Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Mark 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Once again Jesus entered the synagogue, and a man with a withered hand was there. Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture.
2 They watched closely to see if he'd heal the man on the Sabbath, to accuse Jesus. Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan.
3 Jesus said to the man with the withered hand, "Stand up and come forward." Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe.
4 Then he asked them, "Is it lawful on the Sabbath to do good or to do harm, to save life or to kill?" But they stayed silent. Yesuusis, “Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.
5 He looked around at them in anger, grieved by their hardness of heart, and told the man, "Stretch out your hand." He stretched it out, and his hand was restored. Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, “Harka kee diriirfadhu!” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.
6 Then the Pharisees went out and immediately began plotting with the Herodians how they might destroy him. Fariisonnis gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesuu dandaʼan garee Heroodis wajjin mariʼachuu jalqaban.
7 Jesus withdrew with his disciples to the sea; a large crowd from Galilee followed, and from Judea, Yesuus barattoota isaa wajjin achii kaʼee gara galaanichaatti qajeele; tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa isa duukaa buʼe.
8 from Jerusalem, Idumea, beyond the Jordan, and the region around Tyre and Sidon—hearing all he was doing, a great crowd came to him. Namoonni baayʼeenis yommuu waan inni hojjechaa ture hunda dhagaʼanitti Yihuudaadhaa, Yerusaalemii, Edoomiyaasii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo Xiiroosiitii fi Siidoonaatii gara isaa dhufan.
9 He told his disciples to keep a small boat ready, because of the crowd, so they wouldn't crush him. Innis akka baayʼina namaatiin hin dhiibamneef akka isaan bidiruu xinnoo tokko isaaf qopheessan barattoota isaatti hime.
10 For he had healed so many that all who had diseases were pressing forward to touch him. Sababii inni nama baayʼee fayyisee tureef, warri dhukkubsatan hundinuu isa tuquuf jedhanii irratti wal cabsaa turan.
11 Whenever the unclean spirits saw him, they fell before him, shouting, "You are the Son of God!" Hafuuronni xuraaʼoonis yeroo isa argan fuula isaa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii iyyu turan.
12 But he firmly warned them not to reveal him. Inni garuu akka isaan akka inni beekamu hin goone jabeessee isaan ajaje.
13 Jesus went up the mountain and called those he wanted; they came to him. Yesuusis tulluutti ol baʼee warra ofii isaatii barbaade ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan.
14 He appointed twelve, named apostles, so they could be with him and he could send them out to preach, Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase;
15 and to have authority to drive out demons. akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef.
16 These are the twelve he appointed: Simon, to whom he gave the name Peter; Warri kudha lamaan inni muudes isaan kana: Simoon isa inni “Phexros” jedhee moggaase,
17 James son of Zebedee, and John his brother, whom he named Boanerges, meaning Sons of Thunder; Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis warra inni “Boʼanergees” jedhee moggaase; Boʼanergees jechuun ilmaan “Kakawwee” jechuu dha;
18 Andrew, Philip, Bartholomew, Matthew, Thomas, James son of Alphaeus, Thaddaeus, Simon the Zealot, Indiriiyaas, Fiiliphoos, Bartaloomewoos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewoos, Simoon Hinaafticha,
19 and Judas Iscariot, who betrayed him. Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
20 He went home; the crowd gathered again, so he and his disciples couldn't even eat. Yesuusis mana tokko seene; sababii namoonni akka malee baayʼatan ammas walitti qabamaniif innii fi barattoonni isaa waa nyaachuu illee hin dandeenye.
21 When his family heard, they went out to restrain him, for they said, "He's out of his mind." Firoonni isaas yommuu waan kana dhagaʼanitti isa qabuu dhaqan; namoonni, “Inni qalbii dabarseera” jechaa turaniitii.
22 The scribes who came down from Jerusalem said, "He has Beelzebul," and, "By the prince of demons he drives out demons." Barsiistonni seeraa warri Yerusaalemii gad buʼan, “Inni Biʼeelzebuuliin qabameera! Hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
23 So Jesus called them to him and spoke in parables: "How can Satan drive out Satan? Yesuus immoo ofitti isaan waamee akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa?
24 If a kingdom is divided against itself, that kingdom cannot stand. Mootummaan tokko yoo gargar of qoode, mootummaan sun dhaabachuu hin dandaʼu.
25 And if a house is divided against itself, that house will not be able to stand. Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu.
26 And if Satan opposes himself and is divided, he cannot stand; his end has come. Seexannis yoo gargar of qoode, inni dhaabachuu hin dandaʼu; dhumni isaa gaʼeeraatii.
27 No one can enter a strong man's house and take his goods without first tying up the strong man—then he can plunder the house. Dhugumaan namni kam iyyuu utuu duraan dursee nama jabaa tokko hin hidhin, mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Ergasii inni mana namicha jabaa sanaa saamuu dandaʼa.
28 Truly I tell you, all sins and insults against God will be forgiven children of mankind, whatever they say, Ani dhuguma isinittin hima; cubbuun isaanii hundii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi namootaaf dhiifamuu ni dandaʼa;
29 but whoever blasphemes against the Holy Spirit never has forgiveness; they are guilty of an eternal sin," namni Hafuura Qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu gonkumaa dhiifama hin argatu; inni itti gaafatamaa cubbuu bara baraa ti.”
30 for they were saying, "He has an unclean spirit." Yesuusis sababii isaan, “Inni hafuura xuraaʼaa qaba” jechaa turaniif waan kana dubbate.
31 His mother and brothers arrived and, standing outside, sent to him, calling him. Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan.
32 A crowd sat around him and said to him, "Look, your mother and your brothers are outside, asking for you." Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, “Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru” jedhanii isatti himan.
33 He answered them, "Who are my mother and my brothers?" Inni immoo, “Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?” jedhee gaafate.
34 Looking around at those sitting in a circle around him, he said, "Here are my mother and my brothers! Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti!
35 Whoever does the will of our Father is my brother and sister and mother." Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]