Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 21 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Afterward Jesus showed himself again to the disciples by the Sea of Tiberias—this is how he showed himself. Wantoota kanneen booddee Iisaan ammas galaana Xibeeriyaas biratti barattoota isaatti of mulʼise. Haalli inni ittiin of mulʼises akkana ture:
2 Simon Peter, Thomas called Twin, Nathanael from Cana in Galilee, Zebedee's sons, and two other disciples were together. Simoon Phexros, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatnaaʼel namichi Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewoosii fi barattoonni biraa lama walii wajjin turan.
3 Simon Peter told them, "I'm going fishing." "We'll go with you," they said. So they went out and got into the boat, but caught nothing that night. Simoon Phexrosis, “Ani qurxummii qabuu nan dhaqa” isaaniin jedhe; isaanis, “Nus si wajjin dhaqna” jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne.
4 At daybreak Jesus stood on the shore, yet the disciples didn't know it was Jesus. Ganama bariidhaanis Iisaan qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Iisaa taʼe hin beekne.
5 Jesus said to them, "Children, do you have any fish?" They answered him, "No." Innis isaan waamee, “Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?” jedhee gaafate. Isaan immoo, “Hin qabnu” jedhanii deebisan.
6 He told them, "Cast the net on the boat's right side, and you'll find fish." So they cast it, and were no longer able to haul it in for the sheer number of fish. Innis, “Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu” jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban.
7 The disciple Jesus loved told Peter, "It's the Lord!" Hearing it was the Lord, Simon Peter wrapped his coat around him—he'd taken it off to work—and threw himself into the sea. Barataan inni Iisaan isa jaallachaa ture sunis, “Inni Gooftaa dha!” jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu “Inni Gooftaa dha” jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale.
8 The other disciples came in the boat, dragging the net full of fish, since they were only about one hundred yards from shore. Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan.
9 When they went ashore, they saw a charcoal fire with fish on it, and bread. Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan.
10 Jesus said to them, "Bring some of the fish you have just caught." Iisaanis, “Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!” isaaniin jedhe.
11 So Simon Peter climbed aboard and dragged the net ashore, full of 153 large fish; despite so many, it didn't tear. Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane.
12 Jesus said to them, "Come, eat breakfast." None of the disciples dared ask him, "Who are you?"—they knew it was the Lord. Iisaanis, “Kottaa ciree nyaadhaa!” isaaniin jedhe. Barattoota keessaas namni ija jabaatee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate tokko iyyuu hin turre. Isaan akka inni Gooftaa taʼe beekaniiruutii.
13 Jesus came, took the bread, and gave it to them, and the fish as well. Iisaanis dhufee buddeena sana fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe.
14 This was now the third time Jesus revealed himself to the disciples after being raised from the dead. Egaa Iisaan erga duʼaa kaafamee, kana wajjin yeroo sadaffaa barattoota isaatti mulʼate.
15 After they ate breakfast, Jesus asked Simon Peter, "Simon, son of John, do you love me with all your heart, more than these?" He answered, "Yes, Lord, you know I love you as a friend." Jesus told him, "Feed my lambs." Iisaan erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis, “Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Iisaanis, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheen.
16 A second time Jesus asked, "Simon son of John, do you love me with all your heart?" He replied, "Yes, Lord, you know I love you as a friend." Jesus said, "Take care of my sheep." Iisaan amma illee, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Innis deebisee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Iisaan immoo, “Hoolota koo tiksi” jedheen.
17 A third time Jesus said to him, "Simon son of John, do you love me as a friend?" Peter was hurt that Jesus asked him a third time, "Do you love me as a friend?" and said, "Lord, you know everything; you know that I love you as a friend." Jesus said to him, "Feed my sheep." Yeroo sadaffaas, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Phexrosis sababii Iisaan yeroo sadaffaa, “Ati na jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Yaa Gooftaa, ati waan hunda beekta; akka ani si jaalladhus ni beekta” jedheen. Iisaanis akkana jedheen; “Hoolota koo soori.
18 "Truly, truly, I tell you: when you were young, you dressed yourself and went where you wanted; but when you're old, you'll stretch out your hands, and another will dress you and take you where you don't want to go." Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati yeroo dargaggeessa turtetti, ofuma keetiin mudhii kee hidhattee lafa barbaadde dhaqxa turte; yeroo dulloomtutti garuu harka kee ni diriirfatta; namni biraas mudhii kee siif hidhee lafa ati hin barbaannetti si geessa.”
19 Jesus said this to show by what kind of death Peter would glorify our Father. Then he told him, "Follow me." Iisaanis akka Phexros duʼa akkamiitiin Allaah ulfeessu argisiisuuf jedhee waan kana dubbate; ergasii, “Na duukaa buʼi” jedheen.
20 Peter turned and saw the disciple Jesus loved following—the one who leaned back against Jesus at supper and asked, "Lord, who is going to betray you?" Phexrosis garagalee utuu barataan inni Iisaan isa jaallatu sun isaan duukaa buʼuu arge. Barataan kunis isa yeroo irbaataatti qoma Iisaatti irkatee, “Yaa Gooftaa, inni dabarsee si kennu eenyu?” jedhe sanaa dha.
21 When Peter saw him, he said to Jesus, "Lord, what about this man?" Phexrosis yommuu isa argetti, “Yaa Gooftaa, namichi kun hoo?” jedhee Iisaa gaafate.
22 Jesus told him, "If I want him to remain until I come, what's that to you? You follow me." Iisaanis deebisee, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe, maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼi” jedheen.
23 So this word spread among the brothers and sisters that this disciple would not die. Yet Jesus did not tell him he would not die, but, "If I want him to remain until I come, what is that to you?" Kanaaf oduun, “Barataan kun hin duʼu” jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Iisaan garuu, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe maaltu si dhibe?” jedhe malee, “Inni hin duʼu” hin jenne.
24 This is the disciple testifying to these things and who wrote them; we know his testimony is true. Inni dubbii kana dhugaa baʼu, kan waan kanas barreesse barataadhuma kana. Akka dhuga baʼumsi isaa dhugaa taʼes nu beekna.
25 Jesus did many other things too. If each were written down, I don't think the world itself could hold the books written. Kana malees Iisaan waan biraa baayʼee hojjeteera. Utuu tokkoon tokkoon isaanii barreeffamanii jiraatanii silaa ani waan addunyaan mataan ishee iyyuu kitaabota barreeffaman sanaaf iddoo gaʼu qabdu hin seʼu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]