Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Mark 8 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 In those days, again a large crowd gathered with nothing to eat. Jesus called his disciples and said, Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Iisaanis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe;
2 "I feel compassion for the crowd—they've been with me three days now and have nothing to eat. “Sababii isaan guyyaa sadii na bira turanii waan nyaatan tokko illee hin qabneef, ani namoota kanneeniif garaa nan laafa.
3 If I send them home hungry, they'll collapse on the way—some have come from far off." Yoo ani agabuu isaanii gad isaan dhiise, isaan karaa irratti ni gaggabu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufaniitii.”
4 And his disciples answered him, "How can anyone feed these people with bread here in the wilderness?" Barattoonni isaas deebisanii, “Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?” jedhan.
5 And he asked them, "How many loaves do you have?" They said, "Seven." Iisaan immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Torba” jedhan.
6 He told the crowd to sit on the ground, took the seven loaves, gave thanks, broke them, and gave them to his disciples to serve to the people; and they served the crowd. Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan.
7 They also had a few small fish; after blessing them, he told the disciples to serve these to the people. Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime.
8 And they ate and were satisfied. And they took up seven baskets of the leftover pieces. Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban.
9 About 4,000 people were there. And he sent them away. Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee,
10 Then immediately he got into the boat with his disciples and went to the district of Dalmanutha. barattoota isaa wajjin yommusuma bidiruu yaabbatee biyya Daalmaanutaa dhaqe.
11 The Pharisees came and began debating with him, testing him by demanding a sign from heaven. Fariisonnis dhufanii Iisaatti falmuu jalqaban; isa qoruuf jedhaniis mallattoo shamaayʼun irraa isa irraa barbaadan.
12 Sighing deeply in his spirit, he said, "Why does this generation demand a sign? Truly I tell you, no sign will be given to this generation." Innis hafuura dheeraa baafatee, “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada? Ani dhuguma isinitti hima; mallattoon tokko iyyuu dhaloota kanaaf hin kennamu” jedheen.
13 And he left them, got back into the boat, and went to the other side. Innis isaan dhiisee bidiruutti deebiʼee gama ceʼe.
14 They'd forgotten to bring bread—only one loaf was with them in the boat. Barattoonnis buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qaban sana malee buddeena fudhachuu irraanfatanii turan.
15 And he warned them, "Watch out—beware of the yeast of the Pharisees and the yeast of Herod." Iisaanis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi raacitii Heroodis irraa of eeggadhaa” jedhee isaan akeekkachiise.
16 And they began discussing with one another that they had no bread. Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin qabneef” jedhanii walii wajjin haasaʼan.
17 Knowing this, Jesus asked, "Why discuss having no bread? Do you still not see or grasp? Are your hearts hardened? Iisaanis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii dudubbattu? Isin amma iyyuu hin argitanii? Yookaan hin hubattanii? Mataa jabaattanii?
18 Having eyes, do you not see? Having ears, do you not hear? And do you not remember? Isin utuma ija qabdanuu hin argitanii? Utuma gurra qabdanuus hin dhageessanii? Hin yaadattanii?
19 When I broke the five loaves for the 5,000, how many baskets full of fragments did you collect?" They said, "Twelve." Yeroo ani buddeena shanan sana nama kuma shaniif caccabsetti isin hurraaʼaa gundoo meeqa guutuu kaaftan?” Isaanis, “Kudha lama” jedhaniin.
20 "And when I broke the seven for the 4,000, how many basketfuls of broken pieces did you gather?" They said, "Seven." Innis, “Yeroo ani buddeena torba nama kuma afuriif caccabsetti hambaa gundoo meeqa guutuu walitti qabdan?” jedhee gaafate. Isaanis, “Torba” jedhaniin.
21 And he said to them, "Do you still not understand?" Innis, “Isin amma iyyuu hin hubattanii?” jedheen.
22 They came to Bethsaida, where people brought him a blind man and begged Jesus to touch the man. Isaanis Beetisayidaa dhaqan; jarri tokkos namicha jaamaa tokko fidanii akka inni isa qaqqabuuf Iisaa kadhatan.
23 He took the blind man's hand, led him out of the village, spit on his eyes, laid hands on him, and asked, "Do you see anything?" Innis namicha jaamaa sana harka qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaattis tufee, harka isaas irra kaaʼee, “Waa arguu dandeessaa?” jedhee gaafate.
24 He looked up and said, "I see people, but they look like trees, walking." Namichis ol ilaalee, “Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu” jedhe.
25 Then Jesus put his hands on the man's eyes again; he looked intently, was restored, and saw everything distinctly. Iisaan amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge.
26 And he sent him home, saying, "Do not even go into the village." Iisaanis namichaan, “Gara ganda sanaa seentee waan kana nama tokkotti illee hin himin” jedhee gara mana isaatti isa erge.
27 Jesus and his disciples went to the villages of Caesarea Philippi. On the way he asked them, "Who do people say I am?" Iisaa fi barattoonni isaa gara gandoota naannoo Fiiliphoos Qiisaariyaa jiraniitti darban. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee karaa irratti isaan gaafate.
28 They told him, "John the Baptist; and others say Elijah; and others, one of the prophets." Isaanis, “Namoonni tokko tokko, ‘Inni Yahyaa dha’ jedhu; warri kaan, ‘Inni Iliyaas’ jedhu; kaan immoo, ‘Inni nabiiʼiyyoota keessaa isa tokkoo dha’ jedhu” jedhanii deebisan.
29 Then he asked them, "But who do you say I am?" Peter answered, "You are the Christ." Innis, “Isin eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate. Phexrosis, “Ati Al-Masiihii” jedhee deebise.
30 And he strictly warned them not to speak about him. Iisaanis akka isaan waaʼee isaa nama tokkotti illee hin himneef isaan akeekkachiise.
31 He began teaching them the Son of Man must suffer much, be rejected by the elders, chief priests, and scribes, be killed, and rise after three days. Iisaanis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe.
32 He said this plainly. And Peter took him aside and began to rebuke him. Innis waaʼee kanaa ifatti baasee dubbate; Phexrosis kophaatti baasee isa ifachuu jalqabe.
33 But turning, he looked at his disciples and rebuked Peter: "Get behind me, Satan! For you are not setting your mind on the things of our Father, but on the things of man." Iisaan garuu of irra garagalee barattoota isaa ilaale; Phexrosiinis, “Sheeyxaana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati kan namaa yaadda malee kan Allaaha hin yaadduutii” jedhee ifate.
34 He called the crowd and his disciples and said to them, "Whoever wants to come after me must deny himself, take up his cross, and follow me. Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
35 Whoever wants to save his life will lose it; whoever loses his life for my sake and the good news will save it. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi injiilaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata.
36 What good does it do a person to gain the whole world and forfeit his soul? Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata?
37 For what can a person give in exchange for his soul? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
38 For whoever is ashamed of me and my words in this adulterous, sinful generation—the Son of Man will be ashamed of them too when he comes in his Father's glory with the holy angels." Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin malaʼikkoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]