Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In the beginning was the Word, and the Word was with our Father, and the Word was God. Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu.
2 He was in the beginning with our Father. Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira.
3 All things were made through him, and without him not one thing was made that was made. Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dada maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne.
4 In him was life, and the life was the light of all people. Isa keessa jiru'utti jira; jiruun sun ifa namootaa ti.
5 The light shines in the darkness, and the darkness has not overcome it. Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu.
6 There came a man sent from our Father, whose name was John. Nami Waaqa biraa ergame, ka Yohaannis jedhamu tokko jiraayyu.
7 He came as a witness, to bear witness about the light, so that all might believe through John's witness. Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe.
8 He was not the light, but came to bear witness about the light. Inni marroo ifa sanii himiisaaf dhufe malee, ifiif ifaa moti.
9 The true light, which gives light to everyone, was coming into the world. Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga'aa ti.
10 He was in the world. The world came into being through him, yet did not know him. Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne.
11 He came to his own, and his own people did not receive him. Inni gara biyya ifii dhufe; kolbaan isaa ammoo isa hin fudhanne.
12 But to all who received him, believing in his name, he gave the right to become children of our Father, Te'uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te'anuuf midda kenne.
13 children born not of blood nor of the will of flesh nor of the will of man, but of our Father. Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne.
14 The Word became flesh and lived among us. We saw his glory, the glory of the one and only Son from the Father, full of grace and truth. Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
15 John testified about him, crying out, "This is the one I meant: he who comes after me outranks me, since he existed before me." Yohaannis, « ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala› jedhee ka ani dubbadhe isa» jedhee iyyee dhugaa baye.
16 For from his fullness we have all received, grace upon grace. Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne.
17 For the law was given through Moses; grace and truth came through Jesus Christ. Waaqi karaa Muuse'eetiin seera kenne; badhaadhaa fi dhugaan ammoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhutte.
18 No one has ever seen our Father; the one and only God, close beside the Father, has made him known. Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba'aa jirutti isa mudhise.
19 This is John's testimony, when the Jews sent priests and Levites from Jerusalem to ask him, "Who are you?" Yihudooti baallii qabanu hayyootaa fi Lewwoota garii, «Ati eennuu?» jedhanee akka isa gaafatanu Yerusaalem irraa gara Yohaannisii ergane.
20 He confessed, and did not deny, but confessed, "I am not the Christ." Yohaannis, «Ani Masiihii moti» jedhee dubbatee dhugaa baase malee, deebisiisaaf hin didanne.
21 So they asked him, "What then? Are you Elijah?" "I am not," he said. "Are you the Prophet?" "No," he answered. Isaan, «Ati eennu ree? Ati Eliyaasii» jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, «Waawwoo ani isaa moti» jedhee deebise. Isaan, «Ati Raagichaa ree» jedhanee gaafatane. Inni, «Waawwoo» jedhee deebise.
22 So they asked, "Who are you? We need to give an answer to those who sent us. What do you say about yourself?" Isaan, «Ati eennu ree? Worra nu ergeef deebii deebinnee himuu qanna. Ati eennu ifiin jetta?» jedhaneen.
23 He said, "I'm the voice of one crying out in the wilderness, 'Make straight the way of the Lord,' as the prophet Isaiah said." Yohaannis deebisee, «Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‹Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a› jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti» jedhe.
24 Now they had been sent from the Pharisees. Ergantooti Fariisaayotaan ergamane,
25 They asked him, "Why baptize, then, if you're not the Christ, nor Elijah, nor the Prophet?" «Ati Masiihii yookiin Eliyaas yookiin Raagicha yoo hin te'in maaf cuuxxa ree?» jedhanee Yohaannis gaafatane.
26 John answered them, "I baptize with water, but among you stands one you do not know, Yohaannis, «Ani bisaaniin isin cuupha, ka isin hin beenne ammoo odduu teessan dhaabbata.
27 even he who comes after me, whose sandal strap I am not worthy to untie." Inni na duubaan dhufaara; ani hidhaa kophee isaa hiiku'uufille nama malee moti» jedhee deebise.
28 These things took place in Bethany across the Jordan, where John was baptizing. Wonni kun marti laga Yordaanosiitiin gama karaa aduun baatu Bittaaniya'atti, addee Yohaannis itti cuuphiisatti jirutti teete.
29 The next day, seeing Jesus coming toward him, he said, "Look! The Lamb of our Father—Jesus—who takes away the sin of the world! Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, «Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu.
30 This is the one I meant: 'After me comes a man who ranks before me, because he was before me.' Ka ani, ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni na caala› ka ani jedhe isaa kana.
31 I didn't know him, but I came baptizing with water so he would be revealed to Israel." Aninuu inni eennu akka te'u hin beenne; ammoo akka inni kolbaa Israa'eliititti mudhatuuf, ani bisaaniin cuuphaa dhufe» jedhe.
32 John testified: "I saw the Holy Spirit descend from heaven like a dove and remain on him. Yohaannis dhugaa bayee, «Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhaggeera.
33 I didn't know him, but the one who sent me to baptize with water told me, 'The one you see the Holy Spirit come down and stay on—he is the one who baptizes with the Holy Spirit.' Aninuu isa hin beenne, Waaqi akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge ammoo, ‹Ka Ayyaana Woyyichaan cuuphu, Ka Ayyaanni Woyyichi isa irra bu'ee hafuun ati dhaggitu› anaan jedheera.
34 And I have seen and have borne witness that this is the Son of our Father." Anille waan kana dhaggeera, inni Ilma Waaqaa akka te'e isinitti hima» jedhe.
35 The next day John was standing again with two of his disciples, Guyyaa itti aanu Yohaannis ammalle barattoota ifii lamaan woliin dhaabbatiisatti jiruun,
36 and looking at Jesus as he walked by, he said, "Look! The Lamb of our Father!" yennaa Yesuus achiin dabaru dhaggee, «Kunoo, hooleen Waaqaa!» jedhe.
37 The two disciples heard him say this, and they followed Jesus. Barattooti Yohaannisii lamaan dubbii Yohaannisii tana dhage'anee, Yesuus hordofane.
38 Jesus turned, saw them following, and asked, "What do you seek?" They said, "Rabbi" (meaning Teacher), "where do you stay?" Yesuus garagalee, isaan isa hordofanuun dhaggee, «Maan barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, «Rabbii, eessa leeta?» jedhaneen; «Rabbii» jechuun, «Barsiisaa» jechu'u.
39 He told them, "Come and you will see." So they went and saw where he was staying, and remained with him that day—about four in the afternoon. Yesuus, «Kowa'aatii ilaala'a!» isaaniin jedhe. Maarre isaan dhaqanee addee Yesuus le'u dhagganee, guyyaa san isa bira oolane; yennaan sun saafowa gara saatii kudhanii ti.
40 One of the two who heard John speak and followed Jesus was Andrew, Simon Peter's brother. Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage'anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti.
41 He first found his own brother Simon and told him, "We've found the Messiah" (meaning Christ). Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, «Masiihii dhaggineerra» jedhee itti hime; «Masiihii» jechuun, «Kiristoos» jechu'u.
42 He brought him to Jesus. Jesus looked at him and said, "You are Simon the son of John. You will be called Cephas" (meaning Peter). Achiin duuba Indiryaas Simoon gara Yesuusii geesse. Yesuus isa ilaalee, «Ati Simoonii ilma Yohaannisii ti; ammoo haganaa achi, ‹Keefaas› jedhantee waamanta» jedheen; «Keefaas» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Rassaa» jechu'u.
43 The next day, Jesus decided to leave for Galilee. He found Philip and said, "Follow me." Guyyaa itti aanu Yesuus Galiilaa dhaqiisaaf murteeffate. Inni Filiphoos dhaggee, «Ana hordofi!» jedheen.
44 Now Philip was from Bethsaida, the city of Andrew and Peter. Filiphoos akkuma Indiryaasiitii fi Pheexroosii, nama qachaa Betsayda'aa ti.
45 Philip found Nathanael and told him, "We've found the one Moses wrote of in the Law and the prophets—Jesus, son of Joseph, from Nazareth." Filiphoos Naataanaa'el dhaggee, «Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineerra. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti» jedheen.
46 Nathanael said, "Can anything good come from Nazareth?" Philip said, "Come and see." Naataanaa'el, «Naaziret keessaa wonni dansaan dhaggamuu dandeettii?» jedhee Filiphoos gaafate. Filiphoos, «Koyiitii ilaali!» jedhee deebise.
47 Jesus saw Nathanael approaching and said of him, "Look—a true Israelite, with no deceit in him!" Yesuus yennaa Naataanaa'el gara isaa dhufuun dhagge, «Kunoo, nami dhugumaan Israa'elichi, ka dharti tokkolle isa keessa hin jirre!» jedhee marroo isaa dubbate.
48 Nathanael asked him, "How do you know me?" Jesus answered, "Before Philip called you, while you were under the fig tree, I saw you." Naataanaa'el, «Eessatti na beetta?» jedhee gaafate. Yesuus, «Filiphoos adoo si hin waaminuu, muka harru'uu jala jirtuunuu si dhagge» jedheen.
49 Nathanael answered him, "Rabbi, you are the Son of our Father! You are the King of Israel!" Naataanaa'el, «Barsiisa'a, ati Ilma Waaqaa ti! Ati mootii Israa'elii ti!» jedhee deebise.
50 Jesus answered him, "You believe because I told you I saw you under the fig tree? You'll see greater things than these." Yesuus, «Yennaa ati muka harru'uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita» jedhe.
51 He told him, "Truly, truly, I say to you, you will see heaven opened, and our Father's angels ascending and descending on the Son of Man." Yesuus itti dabalee, «Dhugaa isinitti hima: Ol-gubbaan banantee, ergantooti Waaqaa Ilma Namaa irra ol bayaa gad buutuun hin dhaggitan» jedheen.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]