Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 5 guj

Show guj only
Verse × ×
1 After this there was a feast of the Jews, and Jesus went up to Jerusalem. Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe.
2 By the Sheep Gate in Jerusalem is a pool with five covered porches, called Bethesda in Aramaic. Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin «Betzataa» jedhanti.
3 In these lay a multitude of the sick—blind, lame, and paralyzed. Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole'ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho'iisa bisaanii eegatiisatti jiraniiyyu.
4 Not in this edition Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu'ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho'eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu'e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.]
5 One man was there who had been sick for thirty-eight years. Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu.
6 Seeing him lying there and knowing he had already been there a long time, Jesus asked, "Do you want to be healed?" Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedhee isa gaafate.
7 The sick man answered him, "Sir, I have no one to put me in the pool once the water stirs—while I'm on my way, someone else gets in first." Namichi dhibamaan sun, «Gootta'a, bisaan yennaa tacho'u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena» jedhee deebise.
8 Jesus said to him, "Get up, take up your mat, and walk." Yesuus, «Ka'i, itillee teeti fudhadhuu, deemi» jedheen.
9 At once the man became well, picked up his mat, and walked. That day was the Sabbath. Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme. Guyyaan wonni sun teete sanbata.
10 So the Jews told the healed man, "It's the Sabbath—you're not allowed to carry your mat." Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, «Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga» jedhane.
11 He answered them, "The man who healed me told me, 'Take up your mat and walk.'" Inni deebisee, «Namicha na fayyisetti, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› anaan jedhe» isaaniin jedhe.
12 They asked him, "Who is the man who told you, 'Take it up and walk'?" Isaan, «Namichi, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› siin jedhe eennu inni?» jedhanee isa gaafatane.
13 But the healed man didn't know who it was, since Jesus had slipped away into the crowd there. Gumiin addee sanitti waan heddatteertuu fi Yesuusille achii waan deemeeruuf, namichi fayye sun Yesuus eennu akka te'e hin beenne.
14 Later Jesus found him in the temple and said, "You are healed now. Stop sinning, or something worse may happen to you." Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, «Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin» jedheen.
15 The man went away and told the Jews that it was Jesus who had made him well. Achiin duuba namichi deemee, ka isa fayyise Yesuus akka te'e, Yihudootatti hime.
16 And so the Jews began persecuting Jesus, because he was doing these things on the Sabbath. Maarre sababa Yesuus sanbataan fayyiseef, Yihudooti isa miidhiisa jalqabane.
17 But Jesus answered them, "My Father is working until now, and I too am working." Yesuus, «Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba» isaaniin jedhe.
18 So the Jews sought even more to kill him: he not only broke the Sabbath but called our Father his own Father, making himself equal to him. Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
19 So Jesus said to them, "Truly, truly, I tell you: the Son can do nothing on his own, but only what he sees the Father doing. Whatever the Father does, the Son does the same. Maarre Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha.
20 "For the Father loves the Son and shows him everything he does; he will show him greater works than these, so you will be amazed. Abbaan Ilma waan jaalatuuf, waan ifii godhu mara isatti hin mudhisa. Akka isin masoonfattanuuf, waan kana caaluuyyuu isatti hin mudhisa.
21 For as the Father raises the dead and gives life, so the Son too gives life to anyone he wants. Akkuma Abbaan worra du'ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna.
22 For the Father judges no one, but has entrusted all judgment to the Son, Abbaan eennulle'etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera;
23 so everyone honors the Son as they honor the Father; whoever doesn't honor the Son doesn't honor the Father who sent him. Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.
24 Truly, truly, I tell you: whoever hears my word and believes the one who sent me has eternal life and won't face judgment—they have passed from death to life. «Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka na ergelle'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiru'uu tareera; isatti hin murantu.
25 Truly, truly, I tell you, an hour comes, and is now here, when the dead will hear the voice of the Son of our Father, and those hearing will live. Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du'ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage'anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage'u jiru'uun le'a.
26 For as the Father has life in himself, he gave the Son to also have life in himself. Akkuma Abbaan madda jiru'uu te'e, Ilma ifiille madda jiru'uu akka te'u godheera.
27 And he has given him authority to execute judgment, because he is the Son of Man. Inni Ilma Namaa waan te'eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera.
28 Don't be astonished at this—an hour is coming when everyone in the tombs will hear his voice, Waan kana hin masoonfatina'a; yennaan worri du'e marti qoonqoo isaa dhage'u hin dhutti;
29 and come out—those who did good, to the resurrection of life; those who did evil, to the resurrection of judgment. awwaala ifii keessaalle'ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatiisaaf ka'an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka'an.
30 By myself I can do nothing. I judge as I hear; my judgment is fair, because I seek not my own will but the will of the One who sent me. «Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a.
31 "If I testify about myself, my testimony is not valid. «Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga'aatitti hin fudhatamu.
32 There is another who testifies about me, and I know his testimony about me is true. Ammoo ka anaaf dhugaa bayu ka dhibiin hin jira, wonni inni marroo tiyyaaf dhugaa baye sun dhugaa akka teete ani hin beeka.
33 You sent messengers to John, and he has testified to the truth. Isin ergantoota teessan gara Yohaannisii ergitane; inni dhuga'aaf dhugaa baye.
34 Not that I accept human testimony, but I say these things so that you may be saved. Akka isin fayyitanu tana jedhe malee, ani dhugaa bayiisa namaa hin fudhadhu.
35 John was a burning, shining lamp, and you were willing to rejoice briefly in his light. Yohaannis akka xassaa bobe'ee ifuu ti; isin yenna'aaf ifa isaatitti gammadu'uuf barbaaddane.
36 But I have testimony greater than John's: the works my Father gave me to finish—the very works I'm doing—testify that my Father sent me. Ani ammoo dhugaa baya Yohaannisiituu caalaa dhugaa baya qaba; hujiin akka ani muummessuuf Abbaan kiyya naa kennee, hujiisatti jiru tun, akka Abbaan kiyya na erge dhugaa baati.
37 And my Father who sent me has himself testified about me. You've never heard his voice or seen his form, Abbaan kiyya ka na ergeeyyuu dhugaa naaf bayeera. Isin ijjumaa qoonqoo isaa hin dhageenne yookiin akka akki isaa jiru ijjumaa hin dhaggine;
38 and you don't have his word remaining in you, since you don't believe the one he sent. ka inni ergetti waan hin dhugeeffatiniif, jecha isaa gadhaa keessanitti hin qabanne.
39 You search the Scriptures, thinking they hold eternal life—yet they themselves testify about me, Isin Barreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!
40 yet you refuse to come to me so that you may have life. Isin ammoo jiruu dhaggatiisaaf gara kiyya dhufiisa hin feetanu!
41 I do not accept glory from people, «Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu.
42 but I know you—that you do not have the love of our Father within you. Ammoo akka isin jaalala Waaqaa hin qanne ani hin beeka.
43 I have come in my Father's name, and you don't receive me; if another comes in his own name, you'll receive him. Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee, isin ammoo na hin fudhanne; nami dhibiin yoo maqaa ifiitiin dhufe, isin ammoo isa hin fudhattan.
44 How can you believe, when you accept glory from one another and don't seek the glory from the only God? Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam natti dhugeeffatiisa dandeettan ree?
45 Don't think I will accuse you before my Father. Moses, in whom you've hoped, accuses you. Ani Abbaa kiyya duratti waan isin himadhu hin seyina'a. Muusee isin addii itti godhattanettuu isin himata.
46 For if you believed Moses, you would believe me, because he wrote about me. Adoo Muuse'etti dhugeeffattanee jiraattane, inni waan marroo tiyyaaf barreesseef natti hin dhugeeffattaniiyyu.
47 But if you do not believe his writings, how will you believe my words?" Ammoo waan inni barreesse yoo hin dhugeeffatin, waan ani jedhu attam dhugeeffatuu dandeettan?» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]