Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 24 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Do not envy evil men, and do not desire to be with them, Hamootatti hin hinaafin; garee isaanii taʼuus hin hawwin;
2 for their hearts plot violence, and their lips speak of trouble. garaan isaanii hammina malataatii; hidhiin isaaniis rakkina odeessa.
3 By wisdom a house is built, and by understanding it is established; Manni ogummaadhaan ijaarama; hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama;
4 and by knowledge its rooms are filled with all precious and pleasant riches. kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi miidhagaadhaan guutamu.
5 A wise man is full of strength, and a man of knowledge increases his power, Ogeessi humna guddaa qaba; beekaan namaa immoo jabina itti dabalata;
6 for by wise guidance you can wage your war, and victory comes through many counselors. waraana banuuf qajeelfama, moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.
7 Wisdom is too high for a fool; at the gate, he has nothing to say. Gowwaa irraa ogummaan akka malee ol fagoo dha; inni karra duratti afaan isaa hin saaqqatu.
8 Whoever plans to do evil will be called a schemer. Namni hammina malu, “Maltee” jedhama.
9 A fool's scheming is sin, and the scoffer is detestable to people. Malli gowwummaa cubbuu dha; namoonnis qoostuu ni balfu.
10 If you falter in a time of trouble, your strength is small. Ati yoo gaafa rakkinaa laafte, jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha!
11 Rescue those being taken away to death, and hold back those stumbling toward the slaughter. Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi.
12 If you say, "Look, we did not know this," does not he who weighs the heart perceive it? Does not he who watches over your soul know it? And will he not repay each person according to his deeds? Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?
13 My son, eat honey, for it is good, and the honeycomb's drippings are sweet to your taste. Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu; nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa.
14 Know that wisdom is just like this to your soul; if you find it, there is a future, and your hope will not be cut off. Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki; ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
15 Do not lie in wait, you wicked man, against the home of the righteous; do not destroy his resting place, Akka nama seeraan hin bulleetti mana nama qajeelaa riphxee hin eeggatin; mana jireenya isaas hin saamin.
16 for though the righteous falls seven times, he rises again, but the wicked stumble in disaster. Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii; namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata.
17 Do not rejoice when your enemy falls, and do not let your heart be glad when he stumbles, Yeroo diinni kee kufutti hin ililchin; yeroo inni gufatuttis garaan kee hin gammadin;
18 lest our Father see it and be displeased, and turn his anger away from him. yoo kanaa achii Rabbii Allaahan waan kanatti ni gaddaatii; dheekkamsa isaas isa irraa deebisa.
19 Do not fret because of evildoers, and do not envy the wicked, Ati sababii jalʼootaatiif aariidhaan hin gubatin; hamootattis hin hinaafin.
20 for the evil man has no future; the lamp of the wicked will be snuffed out. Namni jalʼaan fuul duratti abdii hin qabuutii; ibsaan hamootaas ni dhaama.
21 My son, fear our Father and the king, and do not join with those who rebel against them, Yaa ilma ko, Rabbii Allaah fi mootii sodaadhu; finciltootattis hin makamin;
22 for their disaster will rise suddenly, and who knows the ruin that both of them can bring? badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii; balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka?
23 These also are sayings of the wise: Showing partiality in judgment is not good. Kunneenis jechoota ogeessaa ti: Murtii kennuu irratti nama wal caalchisuun gaarii miti:
24 Whoever says to the guilty, "You are innocent," peoples will curse him and nations will denounce him, Kan nama yakka qabuun, “Ati balleessaa hin qabdu” jedhu kam iyyuu namni isa abaara; sabnis isa balaaleffata.
25 but it will go well for those who convict the guilty, and a rich blessing will come upon them. Warri nama yakka hojjetu ifatan garuu ni gammadu; eebbi guddaanis ni dhufaaf.
26 An honest answer is like a kiss on the lips. Deebiin qajeelaan, akkuma hidhii dhungachuu ti.
27 Prepare your work outside, get your fields ready, and after that build your house. Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii lafa qotiisaa kees qopheeffadhu; ergasii mana kee ijaarradhu.
28 Do not be a witness against your neighbor without cause; would you deceive with your lips? Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin.
29 Do not say, "I will do to him as he did to me; I will pay the man back for what he has done." Ati, “Waanuma inni na godhe anis isa nan godha; waan inni hojjeteefis gatii isaa nan deebisa” hin jedhin.
30 I passed by the field of a lazy man, by the vineyard of someone lacking sense, Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee, iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe;
31 and there it was, all overgrown with thorns; the ground was covered with weeds, and its stone wall was broken down. qoraattiin lafa hunda guuteera; laftis aramaadhaan fudhatameera; dallaan dhagaas diigameera.
32 Then I looked and took it to heart; I saw and received instruction. Ani argeen waan sana qalbeeffadhe; waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe:
33 A little sleep, a little slumber, a little folding of the hands to rest, hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa; xinnoo harka walitti marachuu;
34 and poverty will come upon you like a robber, and scarcity like an armed man. hiyyummaanis akkuma hattuutti, deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]