Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 20 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Early on the first day of the week, while dark, Mary Magdalene came to the tomb and saw the stone taken from it. Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii utuma dukkanaaʼee jiruu Mariyaam isheen Magdalaa gara qabrii dhaqxee akka dhagaan afaan qabrii sanaa irraa fuudhame argite.
2 So she ran and came to Simon Peter and the other disciple, the one Jesus loved, and told them, "They've taken the Lord from the tomb, and we don't know where they put him." Kanaafuu isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara barataa biraa kan Iisaan isa jaallate sanaa dhaqxee, “Gooftaa qabrii keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu!” jetteen.
3 So Peter and the other disciple set out and went toward the tomb. Kanaafuu Phexrosii fi barataan kaan baʼanii gara qabrii dhaqan.
4 Both ran together, but the other disciple ran faster than Peter, reaching the tomb first. Lachan isaanii iyyuu ni fiigu turan; barataan kaan garuu Phexros bira darbee fiiguudhaan dursee iddoo qabrii sana gaʼe.
5 And stooping down, he saw the linen cloths lying there, but he did not go in. Innis gad jedhee ilaalee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame lafatti arge malee qabrii keessa hin seenne.
6 Simon Peter, following him, arrived and entered the tomb, and saw the linen cloths lying there, Simoon Phexros immoo isa duubaan dhufee qabrii keessa seene. Huccuu sanas lafatti arge;
7 and the cloth that was on his head, not lying with the linen wrappings but folded separately in one place. akkanumas huccuu mataa Iisaatti maramee ture arge. Huccuun sunis kophaa isaa dachaafamee iddoo biraa ture malee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame sana bira hin turre.
8 The other disciple, first to reach the tomb, then went in too; he saw and believed. Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti qabrii bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane.
9 For they still did not understand the Scripture, that he must rise from the dead. Isaan akka Iisaan warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.
10 Then the disciples went back to their homes. Barattoonni sunis gara mana isaaniitti deebiʼan.
11 But Mary stood outside the tomb, weeping. As she wept, she bent to look into the tomb. Mariyaam garuu alaan qabrii bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus qabriitti gad jettee ilaalte;
12 She saw two angels in white, seated where Jesus's body had lain, one at the head, one at the feet. isheenis malaʼikkoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Iisaa kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite.
13 They asked her, "Woman, why are you crying?" She answered, "They took my Lord, and I don't know where they put him." Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhaniin. Isheen immoo, “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis ani hin beeku” jetteen.
14 Saying this, she turned and saw Jesus standing there, not knowing it was Jesus. Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Iisaa achi dhaabatu argite; garuu Iisaa taʼuu isaa hin beekne.
15 Jesus said to her, "Woman, why are you crying? Who are you seeking?" Taking him for the gardener, she said, "Sir, if you carried him off, tell me where you put him, and I'll take him away." Iisaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?” jedheen. Isheen immoo, nama iddoo biqiltuu keessa hojjetu seetee, “Yaa gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” jetteen.
16 Jesus said to her, "Mary." She turned and said to him in Aramaic, "Rabboni!" (which means Teacher). Iisaanis, “Mariyaam!” jedheen. Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” jetteen. Hiikkaan isaas “Barsiisaa” jechuu dha.
17 Jesus said to her, "Do not cling to me, for I have not yet ascended to the Father. But go to my brothers and say to them, 'I am ascending to my Father and your Father.'" Iisaan immoo, “Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Allaah kootii fi Allaah keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi” jedheen.
18 Mary Magdalene went and told the disciples, "I have seen the Lord," and that he had said these things to her. Mariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, “Ani Gooftaa argeera!” jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte.
19 That evening, the first day of the week, with the doors locked where the disciples were, for fear of the Jewish leaders, Jesus came, stood among them, and said, "Peace be with you." Guyyaa jalqaba torban sanaa galgala utuu barattoonni waan Yihuudoota sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Iisaan dhufee isaan gidduu dhaabatee, “Assalaam aleeyikum” jedheen.
20 After saying this, he showed them his hands and side. The disciples rejoiced to see the Lord. Innis erga waan kana dubbatee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan.
21 Jesus said to them again, "Peace to you. As the Father has sent me, so I send you." Iisaan amma illee, “Assalaam aleeyikum! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga” jedheen.
22 After saying this, he breathed on them and said to them, "Receive the Holy Spirit. Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; “Hafuura Qulqulluu fudhadhaa.
23 If you forgive anyone's sins, they're forgiven; if you hold back forgiveness from anyone, it's held back." Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu.”
24 Now Thomas, one of the Twelve, called the Twin, was not with them when Jesus came. Garuu yeroo Iisaan dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre.
25 The other disciples kept telling him, "We've seen the Lord!" But he told them, "Unless I see the nail marks in his hands, put my finger where they were, and put my hand in his side, I'll never believe." Kanaafuu barattoonni warri kaan, “Nu Gooftaa argineerra!” jedhanii isatti himan. Inni garuu, “Ani iddoo mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba koo iddoo mismaaraa sana keessa kaaʼu malee, harka koos cinaacha isaa keessa kaaʼu malee hin amanu” jedheen.
26 Eight days later, his disciples were indoors again, Thomas with them. Though the doors were locked, Jesus came, stood among them, and said, "Peace be with you." Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Iisaan ol galee isaan gidduu dhaabatee, “Assalaam aleeyikum!” jedheen.
27 Then he said to Thomas, "Put your finger here, see my hands. Reach your hand out, put it in my side. Leave doubt behind—believe." Innis Toomaasiin, “Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin” jedhe.
28 Thomas answered him, "My Lord and my God!" Toomaas immoo, “Gooftaa koo! Allaah koo!” jedheen.
29 Jesus said to him, "Have you believed because you've seen me? Blessed are those who haven't seen, yet believe." Iisaanis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen.
30 Jesus did many other signs before his disciples, not written in this book. Iisaan barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete.
31 But these are written so you'll believe Jesus is the Christ, the Son of our Father, and by believing have life in his name. Wantoonni kunneen garuu akka Iisaan inni Al-Masiihi Ilma Allaaha taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]