Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Mark 10 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 He left there for the region of Judea and beyond the Jordan; crowds gathered to him again, and as usual he taught them once more. Iisaanis achii kaʼee gara biyya Yihuudaatii fi Yordaanos gamaa dhaqe. Amma illee namoonni isa biratti walitti qabaman; innis akkuma bartee isaatti isaan barsiise.
2 Some Pharisees came to test him, asking, "Is it lawful for a man to divorce his wife?" Fariisonni dhufanii, “Namni tokko niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafachuudhaan isa qoran.
3 He answered them, "What did Moses command you?" Innis deebisee, “Muusaan maal isin ajaje?” jedheen.
4 They said, "Moses permitted a man to write a certificate of divorce and send her away." Isaanis, “Namni tokko akka waraqaa ragaa hiikkaa barreesseefii niitii isaa hiiku Muusaan eeyyameera” jedhan.
5 Jesus told them, "He wrote you this command because your hearts were hard. Iisaanis akkana jedhee deebise; “Muusaan sababii mata jabina keessaniitiif jedhee seera kana isiniif barreesse.
6 But from the beginning of creation, our Father made them male and female. Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Allaahan, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’
7 'For this reason a man will leave his father and mother and be joined to his wife, ‘Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa;
8 and the two will become one flesh.' So they are no longer two, but one flesh. lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti.
9 Therefore what our Father has joined together, let no one separate." Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin.”
10 Back in the house, the disciples asked him about this again. Utuu ammas mana jiranuu barattoonni waaʼee dubbii kanaa Iisaa gaafatan.
11 He said to them, "Whoever divorces his wife and marries another commits adultery against her, Innis akkana jedhee deebiseef; “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ishee irratti ejja raawwata.
12 and if she divorces her husband and marries another, she commits adultery." Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti.”
13 People were bringing children to him so that he might touch them, but the disciples rebuked them. Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf ijoollee xixinnoo Iisaatti fidaa turan; barattoonni garuu isaan ifatan.
14 When Jesus saw this, he grew angry and said, "Let the children come to me; don't stop them, for the kingdom of our Father belongs to such as these. Iisaan yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Allaaha kan warra akkanaatii.
15 Truly I tell you, whoever doesn't receive our Father's kingdom like a child will never enter it." Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Allaaha hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
16 And he took them in his arms and blessed them, laying his hands on them. Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise.
17 As he started down the road, a man ran up, knelt before him, and asked, "Good Teacher, what must I do to inherit eternal life?" Akkuma Iisaan deemuuf karaa qabateen namichi tokko fiigaa dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate.
18 Jesus asked, "Why call me good? No one is good except our Father alone. Iisaanis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Allaah tokkicha malee gaariin hin jiru.
19 You know the commandments: 'don't murder, commit adultery, steal, or give false testimony; don't defraud; honor your father and mother.'" Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
20 He said to him, "Teacher, all these I have kept since my youth." Namichis, “Yaa barsiisaa, ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe.
21 Jesus looked at him and loved him. "One thing you lack: go, sell everything you own, give to the poor—you'll have treasure in heaven—then come follow me." Iisaan namicha ilaalee isa jaallatee, “Waan tokkotu si duraa hirʼata; dhaqiitii waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; shamaayʼun irratti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen.
22 At this word his face fell, and he went away grieving, for he had many possessions. Kana irratti fuulli namichaa ni geeddarame. Inni gaddee achii deeme; qabeenya guddaa qaba tureetii.
23 Jesus looked around and told his disciples, "How hard it will be for the wealthy to enter the kingdom of our Father!" Iisaanis naannoo isaa ilaalee barattoota isaatiin, “Mootummaa Allaahatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!” jedhe.
24 The disciples were amazed at his words. Jesus said to them again, "Children, how hard it is to enter the kingdom of our Father! Barattoonnis dubbii isaa ni dinqisiifatan. Iisaan garuu ammas akkana jedheen; “Ijoolle, mootummaa Allaahatti galuun akkam rakkisaa dha!
25 A camel goes through a needle's eye easier than a rich person enters our Father's kingdom." Namni sooressi mootummaa Allaahatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
26 They were even more astonished and said to one another, "Then who can be saved?" Barattoonnis akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” waliin jedhan.
27 Jesus looked at them and said, "With man, impossible; but not with our Father, for all things are possible with our Father." Iisaanis isaan ilaalee, “Kun garuu Allaahaf malee namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii” jedhe.
28 Peter began to say to him, "Look, we have left everything and followed you." Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra!” jedhe.
29 Jesus said, "Truly I tell you, no one has left house or brothers or sisters or mother or father or children or fields for my sake and for the gospel, Iisaanis deebisee akkana jedheen; “Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi injiilaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu,
30 "who won't receive a hundredfold now, in this time—houses, brothers, sisters, mothers, children, fields, with persecutions—and in the age to come, eternal life. kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru.
31 But many who are first will be last, and the last first." Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa, warri dhumaa immoo warra jalqabaa ni taʼu.”
32 On the road up to Jerusalem, Jesus walked ahead of them. They were amazed, and those following were afraid. Taking the twelve aside again, he began telling them what was about to happen to him: Isaanis Yerusaalemitti ol baʼuuf jedhanii karaa irra turan; Iisaan immoo isaan dura deemaa ture; barattoonnis ni dinqisiifatan; warri duukaa buʼaa turan immoo ni sodaatan. Iisaan amma illee warra kudha lamaan kophaatti baasee waan isatti dhufuuf jiru isaanitti hime.
33 "Look, we're going up to Jerusalem. The Son of Man will be handed over to the chief priests and scribes, who will condemn him to death and hand him over to the Gentiles. Akkanas jedhe; “Kunoo, nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akkasumas dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu;
34 They will mock him, spit on him, flog him, and kill him; after three days he will rise." isaanis isatti qoosu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. Inni garuu guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa.”
35 James and John, Zebedee's sons, came to him and said, "Teacher, we want you to do for us whatever we ask." Ilmaan Zabdewoos jechuunis Yaaʼikuubii fi Yohannis gara Iisaa dhufanii, “Yaa Barsiisaa, akka ati waan nu si kadhannu kam iyyuu nuu gootu barbaanna” jedhan.
36 He said to them, "What do you want me to do for you?" Innis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedheen.
37 They said to him, "Let us sit in your glory, one at your right, one at your left." Isaanis deebisanii, “Yeroo ulfina keetiitti, tokkoon keenya mirga keetiin, tokkoon keenya immoo bitaa keetiin akka teenyuuf nuuf eeyyami” jedhanii deebisan.
38 Jesus said to them, "You don't know what you're asking. Can you drink the cup I drink, or be baptized with the baptism I'm baptized with?" Iisaanis, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhugu, dhuguu yookaan cuuphaa ani cuuphamu, cuuphamuu ni dandeessuu?” jedheen.
39 "We can," they said. Jesus said to them, "The cup I drink, you will drink; the baptism I'm baptized with, you will be baptized with, Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan. Iisaanis akkana jedheen; “Xoofoo ani dhugu ni dhugdu; cuuphaa ani cuuphamus ni cuuphamtu;
40 but sitting at my right or left isn't mine to give - that's for those it's prepared for." garuu mirga koo yookaan bitaa koo taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra isaaniif jedhamee qopheeffame sanaa ti.”
41 Hearing this, the ten grew indignant at James and John. Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti Yaaʼikuubii fi Yohannisitti aaran.
42 Jesus called them together and said, "You know that those regarded as rulers of the Gentiles dominate them, and their great ones wield power over them. Iisaanis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka warri akka bulchitoota Namoota Ormaatti ilaalaman sun isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.
43 But it isn't so among you. Instead, whoever wants to be great among you must be your servant, Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;
44 and whoever wants to be first among you must be slave of all. namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha nama hundaa taʼuu qaba.
45 For even the Son of Man came not to be served, but to serve, and to give his life as a ransom for many." Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
46 They came to Jericho. As Jesus and his disciples were leaving with a large crowd, blind Bartimaeus son of Timaeus sat begging by the road. Isaanis Yerikoo dhufan. Utuu Iisaan barattoota isaatii fi tuuta namootaa guddaa isaa wajjin Yerikoodhaa baʼaa jiruu, namichi jaamaan Barxiimewos jedhamu ilmi Ximeewos karaa irra taaʼee kadhachaa ture.
47 Hearing it was Jesus of Nazareth, he began to cry out, "Jesus, Son of David, have mercy on me!" Barxiimewosis yommuu akka inni Iisaa isa Naazreeti taʼe dhagaʼetti, “Iisaa, yaa ilma Daawud na maari!” jedhee iyyuu jalqabe.
48 Many scolded him to be silent, but he shouted even louder, "Son of David, have mercy on me!" Namoonni baayʼeen akka inni calʼisuuf ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawud na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
49 Jesus stopped and said, "Call him." So they called the blind man: "Courage! Get up—he's calling you." Iisaanis dhaabatee, “Isa waamaa” jedhe. Isaanis, “Jabaadhu! Kaʼi inni si waamaatii” jedhanii namicha jaamaa sana waaman.
50 Throwing off his cloak, he jumped up and came to Jesus. Innis wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼee gara Iisaa dhufe.
51 Jesus told him, "What do you want me to do for you?" The blind man told him, "Rabboni, let me see again." Iisaanis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate. Namichi jaamaan sunis, “Yaa barsiisaa, ani arguun barbaada” jedheen.
52 Jesus told him, "Go; your faith has healed you." At once he regained his sight and followed Jesus on the road. Iisaanis, “Amantiin kee si fayyiseeraa deemi” jedheen. Innis yeruma sana argee karaa irra buʼee Iisaa duukaa buʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]