Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 9 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Our Father spoke to Moses in the Sinai wilderness, in the first month of the second year after they left Egypt: Waaqayyo erga isaan Gibxii baʼanii booddee jiʼa jalqabaa kan waggaa lammaffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti akkana jedhee Museetti dubbate;
2 "Let the people of Israel keep the Passover at its appointed time. “Israaʼeloonni yeroo murtaaʼetti Faasiikaa haa ayyaaneffatan.
3 On this month's fourteenth day, at twilight, observe it at its set time, by all its statutes and all its rules." Isin akkuma seeraa fi dambii ayyaana kanaa hundaatti yeroo murtaaʼetti jiʼa sana keessa, dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti ayyaaneffadhaa.”
4 So Moses told the people of Israel that they should keep the Passover. Museen akka isaan Faasiikaa ayyaaneffatan Israaʼelootatti hime;
5 In the wilderness of Sinai, they kept the Passover on day fourteen of the first month, at twilight, as our Father commanded Moses; so the children of Israel did. isaanis jiʼa jalqabaa keessa dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti ayyaaneffatan. Sabni Israaʼel akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda godhe.
6 Some men were unclean from touching a corpse and could not observe Passover that day, so they came before Moses and Aaron that day. Isaan keessaa namoonni tokko tokko sababii reeffa tuqanii xuraaʼaniif guyyaa sana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Isaan guyyuma sana gara Musee fi Aroonii dhufanii,
7 Those men said to him, "We are unclean from a dead body. Why must we be kept from presenting our Father's offering at its appointed time among the Israelites?" Museedhaan akkana jedhan; “Nu sababii reeffa namaa tuqneef xuroofneerra; garuu maaliif yeroo murtaaʼe sanatti Israaʼeloota kaan wajjin aarsaa Waaqayyoo dhiʼeessuu dhowwamne?”
8 And Moses said to them, "Wait here until I hear what our Father will command about this." Museenis, “Hamma ani waan Waaqayyo waaʼee keessan ajaju dhagaʼutti turaa” jedheen.
9 Our Father spoke to Moses, saying, Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
10 "Tell the Israelites: if any of you or your descendants is unclean from a corpse, or off on a distant journey, he may still keep the Passover to our Father. “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Isin keessaa yookaan ilmaan keessan keessaa namni tokko yoo reeffa tuqee xuraaʼe yookaan karaa fagoo deeme, inni amma iyyuu Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu ni dandaʼa.
11 In month two, on day fourteen, at twilight, they must keep it, eating it with unleavened bread and bitter herbs. Isaanis jiʼa lammaffaa keessa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgala Faasiikaa haa ayyaaneffatan. Faasiikaa sanas Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin haa nyaatan.
12 They are to leave none of it until morning, break no bone of it, and keep it by every statute of the Passover. Isaanis wantoota kanneen keessaa tokko iyyuu hamma ganamaatti hambisuu yookaan lafee isaa keessaa tokko iyyuu cabsuu hin qaban. Isaan yommuu Faasiikaa ayyaaneffatanitti dambiiwwan hunda duukaa buʼuu qabu.
13 But if a man is clean and not traveling, yet does not keep the Passover, that person must be cut off from his people, because he failed to bring our Father's offering at its set time; that man will bear his sin. Garuu namni qulqulluu taʼee karaa hin deemin yoo Faasiikaa ayyaaneffachuu baate inni sababii yeroo murtaaʼetti aarsaa Waaqayyoo hin dhiʼeessiniif saba isaa keessaa haa balleeffamu. Namichi sun gatii cubbuu isaa ni argata.
14 "If a foreigner living among you wants to keep the Passover to our Father, he must follow the Passover's statute and rule. One statute applies to both foreigner and native of the land." “ ‘Alagaan isin gidduu jiraatu kan Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu fedhu tokko akkuma seeraa fi dambii Faasiikaatti haa ayyaaneffatu. Isinis alagaa fi dhalataa biyyaatiif seeruma tokkicha qabaadhaa.’ ”
15 When the tabernacle—the tent of the testimony—was set up, the cloud covered it; from evening until morning it looked like fire over the tabernacle. Gaafa dunkaanni qulqulluun dhaabame sana duumessi dunkaana sana jechuunis dunkaana dhuga baʼumsaa haguuge. Duumessi dunkaana qulqulluudhaan olii sunis galgalaa hamma ganamaatti ibidda fakkaata ture.
16 So it was continually: the cloud covered it by day, and the appearance of fire by night. Wanni kunis yeroo hunda akkanuma ture; guyyaa duumessi isa haguuga ture; halkan immoo duumessi sun ibidda fakkaata ture.
17 Whenever the cloud lifted from over the tent, the Israelites set out; wherever it settled, the Israelites camped. Yeroo duumessi sun dunkaana irraa kaʼu Israaʼeloonni kaʼanii deemu turan; lafa duumessi buʼu immoo Israaʼeloonni ni qubatu.
18 At our Father's command Israel's people set out; at our Father's command they camped. As long as the cloud rested over the tabernacle, they remained camped. Israaʼeloonni ajaja Waaqayyootiin kaʼanii deemu; ajajuma isaatiinis qubatu. Yeroo duumessi dunkaana qulqulluun ol jiru isaanis qubata keessa turan.
19 When the cloud lingered over the tabernacle many days, the Israelites kept our Father's charge and did not set out. Yoo duumessi sun guyyaa hedduu dunkaana gubbaa tures Israaʼeloonni seera Waaqayyootiif waan ajajamaniif iddoo sanaa kaʼanii hin deeman ture.
20 Sometimes the cloud stayed on the dwelling only a few days: at the command of our Father they camped, at the command of our Father they set out. Yeroo tokko tokko duumessi sun guyyaa xinnaadhaaf dunkaana qulqulluu gubbaa oolee bula ture; isaanis ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma isaatiinis kaʼanii deemu.
21 Sometimes the cloud stayed from evening to morning; when it lifted in the morning, they set out. Whether by day or night, when the cloud lifted, they set out. Yeroo tokko tokko duumessi sun galgalaa hamma ganamaatti jiraata ture; yommuu duumessi ganamaan kaʼu isaanis kaʼanii deemu. Guyyaas taʼu halkan, yeroo duumessi kaʼu isaanis kaʼanii deemu.
22 Whether two days, a month, or longer, while the cloud remained over the tabernacle, Israel stayed in camp and did not set out; when it lifted, they set out. Yeroo duumessi sun guyyaa lamas taʼu jiʼa tokko yookaan waggaa tokko dunkaana qulqulluu irra turutti Israaʼeloonni qubatuma keessa turu malee kaʼanii hin deeman ture; yeroo duumessichi kaʼutti garuu kaʼanii deemu.
23 At our Father's command they camped; at his command they set out. They kept his charge, at our Father's command through Moses. Isaan ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma Waaqayyootiinis kaʼanii deemu. Akkuma ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenne sanaattis seera isaatiif ajajamu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]