Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Leviticus 3 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 "If someone's offering is a peace offering from the herd, male or female, he must present it without defect before me. “ ‘Kennaan nama tokkoo yoo aarsaa nagaa taʼe, namichi sunis karra loonii keessaa horii tokko, korma yookaan dhalaa yoo dhiʼeesse, inni horii hirʼina hin qabne fuula Rabbii Allaah duratti haa dhiʼeessu.
2 He lays his hand on his offering's head and slaughters it at the tent of meeting's entrance, and Aaron's sons the priests splash the blood against all sides of the altar. Namichi sun mataa kennaa isaa irra harka isaa haa kaaʼu; balbala dunkaana wal gaʼii durattis haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Haaruun luboonni sun dhiiga horii sana iddoo aarsaa sanatti gama hundaan haa facaasan.
3 From the peace offering he must present to me a food offering made by fire: the fat covering the inner parts and all the fat on them, Innis aarsaa nagaa irraa aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu haa fidu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
4 both kidneys with the fat on them near the flanks, and the long lobe of the liver, which he removes with the kidneys. kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼa.
5 Aaron's sons will burn it on the altar atop the burnt offering on the wood over the fire—a food offering, a pleasing aroma to me. Ergasiis ilmaan Haaruun waan kana aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Rabbii Allaahatti tolu godhanii iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu kan qoraan bobaʼu irra jiru irratti haa guban.
6 "If his peace offering to me is from the flock, male or female, he must present it without defect. “ ‘Inni yoo bushaayee keessaa horii tokko akka aarsaa nagaatti Rabbii Allaahaf dhiʼeesse, korma yookaan dhalaa hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu.
7 If he brings a lamb as his offering, he is to present it before me, Inni yoo xobbaallaa hoolaa dhiʼeesse, fuula Rabbii Allaah duratti haa dhiʼeessu.
8 lay his hand on the head of his offering and slaughter it before the tent of meeting; Aaron's sons will splash its blood on all sides of the altar. Namichi sunis mataa kennaa isaa irra harka isaa kaaʼee balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Haaruun dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
9 From the peace offering he must present a food offering to me by fire: its fat, the whole fat tail cut off close to the backbone, the fat covering the inner parts, and all the fat on them, Innis aarsaa nagaa sana irraa qalma ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu haa fidu; kunis cooma isaa, duboo isaa kan lafee dugdaatti dhiʼeeffamee kutame hunda, moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
10 both kidneys with the fat near the loins, and the liver's long lobe, which he removes with the kidneys. kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
11 The priest will burn it on the altar as food, an offering made to me by fire. Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; nyaanni kunis aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha.
12 "If his offering is a goat, he is to present it before me, “ ‘Yoo kennaan isaa reʼee taʼe, inni fuula Rabbii Allaah duratti haa dhiʼeessu.
13 lay his hand on its head and slaughter it in front of the tent of meeting; Aaron's sons will splash its blood on all sides of the altar. Namichi sun mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Haaruun dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
14 From it he must present a food offering to me by fire: the fat covering the inner parts and all the fat on them, Innis waan dhiʼeessu keessaa kennaa kana kennaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu godhee haa dhiʼeessu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
15 both kidneys with their fat near the loins, and the liver's long lobe, which he removes with the kidneys. kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
16 The priest will burn them on the altar as food, an offering by fire, a pleasing aroma. All fat is mine. Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan dhiʼeeffamuu dha. Coomni hundinuu kan Rabbii Allaah ti.
17 "This is a lasting rule for all generations, wherever you live: never eat any fat or any blood." “ ‘Isin cooma tokko illee yookaan dhiiga tokko illee hin sooratinaa; wanni kun lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf jiru keessatti seera hin geeddaramnee dha.’ ”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]