Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 10 guj

Show guj only
Verse × ×
1 "Truly, truly, I tell you: whoever doesn't enter the sheepfold through the gate, but climbs in another way, is a thief and a robber. Yesuus, «Ani dhugaa isinitti hima, nami gara gooree hoolotaa balbalaan adoo hin te'in, karaa dhibi'iin yaabee seenu, hattu'uu fi saamtu'u.
2 But the one who enters by the gate is the shepherd of the sheep. Nami gara gooree hoolotaa balbalaan seenu ammoo, tissee hoolotaa ti.
3 The gatekeeper opens for him, and the sheep hear his voice. He calls his own sheep by name and leads them out. Ka balbala eegu balbala isaaf hin bana. Hoolotille qoonqoo isaa hin dhage'an. Inni hoolota ifii maqa'aan waamaa, dura deemaa gad baasa.
4 After bringing all his own out, he goes ahead of them, and the sheep follow him because they know his voice. Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan.
5 They will never follow a stranger—they'll run from him, since they don't know the voice of strangers." Isaan qoonqoo ormaa waan hin beenneef, irraa baqatan malee, isa hin hordofanu» jedhe.
6 Jesus told them this figure of speech, but they didn't grasp what he meant. Yesuus mammaassa kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni jedhe hin hubanne.
7 So Jesus said again, "Truly, truly, I tell you, I am the gate for the sheep. Yesuus ammalle, «Ani dhugaa isinitti hima: balbalti hoolotaa ana.
8 "All who came before me are thieves and robbers, but the sheep did not listen to them. Worri dhibiin ka anaan dura dhufe marti hattu'uu fi saantu'u, hooloti ammoo isaan hin dhageettu.
9 I am the gate; whoever enters through me will be saved, going in and out, finding pasture. Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata.
10 The thief comes only to steal, kill, and destroy. I came so they may have life, and have it in abundance. Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleessiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firinxiixxuu akka qabaattuuf dhufeera» jedhe.
11 "I am the good shepherd. The good shepherd lays down his life for the sheep. Yesuus, «Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna.
12 The hired hand, not a shepherd, doesn't own the sheep. Seeing the wolf coming, he leaves the sheep and flees—the wolf snatches and scatters them. Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittinneessiti.
13 The man runs away because he is a hired hand and cares nothing for the sheep. Namichi qaxaramee tissu, waan qaxaramee tissuuf, hoolotaafille waan hin rakkaneef lakkisee dheeta.
14 "I am the good shepherd. I know my own and my own know me, Tisseen dansaan ana. Akkuma Abbaan na beeku, anilleen isa beeka; akkuma ani hoolota tiyya beeku, isaanille na beekan. Anille isaaniif lubbuu tiyya dabarsee kenna.
15 as the Father knows me and I know the Father, and I lay down my life for the sheep. Not in this edition
16 I have other sheep not of this fold; I must lead them too, and they will hear my voice. They will become one flock, one shepherd. Ani hoolota dhibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha.
17 This is why the Father loves me: I lay down my life only to take it up again. «Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata.
18 No one takes it from me, but I lay it down on my own. I have authority to lay it down, and authority to take it up again. This charge I received from my Father." Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe» jedhe.
19 These words brought division among the Jews once again. Sababa jecha kanaatiif ammalle Yihudooti yaadaan gargar qoqoodante.
20 Many of them said, "He is demon-possessed and out of his mind. Why listen to him?" Isaan keessaa nami hedduun, «Inni durriisa ifi keessaa qaba! Inni maraata'a! Isin maaf isa dhageettan?» jedhane.
21 But others said, "These aren't a demon-possessed man's words. Can a demon open blind eyes?" Worri dhibiin ammoo, «Tun dubbii nama durriisa ifi keessaa qabuutii moti! Durriisi ballaa ila banuu dande'aa?» jedhane.
22 Then came the Feast of Dedication at Jerusalem. It was winter, Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilifamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna.
23 and Jesus was walking in the temple, in Solomon's Colonnade. Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabii Solomoon jala deddeebi'u keessa ideemiisatti jiruun,
24 The Jews surrounded him and said, "How long will you hold us in suspense? If you are the Christ, tell us plainly." Yihudooti isa marsitee, «Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti himi: Ati Masiihii?» jedhanee gaafatane.
25 Jesus answered, "I told you, and you don't believe. The works I do in my Father's name testify about me, Yesuus deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju naaf dhugaa baati;
26 but you do not believe, because you are not my sheep. isin ammoo hoolee tiyya waan hin te'iniif, hin dhugeeffattanu.
27 My sheep listen to my voice; I know them, and they follow me. Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan.
28 I give them eternal life, and they will never perish, and no one will snatch them from my hand. Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande'u.
29 My Father, who gave them to me, is greater than all; no one can snatch them out of the Father's hand. Abbaan kiyya, ka isaan naaf kenne waan mara caala, eennulle dande'ee harka Abba'aatii isaan hin butu.
30 I and the Father are one." Abba'aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
31 Again the Jews picked up stones to stone him. Achiin duuba Yihudooti dhaka'aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte.
32 Jesus replied, "I have shown you many good works from the Father. For which of these are you going to stone me?" Yesuus deebisee, «Ani hujii dansaa hedduu Abbaan natti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhaka'aan na tumiisaaf barbaaddan?» jedhe.
33 "We're stoning you not for good work," they said, "but for blasphemy, because you, a mere man, claim to be God." Yihudooti deebisanee, «Wonni nuuti dhaka'aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle'eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota» jedhaneen.
34 Jesus answered them, "Is it not written in your Law: 'I have said you are gods'? Yesuus deebisee, «Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‹Isin waaqota› ka jedhe barreeffanteertii motii?
35 If he called them 'gods,' to whom the word of my Father came—and Scripture cannot be broken, Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‹Isin waaqota› yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te'e,
36 what about the one the Father set apart and sent into the world? Why accuse me of blasphemy for saying, 'I am the Son of our Father'? ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‹Waaqa faanshessita› attam jettan ree?
37 "If I am not doing the works of my Father, then do not believe me. Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te'e, natti hin dhugeeffatina'a.
38 But if I do them, even if you won't believe me, believe the works, so you'll know and keep knowing the Father is in me, and I in the Father." Yoo ani huju te'e ammoo, natti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan na keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubattanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha'a» isaaniin jedhe.
39 Again they tried to seize him, but he escaped their grasp. Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe.
40 Jesus then went back across the Jordan, to the place where John had first been baptizing, and stayed there. Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi'ee dhaqee, achi bubbule.
41 Many came to him, saying, "John performed no sign, but all John said about this man was true." Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, «Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga'a» jedhane.
42 And in that place many believed in him. Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]