Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 9 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 As Jesus passed by, he saw a man who had been blind from birth. Iisaan utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge.
2 His disciples asked him, "Rabbi, who sinned, this man or his parents, that he was born blind?" Barattoonni isaas, “Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?” jedhanii isa gaafatan.
3 "Neither this man nor his parents sinned,' Jesus answered, 'but this happened so the works of our Father might be revealed in him. Iisaanis akkana jedhee deebise; “Akka hojiin Allaaha isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti.
4 We must do the works of the one who sent me while it is day; night comes, when no one can work. Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa.
5 As long as I am in the world, I am the light of the world.'" Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti.”
6 Saying this, he spat on the ground, made mud from the saliva, and smeared it on the man's eyes. Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe.
7 He told him, "Go, wash in the pool of Siloam" (meaning Sent). So the man went, washed, and returned able to see. Innis namicha sanaan, “Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu” jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe.
8 Neighbors and those who'd seen him begging before said, "Isn't this the one who used to sit and beg?" Olloonni isaatii fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu argan, “Namichi kun isuma taaʼee kadhachaa ture sana mitii?” jedhan.
9 Some said, "That's him." Others said, "No, he just looks like him." He kept saying, "I'm the one." Namoonni tokko tokko, “Eeyyee, isa” jedhan. Kaan immoo, “Miti, isa fakkaata malee” jedhan. Inni garuu, “Namichi sun anuma” jedhe.
10 So they asked him, "Then how were your eyes opened?" Jarris, “Iji kee akkamitti baname ree?” jedhaniin.
11 He replied, "The man called Jesus made mud, smeared it on my eyes, and told me, 'Go to Siloam and wash.' So I went, washed, and could see." Innis deebisee, “Namicha Iisaa jedhamutu dhoqqee tolchee ija koo dibee, ‘Gara Haroo Saliihoom dhaqiitii dhiqadhu’ naan jedhe; anis dhaqeen dhiqadhe; arguus nan dandaʼe.”
12 They said to him, "Where is he?" He said, "I do not know." Isaanis, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Inni immoo, “Ani hin beeku” jedheen.
13 They brought the man who had been blind to the Pharisees. Isaanis namicha jaamaa ture sana Fariisotatti geessan.
14 Now it was a Sabbath day when Jesus made the mud and opened his eyes. Guyyaan itti Iisaan dhoqqee tolchee ija namichaa bane Sanbata ture.
15 So the Pharisees also asked him again how he had gained sight. He told them, "He put mud on my eyes, and I washed, and I see." Fariisonnis namichi akkamitti akka arguu dandaʼe isa gaafatan; namichis, “Inni dhoqqee tolchee ija koo dibe; anis nan dhiqadhe; nan arges” jedheen.
16 Some Pharisees said, "This man isn't from God—he doesn't keep the Sabbath." Others said, "How can a sinful man do such signs?" So they were divided among them. Fariisota keessaas tokko tokko, “Namichi kun waan Sanbata hin eegneef, inni Allaah biraa hin dhufne” jedhan. Warri kaan garuu, “Cubbamaan tokko akkamitti dinqii akkanaa hojjechuu dandaʼa?” jedhan. Garaa garummaanis isaan gidduutti uumame.
17 Again they asked the blind man, "What do you say about him, since he opened your eyes?" He said, "He is a prophet." Isaanis amma illee namicha jaamaa ture sanaan, “Waaʼee namicha ija kee siif bane sanaa maal jetta?” jedhan. Namichis deebisee, “Inni nabiiʼiyyii dha” jedhe.
18 The Jews did not believe he had been blind and gained sight, until they summoned the parents of the man who had gained sight. Yihuudoonnis hamma abbaa fi haadha namicha agartuu isaa argate sanaa waamanitti akka inni jaamaa turee fi akka inni agartuu isaa argate amma illee hin amanne.
19 They asked them, "Is this your son you say was born blind? How then does he now see?" Isaanis, “Inni kun ilma keessan isuma isin jaamaa taʼee dhalate jettan sanaa? Yoos amma immoo akkamitti arguu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
20 His parents answered, "We know that this is our son and that he was born blind. Abbaa fi haati namichaas deebisanii akkana jedhan; “Akka inni ilma keenya taʼee fi akka inni jaamaa taʼee dhalate ni beekna.
21 But how he now sees, we don't know; or who opened his eyes, we don't know. Ask him—he's an adult; he'll speak for himself." Garuu amma akkamitti akka arguu dandaʼe yookaan ija isaa eenyu akka baneef nu hin beeknu. Inni nama gaʼaa dha; waaʼee mataa isaa dubbachuu ni dandaʼa; isuma gaafadhaa.”
22 His parents said this, fearing the Jews, since the Jews had already agreed that if anyone confessed Jesus as the Christ, he would be expelled from the synagogue. Abbaa fi haati isaa sababii Yihuudoota sodaataniif waan kana jedhan; namni kam iyyuu yoo Iisaan inni Al-Masiihii jedhee dhugaa baʼe akka mana sagadaa keessaa ariʼamu Yihuudoonni kanaan dura walii galanii murteessanii turaniitii.
23 That was why his parents said, "He is of age; ask him." Kanaafuu abbaa fi haati isaa, “Inni nama gaʼaa dha; isuma gaafadhaa” jedhan.
24 So they called the once-blind man again and said, "Give God the glory. We know this man is a sinner." Isaanis yeroo lammaffaa namicha jaamaa ture sana waamanii, “Allaahaf ulfina kenni. Namichi kun cubbamaa taʼuu isaa nu ni beekna” jedhaniin.
25 He replied, "Whether he's a sinner, I don't know. I know one thing: I was blind, now I see." Innis, “Cubbamaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku. Ani waan tokkon beeka. Ani jaamaan ture; amma garuu nan arga!” jedhee deebise.
26 They said to him, "What did he do to you? How did he open your eyes?" Isaanis, “Inni maal siif godhe? Ija kees akkamitti siif bane?” jedhanii isa gaafatan.
27 He answered them, "I already told you, and you didn't listen. Why do you want to hear it again? Do you also want to become his disciples?" Inni immoo, “Ani kanaan dura isinitti himeera; isinis hin dhageenye. Ammas maaliif dhagaʼuu barbaaddu? Isinis barattoota isaa taʼuu barbaadduu?” jedheen.
28 And they reviled him, saying, "You are his disciple, but we are disciples of Moses. Isaanis akkana jedhanii isa arrabsan; “Barataan namicha kanaa siʼi! Nu barattoota Muusaa ti!
29 We know God spoke to Moses, but we don't know where this man is from." Akka Allaahan Muusaatti dubbate nu beekna; namichi kun garuu eessaa akka dhufe iyyuu hin beeknu.”
30 The man answered them, "Here's the amazing thing: you don't know where he's from, yet he opened my eyes. Namichis deebisee akkana jedhe; “Inni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan waan nama dinquu dha; garuu inni ija koo naa bane.
31 We know God doesn't listen to sinners, but if anyone reveres God and does his will, God listens to him. Akka Allaahan cubbamoota hin dhageenye ni beekna. Inni nama isa waaqeffatuu fi fedhii isaa guutu dhagaʼa.
32 Never since the world began has anyone heard of someone opening the eyes of a person born blind. Eenyu iyyuu ija nama jaamaa taʼee dhalate tokkoo akka bane uumama addunyaatii jalqabee hin dhagaʼamne.
33 If this man were not from God, he could do nothing." Namichi kun utuu Allaah biraa taʼuu baatee silaa homaa gochuu hin dandaʼu ture.”
34 They answered him, "You were born entirely in sin, yet you teach us?" and threw him out. Isaanis deebisanii, “Ati kan guutummaatti cubbuun dhalatte, situ nu barsiisaa?” jedhaniin. Alattis gad isa baasan.
35 Jesus heard they had thrown him out, and finding him, said, "Do you believe in the Son of Man?" Iisaanis akka isaan gad isa baasan dhagaʼe; yommuu isa argettis, “Ati Ilma Namaatti ni amantaa?” jedheen.
36 He answered, "And who is he, sir, so I can believe in him?" Namichis, “Yaa gooftaa, akka ani isatti amanuuf inni eenyu?” jedhe.
37 Jesus said to him, "You have seen him, and it is he who is speaking with you." Iisaanis, “Ati amma isa argiteerta; inni si wajjin haasaʼaa jiru isuma” jedheen.
38 He said, "Lord, I believe," and he worshiped him. Namichi sunis, “Yaa Gooftaa, ani nan amana” jedhe; ni sagadeefis.
39 Jesus said, "I came into this world for judgment, so those who don't see may see, and those who see may become blind." Iisaan immoo, “Warri hin argine akka arganiif, warri argan immoo akka jaamaniif ani murtiif gara addunyaa kanaa dhufeera” jedhe.
40 Some Pharisees with him heard this and said, "Are we blind too?" Fariisota isa wajjin turan keessaa tokko tokko waan kana jechuu isaa dhagaʼanii, “Nus jaamota mitii ree?” jedhanii gaafatan.
41 Jesus told them, "If you were blind, you would have no sin; but since you say, 'We see,' your sin remains." Iisaanis, “Utuu jaamota taatanii silaa cubbuu hin qabdan ture; isin garuu, ‘Ni argina’ jettu; cubbuun keessan ni jiraata” jedheen.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]