Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 6 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Then our Father spoke to Moses: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 "Speak to the Israelites and say to them: When a man or woman makes a special vow, a Nazirite vow, to set themselves apart to the Father. “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Dhiirri yookaan dubartiin tokko yoo Waaqayyoof addaan of baasuuf wareega addaa yookaan wareega Naazirummaa wareegan,
3 They must not drink wine or strong drink, nor vinegar from either, nor any grape juice, nor eat grapes fresh or dried. daadhii wayinii fi dhugaatii nama macheessu irraa of haa eeggatan; namni sun dhangaggaaʼaa daadhii wayinii irraa hojjetame yookaan dhangaggaaʼaa dhugaatii nama macheessuu biraa hin dhugin. Inni cuunfaa gumaa wayinii dhuguu yookaan ija wayinii asheetii yookaan goggogaa isaa nyaachuu hin qabu.
4 During their separation they must eat nothing from the grapevine, from seeds to skin. Innis bara Naazirummaa isaa hunda keessa waan gumaa wayinii irraa argamu kam iyyuu sanyii isaas taʼu qola isaa nyaachuu hin qabu.
5 "During their vow of separation, no razor touches their head. Until it's complete, they stay holy to the Father; they must let their hair grow. “ ‘Bara wareega addaan baafamuu isaa hunda keessa qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin. Hamma yeroon inni itti Waaqayyoof addaan baafame sun xumuramutti inni qulqulluu haa taʼu; akka rifeensi mataa isaa guddatuufis gad haa dhiisu.
6 "Throughout their time of separation to the Father they must not go near a dead body. “ ‘Naazirichi bara Waaqayyoof addaan of baase hunda keessa reeffatti dhiʼaachuu hin qabu.
7 They must not make themselves unclean even for father, mother, brother, or sister when they die, since their dedication crown to our Father is on their head. Sababii mallattoon inni ittiin Waaqayyoof addaan baafame mataa isaa irra jiruuf yoo abbaan isaa yookaan haati isaa, obboleessi isaa yookaan obboleettiin isaa duʼan illee isaaniif jedhee akka seeraatti of hin xureessin.
8 Throughout their time of separation they are holy to the Father. Inni bara itti addaan baafame sana hunda keessa kan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha.
9 "If someone dies very suddenly beside them, making their dedicated head unclean, they must shave their head on the day of their cleansing—shave it on the seventh day. “ ‘Yoo namni tokko iddoo Naazirichi jirutti akka tasaa duʼee akkasiin rifeensa inni addaan baase sana xureesse, inni guyyaa itti qulqulleeffamutti jechuunis guyyaa torbaffaatti mataa isaa haa haaddatu.
10 On the eighth day they must bring two turtledoves or two young pigeons to the priest at the meeting tent's entrance. Ergasiis inni guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidu.
11 The priest must offer one as a sin offering, the other as a burnt offering, and make atonement for them, because they sinned by being near the dead body. That same day they must rededicate their head. Sababii inni iddoo reeffi jirutti argamuudhaan cubbuu hojjeteef lubichi isa tokko aarsaa cubbuu, isa kaan immoo aarsaa gubamu godhee araara buusuuf haa dhiʼeessuuf. Guyyuma sanas rifeensa mataa isaa addaan haa baasu.
12 They must rededicate to the Father their days of separation and bring a year-old male lamb as a guilt offering; the earlier days don't count—their separation was made unclean. Inni yeroo itti addaan baafame keessa ammas Waaqayyoof addaan of haa baasu; xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼes aarsaa yakkaa godhee haa fidu. Garuu sababii inni yeroo addaan baʼiisa isaa keessa xureeffameef guyyoonni darban hin lakkaaʼaman.
13 "This is the law of the Nazirite: when their days of separation end, they must come to the tent of meeting's entrance. “ ‘Egaa yeroo addaan baʼumsi isaa xumuramutti seerri Naazirichaa kanaa dha: Inni gara karra dunkaana wal gaʼiitti haa fidamu.
14 They must bring the Father their offering: one flawless year-old male lamb as a burnt offering, one flawless year-old ewe lamb as a sin offering, and one flawless ram as a peace offering, Achitti aarsaa isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu; kunis xobbaallaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabnee kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe aarsaa gubamuuf, xobbaallaa hoolaa dhaltuu hirʼina hin qabne kan umuriin ishee waggaa tokko taʼe aarsaa cubbuutiif, korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne aarsaa nagaatiif,
15 with a basket of unleavened bread—loaves of fine flour mixed with oil, unleavened wafers coated with oil—plus their grain offering and drink offerings. kana wajjinis Maxinoo gundoo tokko, Maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa tolfame kan zayitiidhaan sukkuumame, bixxillee zayitiin irra dibame akkasumas kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii haa dhiʼeessu.
16 The priest must present them before the Father and offer the sin offering and the burnt offering. “ ‘Lubichis fuula Waaqayyoo duratti isaan fidee aarsaa cubbuutii fi aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
17 He must offer the ram as a peace offering to the Father with the basket of bread without yeast, and offer its grain and drink offerings. Innis korbeessa hoolaa sana Maxinoo gundoo irra jiru sana wajjin aarsaa nagaa godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu; akkasumas lubichi kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaa haa dhiʼeessu.
18 At the tent of meeting's entrance, the Nazirite must shave their dedicated head, take the hair of dedication, and put it on the fire under the peace offering. “ ‘Ergasii Naazirichi balbala dunkaana wal gaʼii duratti rifeensa addaan baase sana haa haaddatu. Rifeensa sanas fuudhee ibidda aarsaa nagaa jalaan jiru sana keessa haa buusu.
19 The priest takes the boiled ram's shoulder, one unleavened loaf and wafer from the basket, and puts them in the Nazirite's hands after the hair of dedication is shaved off. “ ‘Erga Naazirichi rifeensa ittiin addaan baafame sana haaddatee booddee lubni sun foon gatiittii korbeessa hoolaa kan affeelamee fi Maxinoo fi bixxillee hin bukaaʼin gundoo sana irraa fuudhee harka namichaa irra haa kaaʼu.
20 The priest waves them as a wave offering before our Father—a holy portion for the priest, with the breast that is waved and the thigh that is contributed. Then the Nazirite may drink wine. Ergasiis lubichi aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa sochoosu; isaanis handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana wajjin lubichaaf kan qulqulleeffamanii dha. Ergasii Naazirichi daadhii wayinii dhuguu ni dandaʼa.
21 "This is the law of the Nazirite who vows an offering to our Father for their separation, besides whatever else they can afford. They must do according to their vow, per the law of their separation." “ ‘Seerri Naaziricha waan kennuu dandaʼu kaan dabalatee akkuma addaan baʼumsa isaatti kennaa isaa Waaqayyoof wareegu tokkoo kanaa dha. Innis akkuma seera Naazirichaatti waan wareege sana raawwachuu qaba.’ ”
22 Then our Father spoke to Moses: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
23 "Tell Aaron and his sons: This is how you are to bless the Israelites. Say to them: “Aroonii fi ilmaan isaatti akkana jedhii himi; ‘Akki isin itti Israaʼeloota eebbiftan kanaa dha. Akkana jedhaanii:
24 'May your Father bless you and keep you; “ ‘ “Waaqayyo si haa eebbisu; si haa eegus;
25 may your Father make his face shine upon you and be gracious to you; Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu; garaa siif haa laafu.
26 may your Father look on you with favor and give you peace.' Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu; nagaas siif haa kennu.” ’
27 "So they will put my name on the Israelites, and I will bless them." “Akkasitti isaan maqaa koo saba Israaʼel irra kaaʼu; anis isaan nan eebbisa.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]