Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 7 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 When Moses finished setting up the tabernacle, he anointed and dedicated it and all its furnishings, the altar and all its utensils, anointing and dedicating them. Museen erga dunkaana qulqulluu sana dhaabee fixatee booddee, dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda dibe; ni qulqulleesses. Akkasumas iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda dibee qulqulleesse.
2 Then Israel's leaders—heads of their fathers' houses, the tribal leaders in charge of the census—brought an offering. Ergasii hooggantoonni Israaʼel, hangafoonni maatiiwwanii kanneen hooggantoota gosootaa taʼanii warra lakkaaʼaman sana qajeelchanis kennaa dhiʼeessan.
3 They brought their offering before our Father: six covered wagons, twelve oxen—a wagon per two leaders, an ox for each—then presented them before the tabernacle. Isaanis gaariiwwan haguugaman jaʼaa fi sangoota kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo hooggantootaa irraa sangaa tokko, lama lama taʼanii immoo gaarii tokko kennaa ofii godhanii fuula Waaqayyoo duratti fidan. Kennaawwan kanneenis dunkaana qulqulluu sana duratti dhiʼeessan.
4 And our Father said to Moses, Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
5 "Take these from them for the tent of meeting's service; give them to the Levites, each according to his service." “Akka isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu keessatti fayyadaniif kennaawwan kanneen isaan harkaa fuudhi. Waan kana akkuma hojiin tokkoo tokkoo namaa barbaaddutti Lewwotatti kenni.”
6 So Moses took the wagons and the oxen and gave them to the Levites. Museenis gaariiwwanii fi sangoota sana fuudhee Lewwotatti kenne.
7 Two wagons and four oxen he gave to the sons of Gershon, according to their service. Innis akkuma hojii isaaniitiif malutti gaariiwwan lamaa fi sangoota afur ilmaan Geershoonitti kenne;
8 He gave four wagons and eight oxen to Merari's sons, for their service, under Ithamar son of Aaron the priest. gaariiwwan afurii fi sangoota saddeet akkuma hojii isaaniitiif malutti ilmaan Meraaritti kenne. Isaan hundinuu qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala turan.
9 To the sons of Kohath he gave none, since the holy things' service was theirs—carried on the shoulder. Ilmaan Qohaati garuu sababii miʼa qulqulluu gatiittiitti baachuun hojii isaanii taʼeef Museen homaa isaaniitti hin kennine.
10 On the day the altar was anointed, the leaders brought its dedication offering; the leaders brought their offering before the altar. Yeroo iddoon aarsaa dibametti hooggantoonni kennaawwan isaanii eebba iddoo aarsaatiif fidanii iddoo aarsaa duratti dhiʼeessan.
11 And our Father said to Moses, "Each day one leader is to bring his offering for the altar's dedication." Waaqayyo Museedhaan, “Dura buʼaan tokko guyyuma tokko kennaa isaa sirna eebba iddoo aarsaa sanaatiif haa dhiʼeessu” jedhee tureetii.
12 Nahshon son of Amminadab, of Judah's tribe, presented his offering on the first day. Namni guyyaa jalqabaatti kennaa ofii fide Nahishoon ilma Amiinaadaab kan gosa Yihuudaa ture.
13 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokkoo fi waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu kan tokkoon tokkoon isaanii akka kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
14 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; cilfaa warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
15 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
16 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
17 for the peace offering: two oxen, five rams, five male goats, five year-old male lambs. This was Nahshon son of Amminadab's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe ture. Kennaan Nahishoon ilmi Amiinaadaab dhiʼeesse kana ture.
18 On the second day Nethanel son of Zuar, the leader of Issachar, presented an offering. Guyyaa lammaffaattis Naatnaaʼel ilma Zuuwaar dura buʼaa Yisaakoritu kennaa isaa fide.
19 His offering: one silver plate weighing about three and a quarter pounds, one silver bowl weighing about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan inni fides gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
20 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; caabii warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
21 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
22 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
23 for the peace offering: two oxen, five rams, five male goats, five year-old male lambs. This was Nethanel son of Zuar's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Kennaan Naatnaaʼel ilma Zuuwaar kana ture.
24 On the third day it was Eliab son of Helon, the leader of the sons of Zebulun. Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Heeloon hangafa ijoollee Zebuuloonitu kennaa isaa fide.
25 His offering: one silver plate weighing about three and a quarter pounds, one silver basin weighing about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering; Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
26 one gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
27 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
28 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
29 for the peace offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. This was Eliab son of Helon's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliiyaab ilma Heeloon kana ture.
30 On the fourth day it was Elizur son of Shedeur, the leader of the sons of Reuben. Guyyaa afuraffaatti Eliizuur ilma Shedeeʼuur dura buʼaa ijoollee Ruubeenitu kennaa isaa fide.
31 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds—both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoo tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
32 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
33 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
34 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
35 and for the peace offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. This was Elizur son of Shedeur's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliizuur ilma Shedeeʼuur kana ture.
36 On the fifth day it was Shelumiel son of Zurishaddai, the leader of the sons of Simeon. Guyyaa shanaffaatti Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi hoogganaa ijoollee Simiʼoonitu kennaa isaa fide.
37 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, one silver basin, about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko, kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
38 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
39 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
40 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
41 for the sacrifice of peace offerings: two oxen, five rams, five male goats, five year-old male lambs. This was Shelumiel son of Zurishaddai's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. Egaa kennaan Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi kana ture.
42 On the sixth day it was Eliasaph son of Deuel, the leader of the sons of Gad. Guyyaa jaʼaffaatti Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel dura buʼaa ijoollee Gaaditu kennaa isaa fide.
43 His offering was one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kana akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
44 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
45 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
46 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
47 for the peace offering: two oxen, five rams, five male goats, five male yearling lambs. This was Eliasaph son of Deuel's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel kana ture.
48 On the seventh day it was Elishama son of Ammihud, the leader of the sons of Ephraim. Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihuud dura buʼaa ijoollee Efreemitu kennaa isaa fide.
49 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering; Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
50 one gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
51 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
52 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
53 for the sacrifice of peace offerings: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. This was Elishama son of Ammihud's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. Egaa kennaan Eliishaamaa ilma Amiihuud kana ture.
54 On the eighth day it was Gamaliel son of Pedahzur, the leader of the sons of Manasseh. Guyyaa saddeettaffaatti Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur hoogganaa ijoollee Minaaseetu kennaa isaa fide.
55 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
56 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
57 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe,
58 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
59 for the peace offering: two oxen, five rams, five male goats, five year-old male lambs. Offering of Gamaliel son of Pedahzur. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur kana ture.
60 On the ninth day it was Abidan son of Gideoni, the leader of the sons of Benjamin. Guyyaa saglaffaatti Abiidaan ilma Gaadeyoon dura buʼaa ijoollee Beniyaamitu kennaa isaa fide.
61 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, one silver basin, about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
62 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
63 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
64 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
65 for the peace-offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five yearling male lambs. This was Abidan son of Gideoni's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Abiidaan ilma Gaadeyoon kana ture.
66 On the tenth day it was Ahiezer son of Ammishaddai, the leader of the sons of Dan. Guyyaa kudhannaffaatti Ahiiʼezer ilma Amiishadaay dura buʼaa ijoollee Daanitu kennaa isaa fide.
67 His offering: one silver plate weighing about three and a quarter pounds, one silver basin weighing about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
68 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
69 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
70 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
71 for the peace-offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five male year-old lambs. This was Ahiezer son of Ammishaddai's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi korbeeyyii hoolaa xixinnaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Ahiiʼezer ilma Amiishadaay kana ture.
72 On the eleventh day it was Pagiel son of Ochran, the leader of the sons of Asher. Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagiʼeel ilma Okraan hoogganaa ijoollee Aasheeritu kennaa isaa fide.
73 He offered a silver plate, about three and a quarter pounds, and a silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering; Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daaku bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
74 one gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
75 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
76 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
77 and for the sacrifice of peace offerings: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. The offering of Pagiel son of Ochran. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Fagiʼeel ilma Okraan kana ture.
78 On the twelfth day it was Ahira son of Enan, the leader of the sons of Naphtali. Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Eenaan hoogganaa ijoollee Niftaalemitu kennaa isaa fide.
79 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
80 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
81 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
82 one male goat for a sin offering; aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
83 and for the peace-offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. Ahira son of Enan's offering. aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Ahiiraa ilma Eenaan kana ture.
84 This was the altar's dedication offering when it was anointed, from Israel's leaders: twelve silver plates, twelve silver basins, twelve gold dishes. Kennaan hooggantoonni Israaʼel gaafa iddoon aarsaa dibame sana sirna eebbaatiif dhiʼeessan kana ture; isaanis gabatee meetii kudha lama, waciitii meetii kudha lamaa fi xuwwee warqee kudha lama:
85 Each silver plate weighed about three and a quarter pounds, each basin about one and three-quarter pounds; all the silver of the vessels totaled about sixty pounds. Tokkoon tokkoon isaanii meetii saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu ture; tokkoon tokkoon waciitii meetii saqilii torbaatama ulfaata ture. Miʼi meetii kun akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti walumaa galatti saqilii kuma lamaa fi dhibbaa afur ulfaata ture.
86 The twelve gold dishes full of incense weighed about four ounces each; all the gold totaled about three pounds. Xuwweewwan warqee kudha lamaan kanneen ixaanaan guutamanis tokkoon tokkoon isaanii akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii kudhan ulfaatu turan. Xuwweewwan warqee walumaa galatti saqilii dhibba tokkoo fi digdama ulfaatu turan.
87 All the cattle for the burnt offering: twelve bulls, twelve rams, twelve year-old male lambs, with their grain offering; and twelve male goats for the sin offering. Baayʼinni horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamanii walumaa galatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼe kudha lama ture; kennaan midhaaniis isaan wajjin dhiʼeeffameera. Korbeeyyiin reʼee kudha lama aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamanii turan.
88 All the cattle for the peace offering sacrifices: twenty-four bulls, sixty rams, sixty male goats, sixty male year-old lambs. This was the altar's dedication offering, after it was anointed. Baayʼinni horii aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamanii walumaa galatti sangoota digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, korbeeyyii reʼee jaatamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko ture. Kennaawwan erga iddoon aarsaa dibamee booddee sirna eebba isaatiif dhiʼeeffaman kanneen turan.
89 When Moses entered the tent of meeting to speak with our Father, he heard the voice speaking to him from above the mercy seat on the ark of the testimony, between the two cherubim—so our Father spoke with him. Museen yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. Waaqayyo isa wajjin dubbate.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]