Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Mark 9 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 He said to them, "Truly I tell you: some standing here will not taste death before they see the kingdom of our Father come with power." Innis, “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Allaaha humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman” isaaniin jedhe.
2 Six days later Jesus took Peter, James, and John, and led them up a high mountain alone, and he was transfigured before them. Iisaan guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaʼikuubii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame.
3 His clothes became radiant, dazzling white—whiter than anyone on earth could bleach them. Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate.
4 And Elijah appeared to them along with Moses, and they were talking with Jesus. Iliyaasii fi Muusaanis isaanitti mulʼatan; isaanis Iisaa wajjin haasaʼaa turan.
5 Peter said to Jesus, "Rabbi, it's good that we're here. Let's make three shelters—one for you, one for Moses, and one for Elijah." Phexrosis Iisaan, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Muusaaf, tokko immoo Iliyaasiif ni ijaarra” jedhe.
6 He did not know what to say, for they were terrified. Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii.
7 A cloud appeared and overshadowed them, and a voice came from the cloud: "This is my beloved Son. Listen to him!" Duumessis dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.
8 Suddenly, when they looked around, they no longer saw anyone with them except Jesus. Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Iisaa malee nama tokko illee of biratti hin argine.
9 Coming down the mountain, he ordered them to tell no one what they'd seen until the Son of Man rose from the dead. Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Iisaan akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.
10 So they kept the matter to themselves, questioning what rising from the dead could mean. Isaanis “warra duʼan keessaa kaʼuun” maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan.
11 And they asked him, "Why do the scribes say that Elijah must come first?" Isaanis, “Barsiistonni seeraa maaliif Iliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?” jedhanii isa gaafatan.
12 He said, "Elijah does come first and restores everything. Then why is it written the Son of Man must suffer much and be treated with contempt? Iisaan akkana jedhee deebise; “Dhugumaan Iliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree?
13 But I tell you, Elijah has come, and they did to him whatever they pleased, as it is written about him." Ani garuu isinittin hima; Iliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan.”
14 Coming to the other disciples, they saw a large crowd around the disciples, and scribes arguing with them. Isaanis yommuu gara barattoota kaanii dhufanitti, namoonni hedduun isaanitti naannaʼanii, barsiistonni seeraa immoo utuu isaanitti falmanuu argan.
15 As soon as the whole crowd saw Jesus, they were astonished and ran to greet him. Namoonni hundinuus akkuma Iisaa arganiin akka malee dinqifatanii isa dubbisuudhaaf itti fiigan.
16 He asked them, "What are you arguing about with the scribes?" Innis, “Isin maal isaanitti falmitu?” jedhee isaan gaafate.
17 Someone in the crowd answered him, "Teacher, I brought my son to you; he has a spirit that won't let him speak. Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera.
18 Whenever it seizes him, it throws him down. He foams at the mouth, grinds his teeth, and stiffens. I asked your disciples to drive it out, but they couldn't." Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
19 He replied, "You unbelieving generation, how long must I stay with you? How long must I endure you? Bring him to me." Iisaanis deebisee, “Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa” jedhe.
20 They brought the boy to him. Seeing Jesus, the spirit instantly convulsed him; he fell to the ground, thrashing and foaming at the mouth. Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Iisaa argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.
21 Jesus asked the boy's father, "How long has this been happening to him?" "From childhood," he said. Iisaanis, “Wanni kun erga isa qabee hammam ture?” jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Innis akkana jedhe; “Ijoollummaadhaa jalqabee ti.
22 "It has often thrown him into fire and water to destroy him. But if you can do anything, pity us and help us." Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari.”
23 Jesus said to him, "'If you can'? Everything is possible for the one who believes." Iisaanis, “ ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen.
24 Immediately the boy's father cried, "I believe; help my unbelief!" Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye.
25 Seeing a crowd running together, Jesus rebuked the unclean spirit: "Mute and deaf spirit, I command you—come out of him and never enter him again!" Iisaanis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, “Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja” jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.
26 Crying out and convulsing him hard, it came out. He looked like a corpse, so many said, "He's dead." Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, “Inni duʼeera” jedhan.
27 But Jesus took him by the hand and raised him up, and he stood. Iisaan garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.
28 When Jesus had gone indoors, his disciples asked him privately, "Why couldn't we drive it out?" Erga Iisaan manatti ol galee booddee barattoonni isaa, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii kophaatti isa gaafatan.
29 He told them, "This kind can come out only by prayer." Innis deebisee, “Inni akkanaa kun duʼaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu” jedheen.
30 They left there and passed through Galilee. Jesus did not want anyone to know where they were, Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Iisaanis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne;
31 because he was teaching his disciples, telling them, "The Son of Man is being handed into human hands. They will kill him, and three days later he will rise." sababiin isaas, “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture.
32 But they did not understand what he meant, and they were afraid to ask him. Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
33 They came to Capernaum. In the house he asked them, "What were you arguing about on the way?" Isaanis Qifirnaahom dhaqan. Innis yeroo mana keessa turetti, “Isin karaatti maal walitti falmaa turtan?” jedhee isaan gaafate.
34 But they were silent, since they had argued along the way about who was greatest. Isaan garuu eenyu akka nama hundumaa caalu karaatti waan walitti falmaa turaniif ni calʼisan.
35 He sat down, called the Twelve, and told them, "Anyone who wants to be first must be last of all and servant of all." Iisaanis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.
36 He took a little child, stood him among them, took the child in his arms, and said to them: Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe;
37 "Whoever accepts one of these little children in my name accepts me; whoever accepts me accepts not me but the one who sent me." “Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu.”
38 John said to him, "Teacher, we saw someone driving out demons in your name and tried to stop him, since he doesn't follow us." Yohannisis, “Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
39 But Jesus said, "Don't stop him—no one who does a miracle in my name can soon speak evil of me. Iisaan garuu akkana jedhe; “Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii.
40 For whoever is not against us is for us. Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii.
41 Truly I tell you, whoever gives you a cup of water to drink because you belong to Christ will never lose his reward. Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Al-Masiihii taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.
42 Whoever trips up one of these little ones who believe in me—better for him to have a large millstone hung around his neck and be thrown into the sea. “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture.
43 If your hand trips you up, cut it off. Better to enter life maimed than with two hands to go into hell, into the unquenchable fire. Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee jahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [
44 Not in this edition Jahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’]
45 If your foot trips you up, cut it off. Better to enter life lame than be thrown into hell with two feet. Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee jahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. [
46 Not in this edition Jahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’]
47 If your eye trips you up, throw it out. Better to enter the kingdom of our Father with one eye than be thrown into hell with two, Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee jahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Allaahatti galuu siif wayya.
48 where 'their worm never dies and the fire never goes out.' Jahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’
49 For everyone will be salted with fire. Namni hundinuu ibiddaan miʼeeffama.
50 Salt is good, but if it loses its saltiness, how can you season it again? Keep salt among yourselves, and be at peace with each other." “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]