Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 10 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 "Truly, truly, I tell you: whoever doesn't enter the sheepfold through the gate, but climbs in another way, is a thief and a robber. “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha.
2 But the one who enters by the gate is the shepherd of the sheep. Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti.
3 The gatekeeper opens for him, and the sheep hear his voice. He calls his own sheep by name and leads them out. Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa.
4 After bringing all his own out, he goes ahead of them, and the sheep follow him because they know his voice. Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu.
5 They will never follow a stranger—they'll run from him, since they don't know the voice of strangers." Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.”
6 Jesus told them this figure of speech, but they didn't grasp what he meant. Iisaan fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne.
7 So Jesus said again, "Truly, truly, I tell you, I am the gate for the sheep. Kanaafuu Iisaan ammas akkana jedheen; “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti.
8 "All who came before me are thieves and robbers, but the sheep did not listen to them. Warri na dura dhufan hundi hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaan hin dhageenye.
9 I am the gate; whoever enters through me will be saved, going in and out, finding pasture. Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata.
10 The thief comes only to steal, kill, and destroy. I came so they may have life, and have it in abundance. Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.
11 "I am the good shepherd. The good shepherd lays down his life for the sheep. “Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
12 The hired hand, not a shepherd, doesn't own the sheep. Seeing the wolf coming, he leaves the sheep and flees—the wolf snatches and scatters them. Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas.
13 The man runs away because he is a hired hand and cares nothing for the sheep. Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.
14 "I am the good shepherd. I know my own and my own know me, “Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;
15 as the Father knows me and I know the Father, and I lay down my life for the sheep. kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna.
16 I have other sheep not of this fold; I must lead them too, and they will hear my voice. They will become one flock, one shepherd. Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.
17 This is why the Father loves me: I lay down my life only to take it up again. Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata.
18 No one takes it from me, but I lay it down on my own. I have authority to lay it down, and authority to take it up again. This charge I received from my Father." Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”
19 These words brought division among the Jews once again. Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame.
20 Many of them said, "He is demon-possessed and out of his mind. Why listen to him?" Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan.
21 But others said, "These aren't a demon-possessed man's words. Can a demon open blind eyes?" Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
22 Then came the Feast of Dedication at Jerusalem. It was winter, Yeroo sana Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yeroon sunis ganna ture;
23 and Jesus was walking in the temple, in Solomon's Colonnade. Iisaanis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Suleyimaan keessa deddeebiʼaa ture.
24 The Jews surrounded him and said, "How long will you hold us in suspense? If you are the Christ, tell us plainly." Yihuudoonnis isa marsanii, “Hamma yoomiitti qalbii nu rarraaftaa? Ati yoo Al-Masiihii taate ifatti baasii nutti himi” jedhaniin.
25 Jesus answered, "I told you, and you don't believe. The works I do in my Father's name testify about me, Iisaanis akkana jedhee deebiseef; “Ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hojiin ani maqaa Abbaa kootiitiin hojjedhu waaʼee koo dhugaa baʼa.
26 but you do not believe, because you are not my sheep. Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan.
27 My sheep listen to my voice; I know them, and they follow me. Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.
28 I give them eternal life, and they will never perish, and no one will snatch them from my hand. Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.
29 My Father, who gave them to me, is greater than all; no one can snatch them out of the Father's hand. Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.
30 I and the Father are one." Anii fi Abbaan tokkuma.”
31 Again the Jews picked up stones to stone him. Yihuudoonni isa dhaʼuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan.
32 Jesus replied, "I have shown you many good works from the Father. For which of these are you going to stone me?" Iisaanis, “Ani hojii Abbaa kootii gaarii baayʼee isinitti argisiiseera. Hojii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaadhaan na dhooftu?” jedheen.
33 "We're stoning you not for good work," they said, "but for blasphemy, because you, a mere man, claim to be God." Yihuudoonnis, “Nu hojii gaariif jennee dhagaadhaan si hin dhoofnu; garuu waan ati Allaah arrabsitee utumaa nama taatee jirtuu Allaah of gooteef si dhoofna” jedhanii deebisaniif.
34 Jesus answered them, "Is it not written in your Law: 'I have said you are gods'? Iisaan immoo akkana jedhee deebiseef; “Seera keessan keessatti, ‘Anuu isin, “waaqeffatamtoota” jedheera’ jedhamee barreeffameera mitii?
35 If he called them 'gods,' to whom the word of my Father came—and Scripture cannot be broken, Inni erga warra dubbiin Allaaha isaaniif dhufeen ‘waaqeffatamtoota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef,
36 what about the one the Father set apart and sent into the world? Why accuse me of blasphemy for saying, 'I am the Son of our Father'? sababii ani, ‘Ani ilma Allaaha ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Allaah arrabsita’ jettu?
37 "If I am not doing the works of my Father, then do not believe me. Yoo ani hojii Abbaa kootii hojjechuu baadhe na hin amaninaa.
38 But if I do them, even if you won't believe me, believe the works, so you'll know and keep knowing the Father is in me, and I in the Father." Yoo ani hojii sana hojjedhe garuu yoo na amanuu baattan illee hojicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beektanii akka hubattaniif.”
39 Again they tried to seize him, but he escaped their grasp. Isaan amma illee isa qabuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa miliqe.
40 Jesus then went back across the Jordan, to the place where John had first been baptizing, and stayed there. Iisaan ergasii deebiʼee Yordaanos gama iddoo Yahyaa jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqee achis ture.
41 Many came to him, saying, "John performed no sign, but all John said about this man was true." Namoonni baayʼeenis gara isaa dhufanii, “Yahyaan mallattoo tokko illee hin hojjenne; garuu wanni inni waaʼee namicha kanaa dubbate hundinuu dhugaa dha” jedhan.
42 And in that place many believed in him. Achittis namoonni hedduun Iisaatti amanan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]