the Christ, the Son of our Father, the one coming into the world." Isiin, «Ee Gootta'a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha» jetteen.
28 After saying this, she went and called her sister Mary privately: "The Teacher is here—he's calling for you." Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, «Barsiisaan as jira, si'ille waamiisatti jira» jetteen.
29 When Mary heard this, she rose quickly and went to him. Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe.
30 Jesus had not yet entered the village; he was still where Martha met him. Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu.
31 The Jews with her in the house, comforting her, saw Mary rise quickly and leave; they followed, thinking she was going to the tomb to weep there. Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka'ane.
32 Mary came to Jesus, saw him, fell at his feet, and said, "Lord, if you had been here, my brother would not have died." Maariyaam addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, «Gootta'a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'u» jetteen.
33 When Jesus saw her weeping, and the Jews who came with her also weeping, he groaned in spirit and was troubled. Yesuus bowiisa isi'iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka bowiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee,
34 And he said, "Where have you laid him?" They said to him, "Lord, come and see." «Eessatti awwaaltane?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Gootta'a, koyii ilaali» jedhanee deebisane.
35 Jesus wept. Yesuus bowe.
36 So the Jews said, "See how he loved him!" Yihudooti, «Attam akka inni isa jaalate ilaala'a!» jette.
37 But some of them said, "Could this man who opened the blind man's eyes not have kept him from dying?" Isaan keessaa gariin ammoo, «Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande'uuyyuu?» jedhane.
38 So Jesus, again deeply moved in himself, came to the tomb—a cave with a stone against it. Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru.
39 Jesus said, "Take away the stone." Martha, the dead man's sister, said to him, "Lord, he must smell by now—he's been dead four days." Yesuus, «Dhakaa irraa kaasa'a!» jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du'ee, «Gootta'a, inni haga du'ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!» jetteen.
40 Jesus said to her, "Didn't I tell you: if you believe you'll see our Father's glory?" Yesuus isi'iin, «Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?» jedhe.
41 So they removed the stone. Jesus looked up and said, "Father, I thank you that you heard me. Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, «Ee Abba'a, waan na dhageetteef, si galateeffadha.
42 I knew you always hear me, but I said this for the crowd standing here, so they may believe you sent me." Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe» jedhe.
43 When he had said this, he cried out with a loud voice, "Lazarus, come out!" Tana jedheen duuba, Yesuus, «Alaazar, as bayi!» jedhee qoonqoo guddo'oon waame.
44 The dead man came out, feet and hands bound with strips of linen, and his face wrapped in cloth. Jesus said to them, "Untie him; let him go." Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya'aan maramee, gad baye. Yesuus, «Hiika'aatii lakkisa'a, deemuutii» isaaniin jedhe.
45 So many of the Jews who came to Mary and saw what Jesus did believed in him. Yihudoota gara Maariyaamii dhufaneeranu keessaa hedduun waan Yesuus huje dhagganee, isatti dhugeeffatane.
46 But some of them went to the Pharisees and told them what Jesus had done. Isaan keessaa gariin ammoo gara Fariisaayotaa dhaqanee waan Yesuus huje itti himane.
47 So the chief priests and Pharisees convened the council and said, "What are we doing? For this man performs many signs. Maarre sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti kora murti'ii waamanee, «Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala'a! Maan goona?
48 If we leave him alone, everyone will believe in him, and the Romans will come and take away both our place and our nation." Akkanumaan yoo isa lakkinne, nami maraa isatti hin dhugeeffata; worri Rooma'aalle dhufee Galma Waaqaa keennaa fi kolbaa teenna hin balleessa» jedhane.
49 But one of them, Caiaphas, high priest that year, told them, "You know nothing at all. Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te'eeru, «Isin ijjumaa wo hin beettanu;
50 Don't you see it's better for you that one man die for the people than the whole nation perish?" kolbaan duudiin badu'uu mannaa, nami tokko kolba'aaf du'uun isiniif woyya; isin ijjumaa tana hin hubattanuu?» isaaniin jedhe.
51 He didn't say this on his own; as high priest that year, he prophesied Jesus would die for the nation, Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te'eef, Yesuus kolbaa Yihudi'iitiif akka du'aaru raage.
52 not only for the nation, but also to gather into one the scattered children of our Father. Isaan qofaaf adoo hin te'in, kolbaa Waaqaa ta bittinnootte maralle wolitti rariisaaf du'a.
53 So from that day on they plotted to put him to death. Guyyaa sanii jalqabanee Yihudooti baallii qabanu Yesuus ijjeesiisaaf mala dhowane.
54 So Jesus no longer moved about openly among the Jews, but withdrew to a town called Ephraim near the wilderness, and stayed there with his disciples. Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efreem jedhamuu, ka goomole'een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule.
55 The Jews' Passover was near, and many went up from the country to Jerusalem before it to purify themselves. Yennaan Jila Irra Dabarama Yihudootaa dhikaatteertiiyyu; biyya keessaa namooti hedduun jilaan dura akka aadaa dhugeeffannaa isaaniititti ifi qulqulleessu'uuf gara Yerusaalemii ol bayane.
56 So they looked for Jesus, asking each other as they stood in the temple, "What do you think? Surely he won't come to the feast?" Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, «Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?» jedhanee wol gaafatane.
57 The chief priests and Pharisees had ordered that anyone who knew his whereabouts must report it, so they could arrest him. Sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande'anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]