Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Leviticus 2 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 "When anyone brings a grain offering to our Father, the offering must be fine flour. Pour oil on it, put frankincense on it, “ ‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii Rabbii Allaahaf dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee,
2 and bring it to Aaron's sons, the priests. The priest will take a handful of its fine flour and oil, with all its frankincense, and burn the memorial portion on the altar—a fire offering, a pleasing aroma to our Father. ilmaan Haaruun luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Rabbii Allaahatti toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
3 The rest of the grain offering belongs to Aaron and his sons—most holy, from the fire offerings to our Father. Kennaan midhaanii hafe immoo kan Haaruunii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha.
4 "When you bring a grain offering baked in an oven: fine flour, either loaves without yeast mixed with oil, or wafers without yeast spread with oil. “ ‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu.
5 If your offering is a grain offering on a griddle, it must be fine flour mixed with oil, without yeast. Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu.
6 Break it into pieces and pour oil on it; it is a grain offering. Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti.
7 If your offering is grain cooked in a pan, make it with fine flour and oil. Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu.
8 Bring the grain offering made from these to our Father; present it to the priest, who brings it to the altar. Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame Rabbii Allaahaf fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni.
9 The priest takes the grain offering's memorial portion and burns it on the altar—a fire offering, a pleasing aroma to our Father. Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Rabbii Allaahatti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
10 What remains of the grain offering belongs to Aaron and his sons—most holy, from the fire offerings to our Father. Kennaan midhaanii hafe immoo kan Haaruunii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha.
11 "No grain offering you bring to our Father may contain yeast, for you must not burn any yeast or honey as a fire offering to our Father. “ ‘Kennaan midhaanii kan isin Rabbii Allaahaf dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii.
12 You may bring them to our Father as a firstfruits offering, but do not offer them on the altar as a pleasing aroma. Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Rabbii Allaahaf dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu.
13 Salt every grain offering. Don't leave out your Father's covenant salt; add salt to all your offerings. Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Allaah keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali.
14 "If you bring a firstfruits grain offering to our Father, offer new grain roasted in fire, crushed kernels, as your firstfruits offering. “ ‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii Rabbii Allaahaf fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi.
15 Put oil on it and lay frankincense on it; it is a grain offering. Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti.
16 The priest burns the memorial portion—some of the crushed grain and oil—with all its frankincense, as a fire offering to our Father." Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu godhee haa gubu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]