Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Now there was a man of the Pharisees named Nicodemus, a ruler of the Jews. Gosa Fariisaayotaa keessaa sooressi Yihudootaa, ka Niqoodemoos jedhamu tokko jiraayyu.
2 This man came to Jesus at night and said, "Rabbi, we know you are a teacher who has come from our Father, for no one can do these signs you do unless our Father is with him." Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneerra. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju» jedheen.
3 Jesus answered, "Truly, truly, I tell you: unless someone is born from above, he can't see the kingdom of our Father." Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande'u» jedhee deebise.
4 Nicodemus asked, "How can a man be born when he's old? Can he enter his mother's womb again and be born?" Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande'a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande'aa?» jedhee Yesuus gaafate.
5 Jesus answered, "Truly, truly, I tell you, unless one is born of water and the Holy Spirit, he can't enter our Father's kingdom. Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u.
6 Born of the flesh is flesh, and born of the Holy Spirit is spirit. Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana.
7 Don't be amazed that I said to you, 'You must be born from above.' Waan ani, ‹Lammeessoo dhalatuu qaddan› si'iin jedheef hin masoonfatin.
8 Wind blows where it wants; you hear its sound but don't know where it comes from or where it goes. So it is with everyone born of the Spirit." Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.
9 Nicodemus said to him, "How can these things be?" Niqoodemoos, «Kun attam te'uu dande'a?» jedhee Yesuus gaafate.
10 Jesus answered him, "Are you the teacher of Israel and yet you do not understand these things? Yesuus, «Ati barsiisaa Israa'elii teetee waan kana hin beettuu?
11 Truly, truly, I tell you: we speak what we know, we testify to what we've seen, yet you don't accept our testimony. Ani dhugaa si'itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhaggine dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu.
12 If I told you earthly things and you don't believe, how will you believe if I tell you heavenly things? Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba'aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree?
13 No one has ascended into heaven except the one who descended from heaven, the Son of Man. Ilma Namaa ka ol-gubba'aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba'aa ol baye eennulle hin jiru.
14 As Moses lifted up the serpent in the wilderness, so the Son of Man must be lifted up, «Akkuma Muuseen lafa goomole'ee keessatti dhudhuufaa sageettu'uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba.
15 that whoever believes in him may have eternal life. Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuuf.
16 For our Father so loved the world that he gave his one and only Son, that whoever believes in him will not perish but have eternal life. Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
17 For our Father did not send his Son into the world to condemn the world, but so the world could be saved through him. Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
18 Whoever believes in him isn't condemned; whoever doesn't believe is condemned already, for not believing in the name of the one and only Son of our Father. «Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti.
19 This is the judgment: light has entered the world, and people loved darkness more than light because their deeds were evil. Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane.
20 Everyone who does evil hates the light and won't come to the light, so that his deeds aren't exposed. Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu.
21 But whoever does the truth comes to the light, so it may be revealed that his works have been done in our Father." Ka waan dhuga'aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa» jedheen.
22 After this, Jesus and his disciples went into the Judean countryside, where he stayed with them, baptizing. Kanaan duuba Yesuusii fi barattooti isaa gara lafa Yihuda'aa dhaqane; inni isaan woliin diqqoo achi bubbulee, kolbaalle cuuphe.
23 John also baptized at Aenon near Salim, since water was plentiful there, and people came and were baptized, Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte.
24 for John had not yet been put in prison. Yennaa san Yohaannis hidhamee hin jiru.
25 Now a discussion arose between some of John's disciples and a Jew over purification. Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka'ane.
26 They came to John and said, "Rabbi, the man with you beyond the Jordan, the one you testified about—he's baptizing, and everyone goes to him." Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, «Barsiisa'a, namichi Yordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!» jedhanee itti himane.
27 John replied, "A person cannot receive even one thing unless it is given him from heaven. Yohaannis deebisee, «Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu.
28 You yourselves can testify: I said 'I'm not the Christ, but sent ahead of him.' ‹Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa› akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya.
29 The one with the bride is the bridegroom—Jesus. The bridegroom's friend, who stands and hears him, rejoices greatly at the bridegroom's voice. So my joy is now complete. Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage'u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe.
30 He must increase, but I must decrease." Inni guddaa te'ee, ani diqqaa te'uu qaba.
31 The one who comes from above is above all. The one from earth belongs to earth and speaks in an earthly way. The one who comes from heaven is above all. «Ka ol-gubba'aa dhufu mara caala. Ka lafa tanaa kama lafa tanaa ti; waan lafaalle dubbata; ka ol-gubba'aa dhufu ammoo mara caala.
32 He bears witness to what he has seen and heard, yet no one receives his testimony. Inni waan dhaggee fi waan dhage'e dhugaa baya; ammoo dhugaa baya isaa ka fudhatu hin jiru.
33 Whoever receives his testimony confirms that our Father is true. Nami dhugaa baya isaa fudhate ammoo, Waaqi dhugaammessa akka te'e kanaan mirkaneesse.
34 The one our Father sent speaks our Father's words, for he gives the Holy Spirit without measure. Waaqi Ayyaana ifii safara male waan kennuuf, ka Waaqi erge dubbii Waaqaa dubbata.
35 Our Father loves the Son and has given all things into his hand. Abbaan Ilma jaalata; waan maralle harka isaatitti kenneera.
36 Whoever believes in the Son has eternal life; whoever disobeys the Son won't see life—our Father's wrath remains on him. Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]