Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 On the third day, a wedding took place in Cana of Galilee; Jesus's mother was there. Guyyaa sadeesso'oo qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu.
2 Jesus and his disciples were also invited to the wedding. Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran.
3 When the wine ran out, the mother of Jesus said to him, "They have no wine." Yennaa daadhiin woyni'ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.
4 "Woman, why are you bringing me into this?" Jesus replied. "My hour has not yet come." Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu'uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.
5 His mother said to the servants, "Do whatever he tells you." Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha'a» jettee tajaajiltootatti hinte.
6 Six stone water jars stood there, used for Jewish purification, each holding twenty to thirty gallons. Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an.
7 Jesus said to them, "Fill the jars with water," so they filled them to the brim. Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta'a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane.
8 He told them, "Draw some out now, and take it to the head steward." So they did. Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa'aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa'a» jedhe. Isaanille isaaf geessane.
9 The master of the banquet tasted the water now wine, not knowing its source—though the servants who drew it knew. So he called the bridegroom aside, Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee,
10 and said, "Everyone serves the good wine first, then the lesser once guests are drunk. But you've kept the good wine till now." «Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen.
11 Jesus performed this first sign at Cana in Galilee. He revealed his glory, and his disciples believed in him. Yesuus qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane.
12 After this he went down to Capernaum with his mother, brothers, and disciples, and stayed there a few days. Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahoomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.
13 When the Jewish Passover was near, Jesus went up to Jerusalem. Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe.
14 In the temple courts he found sellers of cattle, sheep, and doves, and others sitting at tables exchanging money. Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole'ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee'iisatti jiranuun dhagge.
15 He made a whip of cords and drove them all out of the temple courts, sheep and cattle alike, poured out the money-changers' coins, and overturned their tables. Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse.
16 To the dove sellers he said, "Take these out of here! Don't make my Father's house a marketplace." Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa'a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko'oo hin godhina'a!» jedhee ajaje.
17 His disciples remembered that it is written: "Zeal for your house will consume me." Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane.
18 So the Jews asked, "What sign will you show us for doing these things?" Yihudooti baallii qabanu, «Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu'utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?» jedhanee isa gaafatane.
19 Jesus answered them, "Destroy this temple, and in three days I will raise it up." Yesuus, «Galma Waaqaa kana diiga'a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa» jedhee deebise.
20 They replied, "This temple took forty-six years to build, and will you raise it in three days?" Yihudooti baallii qabanu, «Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?» jedhanee isa gaafatane.
21 But the temple he had spoken of was his body. Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti.
22 After he rose from the dead, his disciples remembered he had said this, and believed the Scripture and the word Jesus had spoken. Maarre inni du'aa ka'een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreeffama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane.
23 While he was in Jerusalem at the Passover, many saw the signs he did and trusted in his name. Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane.
24 But Jesus would not entrust himself to them, for he knew all people. Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addanne.
25 He didn't need anyone's testimony about people—he knew what was in each one. Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]