Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 15 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 A gentle answer turns away wrath, but a harsh word stirs up anger. Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
2 The tongue of the wise commends knowledge, but the mouths of fools pour out foolishness. Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja; afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.
3 The eyes of our Father are in every place, keeping watch on the evil and the good. Iji Rabbii Allaah idduma hunda jira; nama hamaa fi gaariis ni toʼata.
4 A gentle tongue is a tree of life, but a corrupt tongue crushes the spirit. Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
5 A fool despises his father's instruction, but whoever heeds correction is prudent. Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata; namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
6 In the house of the righteous there is much treasure, but the income of the wicked brings trouble. Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.
7 The lips of the wise spread knowledge, but not so the hearts of fools. Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa; garaan nama gowwaa garuu akkas miti.
8 The sacrifice of the wicked is detestable to our Father, but the prayer of the upright is his delight. Rabbii Allaahan aarsaa hamootaa ni balfa; duʼaan tolootaa garuu isa gammachiisa.
9 The way of the wicked is detestable to our Father, but he loves the one who pursues righteousness. Rabbii Allaahan karaa hamootaa ni balfa; warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.
10 There is severe discipline for the one who leaves the path, and whoever hates correction will die. Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata; kan sirreeffama jibbu ni duʼa.
11 The grave and Destruction lie open before our Father; how much more the hearts of all people! Duʼaa fi Badiisni fuula Rabbii Allaah duratti beekamoo dha; yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree!
12 A scoffer does not love to be corrected; he will not go to the wise. Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu; nama ogeessaanis hin mariʼatu.
13 A glad heart makes a cheerful face, but a sorrowful heart crushes the spirit. Garaan gammadu akka fuulli ifu godha; gaddi garaa garuu hafuura cabsa.
14 A discerning heart seeks knowledge, but the mouths of fools feed on foolishness. Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada; afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.
15 All the days of the afflicted are hard, but a cheerful heart has a continual feast. Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha; garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.
16 Better a little with the fear of our Father than great treasure and trouble with it. Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa, Rabbii Allaah sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
17 Better a meal of vegetables where there is love than a fattened ox with hatred. Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa, jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.
18 A hot-tempered man stirs up strife, but one who is slow to anger calms a quarrel. Namni dafee aaru lola kakaasa; namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.
19 The way of the lazy is like a hedge of thorns, but the path of the upright is a level highway. Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama; daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.
20 A wise son makes a glad father, but a foolish man despises his mother. Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
21 Foolishness is joy to one who lacks sense, but a person of understanding walks a straight path. Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa; namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.
22 Plans fail without counsel, but with many advisers they succeed. Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
23 A person finds joy in giving an apt reply, and how good is a word at the right time! Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
24 The path of life leads upward for the prudent, turning him away from the grave below. Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef gara jireenyaatti ol isa baasa.
25 Our Father tears down the house of the proud, but he protects the widow's boundary. Rabbii Allaahan mana nama of tuuluu ni diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
26 The thoughts of the wicked are detestable to our Father, but gracious words are pure. Rabbii Allaahan yaada nama hamaa ni balfa; yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.
27 Whoever is greedy for unjust gain brings trouble on his own household, but the one who hates bribes will live. Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.
28 The heart of the righteous weighs how to answer, but the mouth of the wicked pours out evil. Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada; afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.
29 Our Father is far from the wicked, but he hears the prayer of the righteous. Rabbii Allaahan nama hamaa irraa fagoo jira; duʼaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.
30 The light of the eyes brings joy to the heart, and good news refreshes the bones. Fuulli ifaan garaa gammachiisa; oduun gaariinis lafee haaromsa.
31 The ear that listens to life-giving correction will dwell among the wise. Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu, ogeeyyii gidduu jiraata.
32 Whoever ignores instruction despises himself, but whoever listens to correction gains understanding. Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata; kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
33 The fear of our Father is the instruction of wisdom, and humility comes before honor. Rabbii Allaah sodaachuun ogummaa nama barsiisa; gad of qabuunis ulfina dura dhufa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]