Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 7 guj

Show guj only
Verse × ×
1 After this, Jesus traveled around Galilee, not wanting to go into Judea because Jewish leaders there were looking for a chance to kill him. Kanaan duuba, Yihudooti baallii qabanu lafa Yihuda'aa keessa jiranu, isa ijjeesiisaaf waan barbaadaneef, Yesuus Galiilaa keessa deddeebi'e malee, Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne.
2 But the Jewish Festival of Booths was near. Jilti Yihudootaa ta jila Gose'ee jedhantu dhikaatteertuun,
3 His brothers told him, "Leave here and go to Judea, so your disciples can also see the works you do. obboleeyyan Yesuusii isaan, «Barattooti teeti hujii ati hujiisatti jirtu akka dhagganu, addee tana lakkisii gara lafa Yihuda'aa deemi.
4 No one seeking public attention hides what he does. If you're doing these things, show yourself to the world." Eennulle guddoo beekkamuu yoo barbaade, waan hujatiisatti jiru hin dhossu. Ati hujii tana eega hujjee, biyya lafaatitti ifi mudhisi» jedhaneen.
5 For not even his brothers believed in him. Obboleeyyan isaatuu isatti hin dhugeeffanne.
6 So Jesus told them, "My time has not yet come, but for you any time is right. Yesuus isaaniin, «Yennaan tiyya ta anaaf teetu ammalle hin geenne. Yennaan martinuu isiniif ta teetu.
7 "The world cannot hate you, but it hates me, because I testify that its works are evil. Biyyi lafaa isin jibbiisa hin dandeettu; ani ammoo hujiin isi'ii badduu akka teete waan himiisatti jiruuf na jibbiti.
8 You yourselves go up to the festival; I'm not going up to this festival, since my time hasn't yet fully come." Isin gara jilaa dhaqa'a. Yennaan naaf teetu waan hin geyiniif, ani gara jila tanaa hin dhaqu» jedhe.
9 After saying this, he stayed in Galilee. Inni tana jedheen duuba lafa Galiila'aatitti hafe.
10 After his brothers went up to the festival, he too went up—not openly, but secretly. Obboleeyyan isaa gara jilaa deemaneeranuun duuba, Yesuusille mudhi'iin adoo hin te'in dhokaataan dhaqe.
11 So the Jewish leaders were looking for him at the festival and asking, "Where is he?" Jila irratti Yihudooti baallii qabanu isa barbaadanee, «Inni eessa jira?» jedhanee gaafatane.
12 Much murmuring about him spread among the crowds: some said, "He's good," others, "No, he misleads the crowd." Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, «Inni nama dansa'a» jedhe. Worri dhibiin, «Waawwo'o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira» jedhe.
13 Yet no one spoke about him openly, for fear of the Jewish leaders. Ammoo Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, eennulle marroo isaa mudhi'iin hin dubbanne.
14 About the middle of the festival, Jesus went up into the temple and began to teach. Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe.
15 The Jewish leaders were amazed and asked, "How does this man know so much without training?" Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, «Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?» jedhane.
16 Jesus answered them, "My teaching isn't mine—it's from the one who sent me. Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka na erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti.
17 Whoever wants to do our Father's will knows if my teaching is from my Father or I speak on my own. Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka.
18 Whoever speaks on his own seeks his own glory, but whoever seeks the sender's glory is true, with no falsehood in him. Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu.
19 Didn't Moses give you the law? Yet none of you obeys the law. Why are you trying to kill me?" Muuseen seera isinii kenneeraa motii? Isin keessaa tokkolle ammoo ka seera eegu hin jiru. Isin maaf na ijjeesiisaaf barbaaddan?» jedhe.
20 The crowd answered, "You have a demon! Who is trying to kill you?" Gumiin deebittee, «Ati durriisa ifi keessaa qadda! Eentu si ijjeesiisaaf barbaadiisatti jira?» jetteen.
21 Jesus replied, "I did one work, and you are all amazed. Yesuus, «Ani baasa tokko hujee jennaan, isin maraayyuu maalalfattane.
22 "Moses gave you circumcision—not from Moses, but the patriarchs—and you circumcise a man on the Sabbath. Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan.
23 If a man is circumcised on the Sabbath so the law of Moses isn't broken, why are you angry at me for making a whole man well on the Sabbath? Seerri Muuse'ee akka hin banneef, guyyaa Sanbataatiin ilma tokko haqanqabaa yoo ka qabanu te'e, maaf guyyaa Sanbataatiin ani nama tokko guutuma guutu'utti waan fayyiseef natti aartan?
24 Stop judging by appearances, and judge with right judgment." Muraa dhuga'aa mura'a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa'a» jedhe.
25 Then some Jerusalemites said, "Isn't this the man they want to kill? Kolbaan Yerusaalemii gariin, «Namichi kun ka isaan ijjeesiisaaf barbaadanuu motii?
26 Yet he speaks openly, and they say nothing to him. Can the rulers truly know this is the Christ? Ilaala'a! Inni badhinumatti dubbatiisatti jira; isaan isa mormanee womaa hin jenne! Worri baallii qabu akka inni Masiihii te'e dhugumaan beekanee jiraatanuu?
27 But we know this man's origin. When the Christ comes, no one will know his origin." Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna» jedhane.
28 Then Jesus, teaching in the temple, cried out: "You know me, and know where I'm from. Yet I didn't come on my own—the one who sent me is true, and you don't know him. Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, «Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka na erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu;
29 I know him, because I am from him, and he sent me." ani ammoo isa biraa waan dhufee fi inni waan na ergeef isa hin beeka» jedhe.
30 So they tried to grab him, but no one touched him, because his hour had not yet come. Achiin duuba isaan isa qabiisaaf barbaadane; ammoo yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle harkaan isa hin tundhe.
31 But many in the crowd believed in him, asking, "When the Christ comes, will he do more signs than this man did?" Gumii san keessaa hedduun isatti dhugeeffatanee, «Masiihiin yennaa dhufu, bilbaasa namichi kun godhe caalaa inni bilbaasa hin godhaa laati?» jedhane.
32 The Pharisees heard the crowd murmuring these things about him, so the chief priests and Pharisees sent temple guards to seize him. Fariisaayoti gumiin waan kana marroo Yesuusii hasaasanuun dhageettee, sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti Yesuus qabiisaaf eedduu Galma Waaqaa itti ergane.
33 So Jesus said, "I'm with you a little while longer, and then I go to the one who sent me. Yesuus, «Ani yennaa gabaadduu calla'aaf isin woliin jiraadhee, achiin duuba gara ka na ergee hin deema.
34 You will search for me and not find me; you cannot come where I am." Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu» jedhe.
35 So the Jewish leaders asked each other, "Where does he intend to go that we won't find him? Does he intend to go to our people dispersed among the Greeks and teach the Greeks? Yihudooti baallii qabanu, «Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki'ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii?
36 What does he mean: 'You will look for me, but you will not find me,' and 'Where I am, you cannot come'?" ‹Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu› jechuun maan jechuu isaa ti?» jedhane.
37 On the last, great day of the festival, Jesus stood and called out, "Whoever is thirsty, let him come to me and drink. Guyyaa muummeffata jilaa, guyyaa guddaa Yesuus ol ka'ee qoonqoo guddo'oon, «Nami dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee unuu ti.
38 Whoever believes in me, as Scripture said, rivers of living water will flow from his heart." Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‹Ka natti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru'uu isa keessaa burqa› » jedhe.
39 He said this about the Holy Spirit, whom believers in him were to receive; the Spirit had not yet been given, since Jesus had not yet been glorified. Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru.
40 When they heard these words, some of the crowd said, "This really is the Prophet." Gumii san keessaa namooti gariin jecha isaa kana dhage'anee, «Namichi kun dhugumaan raagicha» jedhane.
41 Others said, "This is the Christ." But others asked, "How can the Christ come from Galilee? Worri dhibiin, «Inni Masiihii» jedhane. Worri dhibiin ammoo, «Masiihiin Galiilaa irraa hin dhufaa?
42 Doesn't Scripture say the Christ comes from David's line and from Bethlehem, David's village?" Barreeffam Woyyichi, Masiihiin sanyii mooticha Daawitii keessaa, qachaa Daawiti le'e, Beeteelem keessatti dhalata jedhaa motii?» jedhane.
43 So the crowd was divided over him. Maarre sababa Yesuusiitiif gumiin gargar qoodante.
44 Some of them wanted to seize him, but no one laid a hand on him. Worri gariin isa qabiisaaf barbaade, ammoo eennulle isa harkaan hin tundhe.
45 So the temple guards returned to the chief priests and Pharisees, who asked, "Why didn't you bring him?" Eedduun Galma Waaqaa gara sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayota yennaa deebi'anee dhaqane, «Isin maaf isa fidiisa dhaddane?» jedhanee eedduu Galma Waaqaa gaafatane.
46 The guards answered, "No one ever spoke the way this man does." Eedduun Galma Waaqaa, «Akka namichi kun dubbate eennulle ijjumaa dubbattee hin beeku» jedhanee deebisane.
47 "Have you also been deceived?" the Pharisees answered. Worri Fariisaayotaa, «Isinille sobantanee?
48 "Has any of the rulers or of the Pharisees believed in him? Worra baallii qabu yookiin Fariisaayota keessaa nami isatti dhugeeffateeru jiraa?
49 But this crowd, who knows nothing of the law—they are under a curse." Gumiin seera Muuse'ee hin beenne tun, abaarsa Waaqaa jala jirti!» jedhaneen.
50 Nicodemus, who had gone to Jesus earlier and was one of their own number, asked them, Namichi duraan gara Yesuusii dhaqeeru, ka Fariisaayota keessaa tokko te'e Niqoodemoos,
51 "Does our law condemn a man without first hearing him and finding out what he does?" «Akka seera keennaatitti nama tokko dhage'anee waan inni godheeru adoo hin dhaggin itti muruun hin dande'amaa?» jedhee gaafate.
52 They replied, "Are you from Galilee too? Search, and see: no prophet arises from Galilee." Isaan, «Atille nama Galiila'aatii? Barreeffama Woyyicha qorqorii ilaali; raagaan Galiilaa keessaa akka ijjumaa hin kaane hin dhaggita» jedhaneen. [
53 Then they all went home. Achiin duuba marti isaaniituu gara mana ifii deemane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]