Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 8 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 But Jesus went to the Mount of Olives. Iisaan garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.
2 At dawn he came again to the temple; all the people came to him, and he sat down and taught them. Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise.
3 The scribes and Pharisees brought a woman caught in adultery and stood her in the middle. Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii,
4 They said to him, "Teacher, this woman was caught in the act of adultery. Iisaadhaan akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte.
5 Now in the Law, Moses commanded us to stone such women. So what do you say? Muusaan Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?”
6 They said this to test him, seeking grounds to accuse him. But Jesus bent down and wrote on the ground with his finger." Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan. Iisaan garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe.
7 When they kept questioning him, he stood up and said to them, "Whichever of you has no sin, cast the first stone at her." Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu” jedheen.
8 And once more he bent down and wrote on the ground. Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.
9 Hearing this, they left one by one, starting with the oldest, until Jesus was left alone with the woman standing there. Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Iisaan immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe.
10 Jesus stood up and said to her, "Woman, where are they? Has no one condemned you?" Iisaanis ol jedhee, “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?” jedheen.
11 She said, "No one, Lord." Jesus said, "I don't condemn you either. Go, and from now on, don't sin anymore." Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen. Iisaanis, “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.]
12 Jesus spoke to them again: "I am the world's light. Whoever follows me will never walk in darkness but will have the light of life." Iisaan ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
13 So the Pharisees said to him, "You are bearing witness about yourself; your testimony is not true." Fariisonnis, “Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti” jedhaniin.
14 Jesus replied, "Even if I testify about myself, my testimony is true, because I know where I came from and where I'm going; but you don't know where I come from or where I'm going. Iisaanis akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.
15 You judge according to the flesh; I judge no one. Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.
16 Even if I judge, my judgment is true, since I do not judge alone, but I and the Father who sent me. Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.
17 In your Law it is written that the testimony of two people is true. Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.
18 I testify about myself, and the Father who sent me testifies about me." Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”
19 They asked, "Where is your Father?" Jesus answered, "You know neither me nor my Father. If you knew me, you would know my Father also." Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Iisaan immoo deebisee, “Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan” jedhe.
20 He said this while teaching in the temple, in the treasury; no one seized him—his hour had not yet come. Iisaan utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.
21 So he told them again, "I am going away. You will look for me and die in your sin. Where I am going, you cannot come." Iisaan amma illee, “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
22 So the Jews said, "Will he kill himself, since he says, "You can't come where I'm going"?" Yihuudoonnis, “ ‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan.
23 He said to them, "You're from below; I'm from above. You're of this world; I'm not of this world. Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.
24 I told you that you'll die in your sins; if you don't believe I AM, you'll die in your sins." Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
25 So they said to him, "Just who are you?" Jesus said to them, "Exactly what I've said from the start. Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Iisaan immoo akkana jedhee deebise; “Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha.
26 I have much to say and judge about you, but the One who sent me is true; what I heard from him, I tell the world." Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”
27 They did not understand that he had been speaking to them about the Father. Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne.
28 So Jesus told them, "When you lift up the Son of Man, then you'll know that I AM, and that I do nothing on my own, but say these things as the Father taught me. Kanaafuu Iisaan akkana isaaniin jedhe; “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.
29 The one who sent me is with me; he hasn't left me alone, because I always do what pleases him." Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”
30 As he was saying these things, many believed in him. Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.
31 Jesus then told the Jews who had believed him, "If you remain in my word, you are truly my disciples, Iisaan Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.
32 and you will know the truth, and the truth will set you free." Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
33 They answered him, "We are Abraham's descendants, never enslaved to anyone. How can you say, 'You will become free'?" Isaanis, “Nu sanyii Ibraahim; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?” jedhaniin.
34 Jesus answered them, "Truly, truly, I tell you: everyone who keeps sinning is sin's slave. Iisaanis deebisee akkana jedhe; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.
35 The slave does not remain in the house forever; the son remains forever. Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata.
36 So if the Son sets you free, you will be free indeed. Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
37 I know you are Abraham's descendants; yet you seek to kill me because my word has no space in you. Isin sanyii Ibraahim taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu.
38 I speak what I've seen with my Father, and you do what you heard from your father." Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”
39 They answered, "Abraham is our father." Jesus said, "If you were Abraham's children, you'd do the works Abraham did, Isaanis, “Abbaan keenya Ibraahim” jedhan. Iisaan immoo akkana jedhe; “Isin utuu ijoollee Ibraahim taatanii silaa hojii Ibraahim hojjete ni hojjettu turtan.
40 but now you want to kill me—a man who told you the truth I heard from my Father. Abraham didn't do this. Isin garuu ana nama dhugaa Allaah irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Ibraahim waan akkasii hin hojjenne.
41 You do your father's works." They said to him, "We weren't born of sexual sin. We have one Father—God himself." Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu.” Isaanis, “Nu ejjaan hin dhalanne. Abbaa tokkicha qabna; innis Allaah” jedhaniin.
42 Jesus said to them, "If God were your Father, you'd love me, for I came from God and am here. I didn't come on my own—he sent me. Iisaanis akkana isaaniin jedhe; “Isin utuu Allaahan abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Allaah biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.
43 Why don't you understand my speech? Because you cannot bear to hear my word. Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.
44 You belong to your father, the devil, and want to carry out his desires. He was a murderer from the beginning, not standing in truth, since no truth is in him. When he lies, he speaks from his own nature, since he's a liar and the lie's father. Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee ibliis; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
45 But because I tell the truth, you do not believe me. Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!
46 Who among you convicts me of sin? If I speak truth, why don't you believe me? Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?
47 Whoever is from our Father hears his words; you don't hear because you're not from our Father." Namni kan Allaaha taʼe kam iyyuu dubbii Allaaha ni dhagaʼa. Isin waan kan Allaaha hin taʼiniif hin dhageessan.”
48 The Jews replied, "Aren't we right in saying that you are a Samaritan and have a demon?" Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.
49 Jesus answered, "I do not have a demon, but I honor my Father, and you dishonor me. Iisaan immoo akkana jedhe; “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.
50 But I'm not seeking my own glory; our Father seeks it, and he judges. Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.
51 Truly, truly, I say to you, if anyone keeps my word, he will never see death." Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.”
52 The Jews said to him, "Now we know you have a demon. Abraham died, as did the prophets, yet you say, 'Whoever keeps my word will never taste death.' Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Ibraahim duʼeera; nabiiʼiyyoonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta.
53 Are you greater than our father Abraham, who died? The prophets died too! Who do you claim to be?" Ati abbaa keenya Ibraahim caaltaa? Inni duʼeera; nabiiʼiyyoonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?”
54 Jesus answered, "If I glorify myself, my glory is nothing. It is my Father who glorifies me, of whom you say, 'He is our God.' Iisaan akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Allaah keenya jettaniin sanaa dha.
55 You don't know him, but I know him. If I said I didn't know him, I'd be a liar like you. But I know him and keep his word. Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.
56 Your father Abraham rejoiced that he would see my day. He saw it and was glad." Abbaan keessan Ibraahim guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”
57 So the Jews said to him, "You're not yet fifty years old, and you've seen Abraham?" Yihuudoonnis, “Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Ibraahimin argiteertaa?” jedhaniin.
58 Jesus said to them, "Truly, truly, I say to you, before Abraham was, I AM." Iisaanis, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Ibraahim hin dhalatin iyyuu ani anuma” isaaniin jedhe.
59 So they grabbed stones to throw at him, but Jesus hid himself and slipped out of the temple. Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Iisaan garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]