Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Revelation 4 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Teessoo Samii Keessaa

1Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe. 2Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture. 3Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture. 4Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan. 5Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha. 6Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan.

7Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture. 8Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa,“ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru,‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ”jedhanii faarfachuu hin dhiisan.

9Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, 10maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu:

11“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya,ati waan hunda waan uumteef,isaan fedhii keetiin waan uumamaniif,waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fihumna fudhachuun siif ni mala.”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]