Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 8 guj

Show guj only
Verse × ×
1 But Jesus went to the Mount of Olives. Yesuus ammoo gara gaara Ejersaa deeme.
2 At dawn he came again to the temple; all the people came to him, and he sat down and taught them. Boruyyaa ganama inni gara Galma Waaqaa deebi'e. Kolbaan marti isa biratti wolitti qabantee, inni gad tee'ee isaan barsiisuu jalqabe.
3 The scribes and Pharisees brought a woman caught in adultery and stood her in the middle. Barsiisoti Seeraatii fi Fariisaayoti dubartii gaarayyeeffata irratti qabante takka ol seensisanee, fuula isaan maraa dura dhaabbachiisanee,
4 They said to him, "Teacher, this woman was caught in the act of adultery. Yesuusiin, «Barsiisa'a, dubartiin tun gaarayyeeffata irratti qabanteerti.
5 Now in the Law, Moses commanded us to stone such women. So what do you say? Muuseen Seera keessatti dubartiin akkasii tun dhaka'aan tumantee akka duutu ajajeera. Ati amma maan jetta?» jedhane.
6 They said this to test him, seeking grounds to accuse him. But Jesus bent down and wrote on the ground with his finger." Isaan sababa ittiin isa himatanu dhaggatiisaaf, Yesuus xaqariisaaf tana jedhane. Inni ammoo gad jedhee qubaan lafa irratti barreessuu jalqabe.
7 When they kept questioning him, he stood up and said to them, "Whichever of you has no sin, cast the first stone at her." Isaan ittuma deddeebi'anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, «Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi'itti qolaansuu ti» jedhe.
8 And once more he bent down and wrote on the ground. Achiin duuba inni ammalle gad jedhee lafa irratti barreesse.
9 Hearing this, they left one by one, starting with the oldest, until Jesus was left alone with the woman standing there. Isaan yennaa tana dhage'ane, jaarsole'een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe.
10 Jesus stood up and said to her, "Woman, where are they? Has no one condemned you?" Inni ol jedhee isi'iin, «Dubartii tana, meet isaan? Nami sitti mure tokkolle hin jiruu?» jedhe.
11 She said, "No one, Lord." Jesus said, "I don't condemn you either. Go, and from now on, don't sin anymore." Isiin deebittee, «Gootta'a, nami tokkolle hin jiru» jette. Yesuus, «Anille si'itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin» jedhe.]
12 Jesus spoke to them again: "I am the world's light. Whoever follows me will never walk in darkness but will have the light of life." Yesuus ammalle isaaniin, «Ani ifa biyya lafaa ti; ka na hordofu marti ifa jiru'uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu» jedhee dubbate.
13 So the Pharisees said to him, "You are bearing witness about yourself; your testimony is not true." Worri Fariisaayotaa, «Ati amma ifii keetiif dhugaa bayiisatti jirta; dhugaa bayiisi keeti fudhatama hin qabu» jedhaneen.
14 Jesus replied, "Even if I testify about myself, my testimony is true, because I know where I came from and where I'm going; but you don't know where I come from or where I'm going. Yesuus deebisee, «Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu.
15 You judge according to the flesh; I judge no one. Isin yaada namumma'aatiin murtan; ani nama tokko irralle'etti hin muru.
16 Even if I judge, my judgment is true, since I do not judge alone, but I and the Father who sent me. Ani ammoo yoo murelle, ka na erge Abbaan na woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a.
17 In your Law it is written that the testimony of two people is true. Dhugaa bayi nama lamaa, fudhatama qaba jedhantee Seera keessan keessatti barreeffanteerti.
18 I testify about myself, and the Father who sent me testifies about me." Ani ifii kiyyaaf dhugaa baya; Abbaan na ergelle naaf dhugaa baya» isaaniin jedhe.
19 They asked, "Where is your Father?" Jesus answered, "You know neither me nor my Father. If you knew me, you would know my Father also." Achiin duuba isaan, «Abbaan keeti eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo na beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu» isaaniin jedhe.
20 He said this while teaching in the temple, in the treasury; no one seized him—his hour had not yet come. Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne.
21 So he told them again, "I am going away. You will look for me and die in your sin. Where I am going, you cannot come." Yesuus ede'eelle, «Ani hin deema; isin na hin barbaaddan; ammoo cubbuu teessaniin hin duutan. Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu» isaaniin jedhe.
22 So the Jews said, "Will he kill himself, since he says, "You can't come where I'm going"?" Maarre Yihudooti, «Inni ‹Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedha. Wonni akkana jedhuuf inni ifi ijjeesaaraa laati?» jedhane.
23 He said to them, "You're from below; I'm from above. You're of this world; I'm not of this world. Yesuus deebisee, «Isin worra jalaa ti; ani ammoo ka gubba'aa ti. Isin ka biyya lafa tanaa ti; ani ammoo ka biyya lafaatii moti.
24 I told you that you'll die in your sins; if you don't believe I AM, you'll die in your sins." Ani ‹Ana› akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe» jedheen.
25 So they said to him, "Just who are you?" Jesus said to them, "Exactly what I've said from the start. Isaan, «Ati eennu?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Kama ani jalqaba irraa kaasee isinitti hime.
26 I have much to say and judge about you, but the One who sent me is true; what I heard from him, I tell the world." Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka na erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha» jedhe.
27 They did not understand that he had been speaking to them about the Father. Isaan marroo Abba'aa akka Yesuus isaanitti dubbatiisatti jiru hin hubanne.
28 So Jesus told them, "When you lift up the Son of Man, then you'll know that I AM, and that I do nothing on my own, but say these things as the Father taught me. Maarre inni isaaniin, «Isin yennaa Ilma Namaa muka irratti ol fuutane, ani eennu akka te'e hin beettan; achiin duuba baallii tiyyaan womaa akka ani hin goone hin beettan; ammoo waan Abbaan akka ani jedhu na barsiise qofaa jedha.
29 The one who sent me is with me; he hasn't left me alone, because I always do what pleases him." Ka na erge na woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne» jedhe.
30 As he was saying these things, many believed in him. Akkuma Yesuus tana dubbateen worri hedduun isatti dhugeeffate.
31 Jesus then told the Jews who had believed him, "If you remain in my word, you are truly my disciples, Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, «Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya;
32 and you will know the truth, and the truth will set you free." isin dhugaa hin beettan; dhugaalle bilisa isin hin baatti» jedhe.
33 They answered him, "We are Abraham's descendants, never enslaved to anyone. How can you say, 'You will become free'?" Isaan deebisanee, «Nuuti sanyii Abrahaamii ti; ijjumaa eennulle'eef garboolee teenee hin beennu. Ati, ‹Bilisa baatan› jechuun keeti maan jechu'u ree?» jedhane.
34 Jesus answered them, "Truly, truly, I tell you: everyone who keeps sinning is sin's slave. Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; ka cubbuu huju martinuu garbicha cubbu'uu ti.
35 The slave does not remain in the house forever; the son remains forever. Garbichi yennaa mara maatii goottaa ifii woliin hin le'u; ilmi ammoo yennaa mara maatii san woliin le'a.
36 So if the Son sets you free, you will be free indeed. Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan.
37 I know you are Abraham's descendants; yet you seek to kill me because my word has no space in you. Akka isin sanyii Abrahaamii teetane ani hin beeka. Te'uu malee isin jecha kiyya waan hin fudhatiniif, na ijjeesiisaaf barbaaddan.
38 I speak what I've seen with my Father, and you do what you heard from your father." Ani waan Abbaa kiyya biratti dhagge dubbadha; isin ammoo waan abbaa keessan irraa dhageettane gootan» jedhe.
39 They answered, "Abraham is our father." Jesus said, "If you were Abraham's children, you'd do the works Abraham did, Isaan deebisanee, «Abbaan keenna Abrahaam» jedhaneen. Yesuus deebisee, «Isin dhugumaan ijoollee Abrahaamii adoo teetanee, hujii Abrahaam huje hin hujjaniiyyu.
40 but now you want to kill me—a man who told you the truth I heard from my Father. Abraham didn't do this. Isin ana nama dhugaa Waaqa irraa dhage'ee isinitti hime ijjeesiisaaf barbaaddan. Abrahaam waan akkanaa hin goone.
41 You do your father's works." They said to him, "We weren't born of sexual sin. We have one Father—God himself." Isin waan abbaan keessan huju hujatiisatti jirtan» jedhe. Isaan deebisanee, «Nuuti ijoollee abbeera'aatii moti; Abbaan nuuti qannu Waaqa tokkocha qofa» jedhane.
42 Jesus said to them, "If God were your Father, you'd love me, for I came from God and am here. I didn't come on my own—he sent me. Yesuus isaaniin, «Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, na hin jaalattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne.
43 Why don't you understand my speech? Because you cannot bear to hear my word. Waan ani jedhu isin maaf hin hubanne? Wonni hubatiisa dhaddanuuf, Jecha kiyya dhage'iisaaf hin dandeettanu.
44 You belong to your father, the devil, and want to carry out his desires. He was a murderer from the beginning, not standing in truth, since no truth is in him. When he lies, he speaks from his own nature, since he's a liar and the lie's father. Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin jiru. Inni dharaamessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata.
45 But because I tell the truth, you do not believe me. Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf, isin natti hin dhugeeffattanu.
46 Who among you convicts me of sin? If I speak truth, why don't you believe me? Isin keessaa nami yakkaa cubbu'uu natti muru eennu? Ani dhugaa yoo dubbadhu, isin maaf ana hin dhugeeffanne ree?
47 Whoever is from our Father hears his words; you don't hear because you're not from our Father." Ka Waaqaa ka te'e, jecha Waaqaa hin dhage'a. Te'uu malee, isin ka Waaqaa waan hin te'iniif, hin dhageettanu» jedhe.
48 The Jews replied, "Aren't we right in saying that you are a Samaritan and have a demon?" Yihudooti deebisanee, «Ati nama samaariya'aa ti; durriisalle ifi keessaa qadda jechuun keenna dhuga'aa motii?» Yesuusiin jedhane.
49 Jesus answered, "I do not have a demon, but I honor my Father, and you dishonor me. Yesuus deebisee, «Ani durriisa ifi keessaa hin qabu. Ani abbaa kiyya ulfeessa; isin ammoo na hin ulfeessitanu.
50 But I'm not seeking my own glory; our Father seeks it, and he judges. Ani ulfinna ifiif hin barbaadu. Ka ulfinna naaf barbaadu ammoo hin jira; ka murulle isa.
51 Truly, truly, I say to you, if anyone keeps my word, he will never see death." Ani dhugumaan isinitti hima; nami jecha kiyya eegatu marti ijjumaa hin du'u» jedhe.
52 The Jews said to him, "Now we know you have a demon. Abraham died, as did the prophets, yet you say, 'Whoever keeps my word will never taste death.' Yihudooti isaan, «Nuuti amma dhugumaan akka ati durriisa ifi keessaa qaddu beenneerra! Abrahaam du'eera; raagotille du'aneeran; ati ammoo, ‹Nami jecha kiyya eegatu ijjumaa hin du'u› jetta.
53 Are you greater than our father Abraham, who died? The prophets died too! Who do you claim to be?" Ati abbaa keenna Abrahaam hin caaltaa? Inni du'eera; raagotille du'aneeran. Ati eennu ifi seeta?» jedhane.
54 Jesus answered, "If I glorify myself, my glory is nothing. It is my Father who glorifies me, of whom you say, 'He is our God.' Yesuus deebisee, «Ani yoo ifi ulfeesse, ulfinni sun gatii hin qabu. Ka ana ulfeessu Abbaa kiyya, ka isin Waaqa keenna jettanu.
55 You don't know him, but I know him. If I said I didn't know him, I'd be a liar like you. But I know him and keep his word. Te'uu malee isin isa hin beettanu; ani ammoo isa hin beeka. Ani yoo isa hin beeku jedhe, akkuma keessan dharaamessa te'a. Ani ammoo isa beeka, jecha isaalle hin eegadha.
56 Your father Abraham rejoiced that he would see my day. He saw it and was glad." Abbaan keessan Abrahaam guyyaa dhufa tiyyaa dhaggiisaaf gammade; dhaggeelle gammade» jedhe.
57 So the Jews said to him, "You're not yet fifty years old, and you've seen Abraham?" Yihudooti isaan, «Ati woggaa shantamaayyuu adoo hin geyin, Abrahaam dhaggitee?» jedhane.
58 Jesus said to them, "Truly, truly, I say to you, before Abraham was, I AM." Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; Abrahaam adoo hin dhalatinuu Ani ‹Ana›» jedhe.
59 So they grabbed stones to throw at him, but Jesus hid himself and slipped out of the temple. Maarre isaan isa tumiisaaf dhakaa fudhatane; Yesuus ammoo ifi dhossee Galma Waaqaatii bayee deeme.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]