1After this, Jesus crossed the Sea of Galilee, also called the Sea of Tiberias.gujAchiin duuba Yesuus gara Abbaayaa Galiila'aa ta Xiberiyaas jedhantuun gamatti bu'e.
2A large crowd followed him, because they saw the signs he performed on the sick.gujGumiin hedduun baasa inni worra dhibamaa fayyisiisaan tolche waan dhaggiteef isa hordotte.
3Jesus went up on the mountainside and sat down there with his disciples.gujYesuus gara gaara tokkoo ol bayee, barattoota ifii woliin tee'e.
4Now the Passover, the feast of the Jews, was near.gujYennaa san Jilti Irra Dabaramaa ta Yihudootaa dhikaatteertiiyyu.
5Looking up, Jesus saw a large crowd approaching and asked Philip, "Where can we buy bread for these people to eat?"gujYesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, «Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?» jedhe.
6He said this to test Philip, for he himself already knew what he was going to do.gujInni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu.
7Philip answered him, "200 days' wages of bread isn't enough for each of them to get a little."gujFiliphoos, «Daabboon mindaa ji'a saddeetiille diqquma diqqoolle'een isaan mara hin geettu» jedhe.
8One of his disciples, Andrew, Simon Peter's brother, said to him,gujBarattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii,
9"A boy here has five barley loaves and two fish—but what's that for so many?"guj«Mucaan tokko ka daabboo garbu'uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu» jedheen.
10Jesus said, "Have the people sit down." Much grass grew there, so about 5,000 men sat down.gujYesuus isaaniin, «Kolbaa teessisa'a» jedhe. Marra gudda'atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette.
11Jesus then took the loaves, gave thanks, and distributed them to those seated; likewise with the fish, as much as they wanted.gujYesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galateeffatee, kolbaa achi tee'iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche.
12When they were full, he told his disciples, "Gather the leftover pieces, so nothing is lost."gujIsaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, «Hambaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba'a» jedhe.
13So they gathered the fragments left over from the five barley loaves after the people ate, filling twelve baskets.gujMaarre isaan xaltaa daabboo garbu'uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hambaa hatte wolitti qabanee kollonjoo kudhanii lama guutane.
14So when the people saw the sign he did, they said, "This really is the Prophet coming into the world!"gujKolbaan yennaa bilbaasa Yesuus huje kana dhaggite, «Kun dhugumaan raagicha gara biyya lafaa dhufu'uu jiruuyyu!» jette.
15Knowing they meant to come and seize him to make him king, Jesus withdrew again to the mountain alone.gujYesuus akka isaan hunnaan isa qabanee, mootii isa godhachu'uuf dhufaaranu beekee, qofii ifii ammalle gara gaaraa deeme.
16When evening came, his disciples went down to the sea,gujYennaa latti galgalootte, barattooti Yesuusii gara abbaaya'aa gad bu'anee,
17got in a boat and headed across the sea to Capernaum. It was already dark, and Jesus had not yet reached them.gujhoboloo takka seenanee, abbaaya'aan gama gara Qifrinaahomii bu'iisaaf ka'ane. Latti dukkanoottelle'een Yesuus gara isaanii hin dhunne.
18A strong wind was blowing, and the sea grew rough.gujBubbeen waan bubbisiisatti jirtuuf bisaan raafame.
19After rowing three or four miles, they saw Jesus walking on the water, approaching the boat, and were afraid.gujHaga kiiloomeetira shanii yookiin jaa shaffisa'aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo'oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane.
20But he said to them, "It is I; do not be afraid."gujYesuus ammoo, «Wonni anaa, hin bararaqina'a!» isaaniin jedhe.
21So they were glad to take him into the boat, and instantly it reached the shore they were heading toward.gujAchiin duuba isaan gara hobolo'oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette.
22The next day, the crowd remaining on the far shore saw that only one boat had been there, that Jesus had not boarded it with his disciples, but that his disciples had gone off alone.gujGuyyaa lammeesso'oo kolbaan abbaaya'aan gamatti hatte, hoboloon takkattiin callaan akka achi jirtu hubatte. Yesuus barattoota ifii woliin hobolo'oon akka hin deemin, barattooti ammoo qofuu akka deemaneeranu kolbaan sun beette.
23Other boats came from Tiberias near the place where they ate bread after the Lord gave thanks.gujHobolooti dhibiin, Xiberiyaas irraa, gara lafa addee Goottaan galata galcheeruun, kolbaan daabboo itti nyaatteen dhikaattuu dhufane.
24So when the crowd saw Jesus and his disciples weren't there, they got in boats and went to Capernaum to look for Jesus.gujKolbaan, Yesuusii fi barattooti isaa akka achi hin jirre yennaa dhaggite, hoboloota san seentee Yesuus barbaadiisaaf, gara Qifirnaahoomii dhaxxe.
25Finding him across the sea, they asked, "Rabbi, when did you get here?"gujKolbaan abbaaya'aan gamatti yennaa Yesuus dhaggite, «Barsiisa'a, yoom as dhutte?» jetteen.
26Jesus answered them, "Truly, truly, I tell you: you seek me not because you saw signs, but because you ate the loaves and were filled.gujYesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima; isin waan sagalee nyaattanee quuttaneef na barbaadiisatti jirtan malee, bilbaasa kiyya waan dhaggitaneefii moti.
27Don't work for food that spoils, but for food that lasts to eternal life, which the Son of Man will give you. For on him our Father has set his seal."gujSagalee badduuf hin hujina'a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja'a. Waaqi Abbaan, chaappaa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiniif hin kenna» jedhe.
28Then they said to him, "What must we do to be doing the works of our Father?"gujMaarre isaan, «Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?» jedhaneen.
29Jesus answered them, "This is our Father's work: that you believe in the one he sent."gujYesuus deebisee, «Wonni akka isin gootanu Waaqi barbaadu, ka inni ergetti dhugeeffatiisa» jedhe.
30So they asked him, "What sign will you give, so we may see and believe you? What work will you do?gujIsaan, «Akka dhagginee si'itti dhugeeffannu bilbaasa maan goota? Maan hujja?
31Our ancestors ate manna in the wilderness, as it is written: 'He gave them bread from heaven to eat.'"gujAkkuma Barreeffam Woyyichi, ‹Inni sagalee ol-gubbaa irraa akka nyaatanu isaaniif kenne› jedhu, Abbootiin teenna lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte» jedhaneen.
32Jesus told them, "Truly, truly, I tell you: Moses didn't give you the bread from heaven—my Father gives you the true bread from heaven.gujYesuus, «Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse'ee moti; ka sagalee dhuga'aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya.
33For the bread of our Father is he who comes down from heaven and gives the world life."gujSagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu» jedheen.
34So they said to him, "Lord, give us this bread always."gujIsaan, «Gootta'a, sagalee tana yennaa mara nu'uuf kenni» jedhaneen.
35Jesus told them, "I am the bread of life. Whoever comes to me will never hunger; whoever believes in me will never thirst.gujYesuus isaaniin, «Sagaleen jiru'uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka natti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu.
36But as I told you, you have seen me and still do not believe.gujAkkuma ani isinitti hime, isin na dhaggitaneertan; ammoo hin dhugeeffanne.
37All the Father gives me will come to me, and the one who comes to me I will never drive away.gujKa Abbaan kiyya naaf kennu mara gara kiyya hin dhufa. Ka gara kiyya dhufu ani ijjumaa ifi irraa hin ari'u.
38For I came down from heaven not to do my own will, but the will of him who sent me.gujWonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka na ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti.
39This is the will of him who sent me: that I lose none of all he has given me, but raise them up on the last day.gujFedhiin ka na ergee, worri inni naaf kenne mara guyyaa muumme'ee akka jiru'uuf isaan kaasu malee, isaan keessaa tokkolle akka ani balleessuufii moti.
40For this is the will of my Father: that everyone who looks to the Son and believes in him should have eternal life, and I will raise them up on the last day."gujFedhiin Abbaa kiyyaa, nami Ilma isaa dhaggee itti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa akka qabaatu. Anille guyyaa muumme'ee jiru'uuf isa kaasa» jedhe.
41So the Jews grumbled about him because he said, "I am the bread that came down from heaven."gujWorri Yihudootaa waan inni, «Sagaleen ol-gubbaa irraa gad dhutte ana» jedheef itti gungumiisatti ka'ane.
42They said, "Isn't this Jesus, Joseph's son, whose father and mother we know? How can he now say, 'I have come down from heaven'?"gujMaarre isaan, «Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba'aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‹Ol-gubba'aa gad bu'e› jedha ree?» jedhane.
44"No one can come to me unless the Father who sent me draws him, and I will raise him on the last day.gujAbbaan na erge yoo isa harkise malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u; anille guyyaa muumme'ee du'aa isa hin kaasa.
45It is written in the Prophets: 'And they will all be taught by our Father.' Everyone who has heard and learned from the Father comes to me.gujRaagoleen, ‹Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te'a› jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage'uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa.
46Not that anyone has seen the Father except the one from him; he has seen the Father.gujKa Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru.
47Truly, truly, I tell you, whoever believes has eternal life.gujAni dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba.
48I am the bread of life.gujSagaleen jiru'uu ana.
49Your ancestors ate the manna in the wilderness, yet they died.gujAbbootiin teessan lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te'uu male duute.
50This is the bread that comes down from heaven, so anyone may eat it and not die.gujSagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana.
51I am the living bread come down from heaven. Whoever eats this bread will live forever. The bread I will give is my flesh, for the life of the world."gujSagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe.
52Then the Jews argued sharply among themselves, "How can this man give us his flesh to eat?"gujYihudooti, «Namichi kun attam foon isaa akka nyaannu nu'uu kenniisa dande'a?» jedhanee wol mormiisatti ka'ane.
53Jesus told them, "Truly, truly, I tell you, unless you eat the flesh of the Son of Man and drink his blood, you have no life in yourselves.gujYesuus isaaniin, «Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu.
54Whoever feeds on my flesh and drinks my blood has eternal life, and I will raise him on the last day.gujNami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme'ee du'a keessaa isa hin kaasa.
55For my flesh is true food, and my blood is true drink.gujFoon kiyya sagalee dhuga'aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga'aa ti.
56Whoever feeds on my flesh and drinks my blood remains in me, and I in him.gujKa foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha.
57As the living Father sent me and I live because of the Father, so whoever feeds on me will live because of me.gujAbbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba'aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata.
58This is the bread that came down from heaven. It is not like the bread your ancestors ate and still died. Whoever feeds on this bread will live forever."gujSagaleen ol-gubba'aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata» jedhe.
59He said these things while teaching in the synagogue at Capernaum.gujYesuus Qifirnaahoomitti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti yennaa barsiisiisatti jiru tana dubbate.
60On hearing it, many of his disciples said, "This is a hard teaching. Who can accept it?"gujBarattooti isaa hedduun kana dhage'anee, «Barsiisi kun guddoo jabaata. Eennutti isa fudhatiisa dande'a?» jedhane.
61Aware that his disciples were grumbling about this, Jesus said to them, "Does this offend you?gujYesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, «Wonni kun isin gufachiisaa?
62"Then what if you see the Son of Man ascending to where he was before?gujIlmi Namaa addee dur jirutti deebi'ee ol bayiisatti jiruun yoo dhaggitane maan jettan ree?
63The Spirit gives life; the flesh helps nothing. The words I have spoken to you are spirit and life.gujAyyaanni Waaqaa jiruu kenna; hunni namaa womaa bu'aa hin qaddu. Jechi ani isinitti dubbadhe Ayyaana Waaqaa ti; jiruulle'e.
64But some of you don't believe." For Jesus knew from the start who didn't believe, and who would betray him.gujAmmoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran» isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te'e duruu beekeera.
65And he said, "This is why I told you: no one can come to me unless the Father enables him."gujYesuus ede'ee, «Ani waan kanaaf ka Abbaan kiyya akka gara kiyya dhufu godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u isiniin jedhe» jedhe.
66From this time many of his disciples turned back and no longer walked with him.gujWaan kanaaf, barattoota isaa keessaa hedduun gara duubaa deebi'ane; eega san isa woliin hin deenne.
67So Jesus asked the Twelve, "Do you want to leave too?"gujMaarre Yesuus barattoota kudhanii lamaaniin, «Isinille deemuu barbaaddanii?» jedhee gaafate.
68Simon Peter answered him, "Lord, to whom should we go? You have the words of eternal life.gujSimoon Pheexroos, «Gootta'a, gara eennuu deenna? Ati Jecha jiruu bara baraa kennu qadda.
69We have believed and known you are the Holy One of our Father."gujAti Woyyicha Tokkocha Waaqaa akka teete dhugeeffanneerra; beenneerralle'e» jedhaneen.
70Jesus answered them, "Have I not chosen you, the Twelve? Yet one of you is a devil."gujYesuus deebisee, «Isin kudhanii lamaan ka file anaa motii? Te'uu malee isin keessaa tokko Seexana» jedhe.
71He meant Judas, son of Simon Iscariot, one of the Twelve, who was about to betray him.gujInni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te'ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate.