Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 19 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Then Pilate took Jesus and had him flogged. Phiilaaxoosis Iisaa fuudhee garafsiise.
2 The soldiers wove a crown of thorns, put it on his head, and wrapped a purple robe around him. Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii,
3 They kept coming to him, saying, "Hail, King of the Jews!" and slapped his face. “Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.
4 Pilate went out again and said to them, "Look, I'm bringing him out to you, so you'll know I find no fault in him." Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, “Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa” jedhe.
5 So Jesus came out wearing the crown of thorns and the purple robe. Pilate told them, "Here is the man!" Iisaanis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, “Namichi kunoo ti!” isaaniin jedhe.
6 When the chief priests and guards saw him, they shouted, "Crucify him! Crucify him!" Pilate told them, "Take him yourselves and crucify him, since I find no guilt in him." Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo deebisee, “Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne” jedheen.
7 The Jews answered him, "We have a law; by that law he must die, because he made himself the Son of God." Yihuudoonnis deebisanii, “Nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Allaaha of godheef akka seera keenyaatti duʼuu qaba” jedhan.
8 When Pilate heard this, he was even more afraid. Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate.
9 He went into headquarters again and asked Jesus, "Where are you from?" But Jesus gave him no answer. Innis masaraatti ol deebiʼee, “Ati nama eessaati?” jedhee Iisaa gaafate. Iisaan garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef.
10 So Pilate said to him, "You won't speak to me? Don't you know I have authority to release you, and authority to crucify you?" Phiilaaxoosis, “Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?” jedheen.
11 Jesus answered him, "You would have no authority over me at all unless it had been given you from above. That is why the one who handed me over to you bears the greater sin." Iisaan immoo, “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba” jedhee deebiseef.
12 From then on, Pilate tried to release him, but the Jews cried out, "If you release him, you're no friend of Caesar. Anyone who makes himself king opposes Caesar." Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Iisaa gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, “Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma” jedhanii iyyan.
13 Hearing these words, Pilate brought Jesus out and sat on the judgment seat at a place called Stone Pavement—Gabbatha in Aramaic. Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti Iisaa gad baasee, iddoo “Dhagaa Afamaa” kan afaan Ibraayisxiitiin “Gabataa” jedhamutti barcuma murtii irra taaʼe.
14 It was Passover Preparation Day, about noon. He told the Jews, "Here is your King!" Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture. Phiilaaxoosis Yihuudootaan, “Mootiin keessan kunoo ti!” jedhe.
15 They yelled, "Take him away! Take him away! Crucify him!" Pilate asked them, "Crucify your king?" The chief priests answered, "We have no king but Caesar." Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif.
16 So then he handed him over to them to be crucified. So they took Jesus, Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne. Isaanis Iisaa fuudhanii deeman.
17 carrying his own cross, he went out to the place called The Place of a Skull, called Golgotha in Aramaic. Innis fannoo ofii isaa baadhatee iddoo Buqqee Mataa kan afaan Ibraayisxiitiin Golgootaa jedhamutti ol baʼe.
18 There they crucified him, with two others, one on each side, Jesus in the middle. Isaanis achitti isa fannisan; isa wajjinis namoota biraa lama, isa tokko garanaan, kaan immoo garasiin, Iisaa immoo gidduu isaaniitti fannisan.
19 Pilate also wrote a sign and put it on the cross: Jesus of Nazareth, King of the Jews. Phiilaaxoosis Katabbii, Iisaa Isa Naazreeti, Mooticha Yihuudootaa, jedhu tokko barreessee fannoo sanatti maxxanse.
20 Many Jews read this sign, since the place Jesus was crucified was near the city; it was written in Aramaic, Latin, and Greek. Iddoon Iisaan itti fannifame waan magaalaatti dhiʼoo tureef Yihuudoonni hedduun katabbii sana dubbisaniiru; katabbiin sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Giriikiin barreeffame.
21 So the Jewish chief priests said to Pilate, "Don't write 'The King of the Jews,' but 'This man said, I am King of the Jews.'" Luboonni Yihuudootaa hangafoonni Phiilaaxoosiin, “Namichi kun, ‘ “Ani mootii Yihuudootaa ti” jedheera’ jedhii barreessi malee, ‘Inni Mootii Yihuudootaa ti’ jettee hin barreessin” jedhan.
22 Pilate answered, "What I have written, I have written." Phiilaaxoosis, “Ani waanan barreesse, barreesseera” jedhee deebise.
23 After crucifying Jesus, the soldiers took his clothes and split them into four shares, one per soldier, and took the tunic too. The tunic was seamless, woven in one piece from top to bottom. Loltoonni sunis erga Iisaa fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture.
24 So they said to each other, "Let's not tear it, but cast lots for who gets it." This was to fulfill the Scripture that says, "They divided my clothes among themselves, and cast lots for my garment." So the soldiers did this. Kanaafuu isaan, “Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa” waliin jedhan. Kunis akka Katabbiin Qulqulluun, “Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan” jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma.
25 His mother, his mother's sister, Mary wife of Clopas, and Mary Magdalene stood near Jesus' cross. Fannoo Iisaa biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Mariyaam niitiin Qilophaatii fi Mariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan.
26 Seeing his mother and the disciple he loved standing there, Jesus told her, "Woman, here is your son." Iisaanis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, “Dubartii nana! Kunoo, ilma kee” jedhe.
27 Then he said to the disciple, "Here is your mother." From that hour, the disciple took her into his home. Barataa sanaan illee, “Kunoo haadha kee” jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.
28 After this, knowing all was now finished, Jesus said, to fulfill Scripture, "I am thirsty." Ergasii Iisaan akka wanni hundinuu raawwatame beekee akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuuf, “Nan dheebodhe” jedhe.
29 A jar full of sour wine sat there; they soaked a sponge in it, fixed it on a hyssop stalk, and lifted it to his mouth. Qodaan dhangaggaaʼaa qabu tokko achi ture; isaanis dhangaggaaʼaa sana keessa ispoonjii cuuphanii hiisophiitti kaaʼanii afaan isaatti qaban.
30 Jesus took the sour wine and said, "It is finished." He bowed his head and gave up his spirit. Iisaanis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, “Raawwateera” jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.
31 Since it was Preparation Day, and they didn't want the bodies remaining on the cross during the Sabbath—that Sabbath was a special day—the Jews asked Pilate to break their legs and remove the bodies. Guyyaan sun guyyaa Qophii ture; guyyaan itti aanus Sanbataa addaa ture. Kanaafuu akka reeffi isaanii Sanbataan fannoo irra hin oolle gochuuf jedhanii akka miilli isaanii cabsamee fannoo irraa gad buufamuuf Yihuudoonni Phiilaaxoosin kadhatan.
32 So soldiers came and broke the legs of the first man, then the other crucified with him. Kanaafuu loltoonni dhaqanii miilla namicha jalqabaa, miilla namicha Iisaa wajjin fannifame kaaniis cabsan.
33 But coming to Jesus, seeing he was already dead, they didn't break his legs. Yommuu gara Iisaa dhufanitti garuu inni duʼe waan arganiif miilla isaa hin cabsine.
34 But one of the soldiers pierced his side with a spear, and blood and water immediately came out. Loltoota sana keessaa inni tokko garuu eeboodhaan cinaacha isaa waraane; yeruma sana dhiignii fi bishaan baʼe.
35 The eyewitness has testified—his testimony is true, and he knows he speaks the truth—so you also may believe. Namni waan kana arge rageesseera; ragaan isaas dhugaa dha. Inni akka dhugaa dubbatu ni beeka; inni akka isinis amantaniif dubbata.
36 For these things happened to fulfill the Scripture: "Not one of his bones will be broken." Kunis wanni Katabbiin Qulqulluun, “Lafeen isaa tokko iyyuu hin cabsamu” jedhe sun akka raawwatamuuf taʼe.
37 And again another Scripture says, "They will look on the one they have pierced." Ammas Katabbiin Qulqulluun biraa, “Isaanis isa waraanan sana ni ilaalu” jedha.
38 Afterward, Joseph of Arimathea—a disciple of Jesus, but secretly, for fear of the Jews—asked Pilate to let him remove Jesus' body. Pilate agreed, so he came and removed it. Ergasii Yuusuf namni Armaatiyaa kan sababii Yihuudoota sodaateef dhoksaan barataa Iisaa ture sun reeffa Iisaa fudhachuuf Phiilaaxoosin kadhate. Phiilaaxoosis isaaf eeyyame; kanaafuu inni dhaqee reeffa Iisaa fudhate.
39 Nicodemus, who had first come to Jesus at night, also came, bringing a mixture of myrrh and aloes, about seventy-five pounds. Niqoodemoos inni duraan halkaniin gara Iisaa dhufee tures walmakaa qumbiitii fi argeessa gara kiiloo giraamii soddomii afur ulfaatu qabatee dhufe.
40 They took Jesus's body and wrapped it in linen cloths with spices, as is Jewish burial custom. Isaanis reeffa Iisaa fuudhanii akka duudhaa Yihuudootaatti qabbaruuf urgooftuu wajjin huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan.
41 Where he was crucified there was a garden, and in the garden a new tomb where no one had yet been laid. Iddoo Iisaan itti fannifames lafa biqiltuu tokkotu ture; lafa biqiltuu sana keessas iddoo qabrii haaraa kan namni tokko iyyuu duraan itti hin qabbaramin tokkotu ture.
42 Because it was the Jewish Preparation day, and the tomb was near, they laid Jesus there. Sababii guyyaan sun guyyaa Qophii Yihuudootaa turee fi iddoon qabrii sunis waan dhiʼoo tureef Iisaa achi keessa kaaʼan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]