Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 8 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Our Father spoke to Moses, saying: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 "Say to Aaron: When you mount the lamps, the seven must shine before the lampstand." “Aroonitti akkana jedhii dubbadhu; ‘Yeroo ati ibsaawwan torban qabsiiftutti isaan iddoo baattuu ibsaa fuula dura jiru haa ibsan.’ ”
3 Aaron did so, lighting its lamps to shine toward the lampstand's front, as our Father commanded Moses. Aroonis akkasuma godhe; innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti akka isaan fuula baattuu ibsaa duraan ifa kennaniif ibsaawwan sana qabsiise.
4 The lampstand's work: hammered gold, hammered from base to blossoms—made exactly as our Father showed Moses. Akki itti baattuun ibsaa tolfame akkana: Miilla isaa irraa jalqabee hamma daraaraa isaatti warqee tumame irraa hojjetame. Baattuun ibsaa sun akkuma fakkeenya Waaqayyo Museetti argisiise sanaatti hojjetame.
5 Our Father spoke to Moses, saying: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
6 "Take the Levites from among the people of Israel and cleanse them. “Saba Israaʼel keessaa Lewwota fuudhii qulqulleessi.
7 To cleanse them, do this: sprinkle purification water on them, run a razor over their whole body, wash their clothes, and be clean. Isaan qulqulleessuufis waan kana godhi: bishaan qulqullaaʼummaa isaanitti facaasi; akka isaan dhagna isaanii guutuu haaddatanii akkasiin uffata ofii miiccatanii of qulqulleessan godhi.
8 Let them take a young bull from the herd, its grain offering of fine flour mixed with oil, and you are to take a second young bull from the herd for a sin offering. Isaanis dibicha loonii tokko kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame wajjin haa fuudhan; atis dibicha loonii lammaffaa aarsaa cubbuutiif fuudhi.
9 Bring the Levites before the tent of meeting, and gather the whole community of Israel's people. Lewwota fuula dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼeessiitii waldaa Israaʼelootaa guutuu walitti qabi.
10 When you present the Levites before me, Israelites are to lay hands on the Levites, Lewwotas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessi; sabni Israaʼel harka isaanii Lewwota irra haa kaaʼan.
11 Aaron is to wave the Levites before me, an offering from the Israelites, to do my service. Aroonis akka Lewwonni Waaqayyo tajaajiluu dandaʼaniif saba Israaʼel keessaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa dhiʼeessu.
12 The Levites will lay their hands on the bulls' heads; offer one as a sin offering, one as a burnt offering to me, to atone for the Levites. “Erga Lewwonni harka isaanii mataa jiboota sanaa irra kaaʼanii booddee ati Lewwotaaf araaraa buusuudhaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu, kaan immoo aarsaa gubamu godhiitii Waaqayyoof dhiʼeessi.
13 Set the Levites before Aaron and his sons, and present them to me as a wave offering. Akka Lewwonni fuula Aroonii fi fuula ilmaan isaa dura dhaabatan godhi; ergasiis aarsaa sochoofamu godhiitii Waaqayyotti isaan dhiʼeessi.
14 Separate the Levites from among Israel's people; the Levites are mine. Haala kanaan Israaʼeloota kaan keessaa Lewwota addaan baasi; Lewwonnis kan koo haa taʼan.
15 Then the Levites will enter to serve the tent of meeting, once you've cleansed and waved them as a wave offering. “Erga ati Lewwota qulqulleessitee aarsaa sochoofamu gootee isaan dhiʼeessitee booddees isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf haa dhufan.
16 For they are fully given to me from among Israel's sons, in place of every womb-opener—firstborn of all Israel's sons—I took them for myself. Isaan Israaʼeloota keessaa guutumaan guutuutti naaf kennamuu qabu. Ani qooda hangafa saba Israaʼel kan gadameessa saaqu hundaa Lewwota ofii kootiif fudhadheera.
17 All Israel's firstborn, human or animal, are mine; the day I struck all Egypt's firstborn, I set them apart for myself. Israaʼel keessaa dhiirri hangafni hundi namas taʼu horiin kan koo ti. Ani yeroon biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeese sana ofii kootiifan addaan isaan baafadhe.
18 And I have taken the Levites in place of all the firstborn among the people of Israel. Ani qooda ilmaan Israaʼel hangafoota hundaa Lewwota fudhadheera.
19 I have given the Levites to Aaron and his sons, a gift from Israel's people, to serve Israel's people at the tent of meeting, atone for Israel's people, so no plague strikes Israel's people nearing the sanctuary." Yommuu Israaʼeloonni iddoo qulqulluutti dhiʼaatanitti akka dhaʼichi isaan hin arganneef, akka isaan Israaʼelootaaf araara buusanii fi akka isaan tajaajila Israaʼelootaa dunkaana wal gaʼii keessatti raawwataniif ani Lewwota saba Israaʼel hunda keessaa Aroonii fi ilmaan isaatiif kennaa godhee kenneera.”
20 Moses, Aaron, and Israel's whole assembly did to the Levites all our Father commanded Moses about the Levites; Israel's people did to them. Museen, Aroonii fi waldaan Israaʼel guutuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
21 The Levites purified themselves from sin, washed their clothes; Aaron offered them as a wave offering before our Father, atoned for them to cleanse them. Lewwonnis of qulqulleessanii wayyaa ofii miiccatan. Aroonis akkuma aarsaa sochoofamuutti fuula Waaqayyoo duratti isaan dhiʼeesse; isaan qulqulleessuufis araara isaaniif buuse.
22 After that, the Levites came to serve in the tent of meeting before Aaron and his sons; they did to the Levites as our Father commanded Moses. Ergasii Lewwonni qajeelcha Aroonii fi ilmaan isaatiin hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuudhaaf dhufan. Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
23 Our Father spoke to Moses, saying: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
24 "This applies to the Levites: from age twenty-five, they are to come to serve in the work at the tent of meeting. “Kun seera Lewwotaaf kennamee dha: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamii shanii fi hammasii olii hojii dunkaana wal gaʼii keessatti hirmaachuuf haa dhufan;
25 From age fifty they must retire from service work and serve no longer. umurii waggaa shantamaatti garuu tajaajila isaanii haa dhaaban; deebiʼaniis hin tajaajilin.
26 They may assist their brothers at the tent of meeting by standing guard, but do no work. This is how you are to assign the Levites' duties." Hojii dunkaana wal gaʼii irratti obboloota ofii gargaaruu ni dandaʼu; ofii isaaniitii garuu hojii sana hin hojjetin. Egaa kun haala itti ati itti gaafatama Lewwotaa ramadduu dha.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]