Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Mark 4 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Jesus again taught by the sea. So large a crowd gathered around him that he got into a boat on the water and sat, while the whole crowd was on land by the sea. Yesuus ammas qarqara galaanichaatti barsiisuu jalqabe. Tuunni naannoo isaatti walitti qabame akka malee guddaa ture; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa irra afaan bishaanii jiranuu, inni bidiruu yaabbatee galaanicha irra achi hiiqee taaʼe.
2 He taught them many things in parables, and in his teaching he said to them: Fakkeenyaanis waan baayʼee isaan barsiise; barsiisa isaa keessattis akkana jedhe:
3 "Listen! A sower went out to sow. “Mee dhagaʼaa! Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.
4 And as he sowed, some seed fell along the path, and the birds came and devoured it. Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.
5 Other seed fell on rocky ground, lacking much soil, and sprang up at once since the soil had no depth. Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.
6 When the sun rose, the plants were scorched, and since they had no root, they withered. Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.
7 Other seed fell among thorns, and the thorns grew up and choked it, yielding no grain. Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe; biqiltuun sunis ija hin naqanne.
8 Other seed fell into good soil, producing grain that sprouted, grew, and yielded thirty, sixty, one hundred times what was sown." Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ni guddate; ijas ni naqate. Inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqate.”
9 And he said, "Whoever has ears to hear, let him hear." Yesuusis, “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu” jedhe.
10 When he was alone, those around him, together with the Twelve, asked him about the parables. Yeroo inni kophaa turettis warri Kudha Lamaanii fi namoonni naannoo isaa turan biraa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan.
11 He said to them, "To you is given the secret of the kingdom of our Father, but to those outside, everything comes in parables, Innis akkana jedheen; “Icciitiin mootummaa Waaqaa isiniif kennameera. Warra ala jiranitti garuu wanni hundinuu fakkeenyaan himama;
12 so that 'they may look but not perceive, and hear but not understand, and not turn and be forgiven.'" kunis, “ ‘Isaan akka hin deebinee fi akka dhiifama hin arganneef, arguu inuma argu, garuu hin qalbeeffatan; dhagaʼuus inuma dhagaʼu, garuu hin hubatan.’ ”
13 He said to them, "You don't understand this parable? Then how will you understand all the parables? Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin fakkeenya kana hin hubattanii? Yoos isin akkamitti fakkeenya hunda hubattu ree?
14 The sower sows the word. Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa.
15 These are the ones on the path where the word is sown: once they hear, Satan comes immediately and takes away the word sown in them. Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata.
16 These are the ones sown on rocky ground, who hear the word and immediately receive it with joy. Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu.
17 But they have no root in themselves, lasting only briefly; when trouble or persecution comes because of the word, they fall away at once. Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu.
18 And others are the ones sown among thorns. These are those who hear the word, Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha;
19 but worries of this age, the deceit of wealth, and desires for other things enter and choke the word, and it produces no fruit. garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa.
20 And these are the ones sown on good soil: they hear the word, accept it, and produce fruit—thirty, sixty, one hundred times over." Warri kaanis sanyii biyyoo gaarii irratti facaafame fakkaatu; isaanis dubbicha ni dhagaʼu; ni fudhatu; ijas ni naqatu; inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqata.”
21 He told them, "Does anyone bring in a lamp to put it under a basket or bed—not on a stand? Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin ibsaa gombisaa jala yookaan siree jala kaaʼuuf fidduu? Qooda kanaa baattuu isaa irra keessu mitii?
22 Nothing is hidden except to be revealed; nothing is secret except to surface. Wanni dhokfame kam iyyuu mulʼifamuuf jiraatii; wanni haguugame kam iyyuus ifatti baafamuuf jiraatii.
23 If anyone has ears to hear, let him hear." Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”
24 He told them, "Watch what you hear. The measure you use will be measured to you—and more added. Innis itti fufee akkana jedheen; “Waan dhageessan qalbeeffadhaa. Safartuu ittiin safartaniinis, hammas caalaa iyyuu isiniif safarama.
25 For whoever has will be given more; whoever doesn't, even what he has will be taken from him." Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.”
26 He said, "This is what the kingdom of our Father is like: a man scatters seed on the ground. Ammas akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa nama lafa isaa irratti sanyii facaasu tokko fakkaata.
27 Night and day, asleep or awake, the seed sprouts and grows, though he doesn't know how. Akkamitti akka taʼe namichi beekuu baatu illee, inni rafus yookaan dammaqus, sanyiin sun halkanii guyyaa ni biqila; ni guddatas.
28 The soil yields grain on its own—first blade, then head, then full kernel in the head. Lafti ofuma isheetiin midhaan baafti; jalqabatti biqila, itti aansee hudhaa midhaanii, ergasii immoo midhaan guutuu baafti.
29 But when the grain ripens, he immediately sends the sickle, since harvest has come." Namichis akkuma midhaanichi bilchaateen haamuu jalqaba; yeroon haamaa gaʼeeraatii.”
30 He said, "What can we compare the kingdom of our Father to, or what parable can we use for it? Ammas inni akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata jechuu dandeenya? Yookaan fakkeenya maaliitiin isa ibsina?
31 It's like a mustard seed, the smallest of all seeds when sown on the ground. Inni sanyii sanaaficaa kan sanyiiwwan lafa irra jiran hunda irra xinnaa taʼe fakkaata.
32 Yet once sown, it grows up and becomes the largest of all garden plants, producing branches so big that birds of the air can nest in its shade." Erga facaafamee booddee garuu guddatee biqiltuu hunda caala; dameewwan gurguddaa simbirroonnis gaaddisa isaa jala jiraachuu dandaʼanis qabaata.”
33 With many such parables he spoke the word to them, as they were able to hear. Yesuusis fakkeenyawwan akkanaa baayʼeedhaan hamma isaan dhagaʼuu dandaʼan dubbicha isaanitti dubbate.
34 He spoke to them only in parables, but privately explained everything to his own disciples. Innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne. Yeroo kophaa turanitti garuu waan hunda barattoota isaatiif ni ibse.
35 That day, when evening came, he said to them, "Let us cross over to the other side." Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, “Kottaa gama ceenaa” isaaniin jedhe.
36 They left the crowd and took him along, just as he was, in the boat, other boats accompanying him. Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Yesuusin akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan.
37 A fierce windstorm came up. Waves broke over the boat, so that it was already being swamped. Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe.
38 But Jesus was asleep in the stern on the cushion. They woke him and said, "Teacher, don't you care that we're dying?" Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, “Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?” jedhaniin.
39 He got up, rebuked the wind, and told the sea, "Peace! Be still!" The wind stopped, and it grew totally calm. Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, “Calʼisi! Gab jedhis!” jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
40 He said to them, "Why are you so afraid? Do you still have no faith?" Innis barattoota isaatiin, “Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?” jedhe.
41 They were terrified and asked one another, "Who then is this, that even the wind and the sea obey him?" Isaanis akka malee sodaatanii, “Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?” jedhanii wal gaafatan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]