Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 4 guj

Show guj only
Verse × ×
1 So when Jesus knew the Pharisees heard he was making and baptizing more disciples than John. Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage'ane.
2 (though Jesus himself was not baptizing, but his disciples were), Te'uu malee, ka cuuphe barattoota isaa ti malee, Yesuusii moti.
3 he left Judea and went back to Galilee. Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage'e, biyya Yihuda'aa lakkisee deebi'ee gara Galiila'aa dhaqe.
4 And he had to pass through Samaria. Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu.
5 So he came to a town of Samaria called Sychar, near the field Jacob gave his son Joseph. Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe.
6 Jacob's well was there. Jesus, tired from the trip, sat down at the well—about noon. Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara saatii jaa ti.
7 A woman of Samaria came to draw water. Jesus said to her, "Give me a drink." Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi'iin, «Bisaan uni'ii naa kenni!» jedheen.
8 (For his disciples had gone into the town to buy food.). Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha'aa dhaqaneeran.
9 The Samaritan woman said, "You're a Jew; why ask me, a Samaritan woman, for a drink?" (Jews don't associate with Samaritans.). Dubartiin sun, «Ati nama Yihudi'ii teetee ana dubartii samaariya'aa attam bisaan uni'ii gaafatta?» jetteen. Yihudooti muduunu'uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu.
10 Jesus answered her, "If you knew our Father's gift, and who asks you, 'Give me a drink,' you'd have asked him, and he'd have given you living water." Yesuus deebisee, «Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu» jedhe.
11 The woman said to him, "Sir, you have nothing to draw with, and the well is deep. Where then do you get this living water? Dubartittiin, «Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile'e; bisaan jiru'uu san eessaa fidda ree?
12 Are you greater than our father Jacob, who gave us the well, drank from it himself, with his sons and livestock?" Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu'uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?» jetteen.
13 Jesus said to her, "Everyone who drinks of this water will be thirsty again, Yesuus deebisee, «Bisaan kana ka unu marti deebi'ee hin dheebota;
14 but whoever drinks the water I give him will never thirst again; that water will become in him a spring of water welling up to eternal life." bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a» jedhe.
15 The woman said to him, "Sir, give me this water, so I won't get thirsty or come here to draw water." Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana naaf kenni» jetteen.
16 Jesus said to her, "Go, call your husband, and come back here." Yesuus, «Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koy» jedheen.
17 The woman answered, "I have no husband." Jesus told her, "You're right to say you have no husband. Dubartittiin, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Yesuus, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jedhiis keeti dhuga'a.
18 For you've had five husbands, and the man you have now isn't your husband. You've spoken the truth." Ati nama shan heerumteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga'a» jedheen.
19 The woman said to him, "Sir, I see that you are a prophet. Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga.
20 Our fathers worshiped on this mountain, but you say Jerusalem is where people must worship." Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfannu Yerusaalem te'uu qaba jettan» jetteen.
21 Jesus told her, "Woman, believe me: an hour is coming when you'll worship the Father neither on this mountain nor in Jerusalem. Yesuus, «Dubartii tana, gaara kana gubba'atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu.
22 You worship what you don't know; we worship what we know—salvation comes from the Jews. Isin worri Samaariya'aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna.
23 But a time is coming, and now is, when true worshipers worship the Father in spirit and truth—for the Father seeks such worshipers. Yennaan worri dhuga'aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga'aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga'aan isa waaqonfatanu barbaada.
24 The Father is spirit, and those who worship him must worship in spirit and truth." Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga'aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.
25 The woman said to him, "I know Messiah—the one called Christ—is coming. When he comes, he will tell us everything." Dubartittiin isaan, «Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu'utti hima» jetteen.
26 Jesus said to her, "I am he—the one speaking to you." Yesuus deebisee, «Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa» jedheen.
27 Just then his disciples returned, amazed he was talking with a woman. Yet no one said, "What do you want?" or, "Why talk with her?" Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, «Maan barbaadde?» yookiin, «Maaf isii woliin dubbatta?» ka jedhe hin jiru.
28 So the woman left her water jar and went back to town and said to the people, Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha'aa deebitee dhaxxee, kolba'aan,
29 "Come, see a man who told me everything I ever did. Could this be the Christ?" «Namicha waan ani godhe mara natti hime kowa'aatii ilaala'a. Inni Masiihii te'innaa?» jette.
30 They left the town and were coming to him. Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa'ane.
31 Meanwhile the disciples were urging him, "Rabbi, eat." Yennuma san keessatti barattooti, «Barsiisa'a, woy nyaadhu!» jedhanee isa kadhatane.
32 But he said to them, "I have food to eat that you know nothing about." Inni ammoo, «Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba» jedhe.
33 So the disciples said to one another, "Has anyone brought him something to eat?" Maarre barattooti, «Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?» jedhanee wol gagaafatane.
34 Jesus said to them, "My food is doing the will of the one who sent me and finishing his work. Yesuus isaaniin, «Sagaleen tiyya, fedhii ka na ergee godhu'uu fi hujii isaa muummessu'u.
35 Don't you say, 'Four months more, then harvest comes'? Look, I tell you: raise your eyes, see the fields—white for harvest. Isin, ‹Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti› jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammumaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera!
36 Already the harvester earns wages, gathering fruit for eternal life, so that planter and harvester may rejoice together. Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te'a.
37 For here the saying holds true: 'One plants and another harvests.' Maarre mammaassi, ‹Tokko hin facaasa, kuun hin haama› jedhu dhuga'a.
38 I sent you to reap what you didn't work for. Others worked, and you have entered into their labor." Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu'aa dhaggattane» isaaniin jedhe.
39 Many Samaritans from that town believed in him because of the woman's testimony: "He told me everything I ever did." Dubartittiin, «Waan ani godhe mara natti hime» jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya'aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane.
40 When the Samaritans came to him, they asked him to stay with them; he stayed two days. Maarre worri samaariya'aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa gaafatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture.
41 And many more believed because of his word. Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane;
42 They told the woman, "It is no longer because of what you said that we believe—we've heard for ourselves, and we know this man truly is the Savior of the world." isaan dubartitti'iin, «Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneerra; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra» jedhane.
43 After the two days he departed from there for Galilee. Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka'ee gara Galiila'aa dhaqe.
44 (For Jesus himself had testified that a prophet has no honor in his own hometown.). Inninuu, «Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu» jedheera.
45 When he arrived in Galilee, the Galileans welcomed him, having seen all he did in Jerusalem at the feast—they too had gone to the feast. Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.
46 He went again to Cana in Galilee, where he had turned water to wine. A royal official's son was sick at Capernaum. Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni'ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessaa, deebi'ee dhaqe. Qondaalli mootumma'aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu.
47 Hearing that Jesus had come from Judea to Galilee, he went to him and begged him to come down and heal his son, who was about to die. Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa akka dhufeeru yennaa dhage'e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du'iisa geyeeru fayyisuuf isa gaafate.
48 So Jesus said to him, "Unless you people see signs and wonders, you will never believe." Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen.
49 The royal official said to him, "Sir, come down before my child dies." Qondaaltichi mootumma'aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du'in maganne'ee koy!» jedheen.
50 Jesus said to him, "Go; your son will live." The man believed what Jesus told him and left. Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen. Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme.
51 As he was going down, his servants met him and told him that his boy was living. Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane.
52 So he asked them the hour he improved, and they said, "Yesterday at the seventh hour, the fever left him." Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane.
53 So the father knew this was the hour when Jesus told him, "Your son will live." He and his whole household believed. Achiin duuba abbaan muca'aa saatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane.
54 This was now the second sign that Jesus did when he had come from Judea to Galilee. Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa deebi'ee dhufee, lammeessoo huje.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]