Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 9 guj

Show guj only
Verse × ×
1 As Jesus passed by, he saw a man who had been blind from birth. Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te'ee dhalateeru tokko dhagge.
2 His disciples asked him, "Rabbi, who sinned, this man or his parents, that he was born blind?" Barattooti isaa, «Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane.
3 "Neither this man nor his parents sinned,' Jesus answered, 'but this happened so the works of our Father might be revealed in him. Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te'e.
4 We must do the works of the one who sent me while it is day; night comes, when no one can work. Adoo guyya'aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa.
5 As long as I am in the world, I am the light of the world.'" Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe.
6 Saying this, he spat on the ground, made mud from the saliva, and smeared it on the man's eyes. Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee,
7 He told him, "Go, wash in the pool of Siloam" (meaning Sent). So the man went, washed, and returned able to see. «Dhaqiitii haroo Siilo'aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo'aam» jechuun ka ergame jechu'u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi'ee dhufe.
8 Neighbors and those who'd seen him begging before said, "Isn't this the one who used to sit and beg?" Ollooti isaatii fi kolbaan tanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, «Namichi kun ka tee'ee kadhatuu motii?» jedhanee gaafatane.
9 Some said, "That's him." Others said, "No, he just looks like him." He kept saying, "I'm the one." Gariin, «Isuma» jedhane; ka dhibiin ammoo, «Waawwo'o, isa fakkaata malee, isaa moti» jedhane. Namichi ammoo, «Ani isuma» jedhe.
10 So they asked him, "Then how were your eyes opened?" Isaan, «Ilti teeti attamiin banante ree?» jedhanee isa gaafatane.
11 He replied, "The man called Jesus made mud, smeared it on my eyes, and told me, 'Go to Siloam and wash.' So I went, washed, and could see." Inni deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu natti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e» jedhe.
12 They said to him, "Where is he?" He said, "I do not know." Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Ani hin beeku» jedhe.
13 They brought the man who had been blind to the Pharisees. Achiin duuba isaan namicha dur balla'aa kaan gara Fariisaayotaa geessane.
14 Now it was a Sabbath day when Jesus made the mud and opened his eyes. Guyyaan Yesuus biyyee dhoqqeessee ila namicha balla'aa fayyise sun guyyaa Sanbataa ti.
15 So the Pharisees also asked him again how he had gained sight. He told them, "He put mud on my eyes, and I washed, and I see." Fariisaayotille attam akka inni dhagguu dande'e namicha gaafatane. Namichi deebisee, «Yesuus dhoqqee ila tiyya dibe; ani dhiqadhee, amma dhagguu dande'e!» jedhe.
16 Some Pharisees said, "This man isn't from God—he doesn't keep the Sabbath." Others said, "How can a sinful man do such signs?" So they were divided among them. Fariisaayoti gariin, «Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u» jedhane. Worri kuun ammoo, «Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?» jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqoodam te'e.
17 Again they asked the blind man, "What do you say about him, since he opened your eyes?" He said, "He is a prophet." Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, «Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?» jedhanee gaafatane. Namichi deebisee, «Inni raaga'a» jedhe.
18 The Jews did not believe he had been blind and gained sight, until they summoned the parents of the man who had gained sight. Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne.
19 They asked them, "Is this your son you say was born blind? How then does he now see?" Maarre isaan worraan, «Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?» jedhanee gaafatane.
20 His parents answered, "We know that this is our son and that he was born blind. Worri isaa deebisee, «Akka inni ilma keenna te'e, ballaa te'eelle akka dhalate hin beenna.
21 But how he now sees, we don't know; or who opened his eyes, we don't know. Ask him—he's an adult; he'll speak for himself." Amma ammoo attamiin akka inni dhagguu dande'e, yookiin eennu ila isaa akka bane nuuti hin beennu. Inni nama gudda'a, ifumaafuu dubbatuu hin dande'a; isa gaafadha'a!» jedhane.
22 His parents said this, fearing the Jews, since the Jews had already agreed that if anyone confessed Jesus as the Christ, he would be expelled from the synagogue. Nami akka Yesuus Masiihii te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe.
23 That was why his parents said, "He is of age; ask him." Waan kanaaf worri isaa, «Inni nama gudda'a; isa gaafadha'a!» jedhane.
24 So they called the once-blind man again and said, "Give God the glory. We know this man is a sinner." Isaan namicha dur ballaa te'ee dhalate lammeessoo waamanee, «Ati Waaqa ulfeessii dhugaa dubbadhu! Namichi kun akka cubbaalessaa nuuti hin beenna» jedhaneen.
25 He replied, "Whether he's a sinner, I don't know. I know one thing: I was blind, now I see." Namichi deebisee, «Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga» jedhe.
26 They said to him, "What did he do to you? How did he open your eyes?" Isaan, «Inni maan sii godhe? Inni attamiin ila teeti bane?» jedhanee gaafatane.
27 He answered them, "I already told you, and you didn't listen. Why do you want to hear it again? Do you also want to become his disciples?" Inni deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?» jedhe.
28 And they reviled him, saying, "You are his disciple, but we are disciples of Moses. Isaan isa arrassanee, «Si'ittuu barataa isaa ti; nuuti ammoo barattoota Muuse'ee ti.
29 We know God spoke to Moses, but we don't know where this man is from." Nuuti akka Waaqi Muuse'etti dubbateeru hin beenna; namichi kun ammoo, inni eessaa akka dhufeeyyuu hin beennu!» jedhaneen.
30 The man answered them, "Here's the amazing thing: you don't know where he's from, yet he opened my eyes. Namichi deebisee, «Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane!
31 We know God doesn't listen to sinners, but if anyone reveres God and does his will, God listens to him. Waaqi cubbaaleyyi'iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage'a.
32 Never since the world began has anyone heard of someone opening the eyes of a person born blind. Nama ballaa te'ee dhalate tokko ka ila bane jira jedhamuun, haga biyyi lafaa dadantee ijjumaa dhage'antee hin beettu.
33 If this man were not from God, he could do nothing." Nami kun Waaqa biraa adoo dhufuu dhabaatee, waan tokkolle godhuu hin dande'uuyyu» isaaniin jedhe.
34 They answered him, "You were born entirely in sin, yet you teach us?" and threw him out. Isaan, «Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?» jedhanee gussanee gad isa baasane.
35 Jesus heard they had thrown him out, and finding him, said, "Do you believe in the Son of Man?" Yesuus akka isaan namicha gussanee gad baasane dhage'ee, yennaa isa dhagge, «Ilma Namaatitti hin dhugeeffattaa?» jedhee isa gaafate.
36 He answered, "And who is he, sir, so I can believe in him?" Namichi deebisee, «Goottaa kiyya, kam inni? natti himi, itti dhugeeffadhaa!» jedheen.
37 Jesus said to him, "You have seen him, and it is he who is speaking with you." Yesuus isaan, «Ati duruu isa dhaggiteerta, ka amma si woliin dubbatiisatti jiruuyyu isa» jedhe.
38 He said, "Lord, I believe," and he worshiped him. Namichi, «Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha» jedhee isaa sagade.
39 Jesus said, "I came into this world for judgment, so those who don't see may see, and those who see may become blind." Yesuus, «Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te'u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe» jedhe.
40 Some Pharisees with him heard this and said, "Are we blind too?" Worra Fariisaayotaa ka isa woliin achi jiranu keessaa gariin isaa tana jedhu dhage'anee, «Dhugumaan nuutilleen balloota jechuu keetii ree?» jedhanee isa gaafatane.
41 Jesus told them, "If you were blind, you would have no sin; but since you say, 'We see,' your sin remains." Yesuus isaaniin, «Isin balloota adoo teetanee, silaa yakkaa hin qaddanuuyyu; amma ammoo hin dhaggina waan jettanuuf, isin yakkaameyyi'i» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]