Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Mark 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 A few days later, when Jesus came back to Capernaum, word spread that he was home. Yesuus guyyaa muraasa booddee Qifirnaahomitti deebiʼe; namoonnis akka inni mana jiru dhagaʼan.
2 So many gathered that there was no room left, not even at the door, and he was speaking the word to them. Namoonni akka malee baayʼatan walitti qabamnaan iddoon dhabamee balballi durris dhiphate; innis dubbicha isaanitti lallabaa ture.
3 Then some men came, bringing to him a paralyzed man carried by four of them. Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe kan namoota afuriin baatame tokko gara isaa fidan.
4 Unable to bring him to Jesus because of the crowd, they removed the roof over him, dug through it, and lowered the mat the paralyzed man lay on. Isaanis sababii baayʼina namaatiif namicha sana Yesuusitti dhiʼeessuu dadhabanii qixa Yesuus tureen bantii manaa saaqanii siree namichi dhagni irratti duʼe irra ciise sana gad buusan.
5 When Jesus saw their faith, he said to the paralyzed man, "Son, your sins are forgiven." Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
6 Now some of the scribes were sitting there, reasoning in their hearts, Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko achi tataaʼanii garaa isaanii keessatti,
7 "Why does this man speak this way? He is blaspheming! Who can forgive sins but God alone?" “Namichi kun maaliif akkana dubbata? Inni Waaqa arrabsa! Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii yaadan.
8 Immediately Jesus knew in his spirit they were reasoning this way within themselves, and said to them, "Why are you reasoning these things in your hearts? Yesuusis yeruma sana akka wanni isaan garaa isaanii keessatti yaadaa turan kana taʼe hafuuraan beekee akkana jedheen; “Isin maaliif waan kana yaaddu?
9 Which is easier—telling the paralyzed man, 'Your sins are forgiven,' or, 'Get up, take your mat, and walk'? Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii siree kee fudhadhuu deemi’ jechuutu salphaa dha?
10 But so you'll know the Son of Man has authority on earth to forgive sins"—he told the paralyzed man, Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha sanaan,
11 "I say to you, get up, take your mat, and go home." “Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
12 He got up, immediately took his mat, and went out before them all, so that everyone was amazed and praised our Father, saying, "We've never seen anything like this." Innis kaʼee, yommusuma siree isaa fudhatee utuma isaan hundinuu arganuu baʼe deeme. Kunis hunda isaanii dinqisiise; isaanis, “Nu takkumaa waan akkanaa arginee hin beeknu!” jedhanii Waaqa jajan.
13 Jesus went out beside the sea again; the whole crowd came to him, and he taught them. Yesuus amma illee gara qarqara galaanichaatti gad baʼe. Namoonni baayʼeenis isa biratti walitti qabaman; innis isaan barsiisuu jalqabe.
14 Passing by, he saw Levi son of Alphaeus sitting at the tax booth and said, "Follow me." He got up and followed him. Innis utuu achiin darbaa jiruu, Lewwii ilma Alfewoos utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Lewwiinis kaʼee isa duukaa buʼe.
15 While Jesus reclined at the table in Levi's house, many tax collectors and sinners reclined with Jesus and his disciples, since many were following him. Yeroo Yesuus mana Lewwiitti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachaa turan; namoonni isa duukaa buʼan baayʼee turaniitii.
16 Seeing him eat with sinners and tax collectors, the Pharisees' scribes asked his disciples, "Why does he eat with tax collectors and sinners?" Barsiistonni seeraa warri Fariisota turan yommuu isaa cubbamootaa fi qaraxxoota wajjin nyaatu arganitti, “Inni maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan.
17 Hearing this, Jesus said to them, "The healthy don't need a doctor, but the sick do. I didn't come to call the righteous, but sinners." Yesuus immoo waan kana dhageenyaan, “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne” jedheen.
18 John's disciples and the Pharisees were fasting. They came and asked him, "Why do John's disciples and the Pharisees' disciples fast, but yours don't?" Barattoonni Yohannisii fi Fariisonni ni soomu turan. Namoonni tokko tokko dhufanii, “Barattoonni Yohannisii fi barattoonni Fariisotaa ni soomu; barattoonni kee garuu maaliif hin soomne?” jedhanii Yesuusin gaafatan.
19 Jesus said to them, "Can wedding guests fast while the bridegroom is with them? As long as they have the bridegroom with them, they cannot fast. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu soomuu dandaʼu? Isaan hamma isa of biraa qabanitti soomuu hin dandaʼan.
20 But days will come when the bridegroom is taken from them; then, on that day, they will fast. Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis gaafas ni soomu.
21 No one sews unshrunk cloth on an old garment; otherwise the new patch tears away from the old, and the tear worsens. “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, erbeen haaraan sun uffata sana irraa tarsaasa; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.
22 No one puts new wine into old wineskins; the wine bursts the skins, and both are ruined. New wine goes into new wineskins." Namni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin sun qalqalloo sana dhoosa; daadhichii fi qalqallichi horoomaa baʼu. Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba.”
23 One Sabbath, he walked through the grainfields, and as they went, his disciples began picking heads of grain. Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas utuu isa wajjin deemaa jiranuu asheetii midhaanii cirachuu jalqaban.
24 The Pharisees said to him, "Look, why are they doing what's not lawful on the Sabbath?" Fariisonnis, “Ilaa, isaan maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjetu?” jedhaniin.
25 And he said to them, "Have you never read what David did when he was in need and hungry, he and those with him, Innis akkana jedhee deebise; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanii fi rakkatanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee?
26 how he entered the house of our Father in the days of Abiathar the high priest, ate the bread of the Presence—which only priests may eat—and gave some to those with him?" Bara Abiyaataar luba ol aanaa ture keessa, inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame kan akka luboonni qofti nyaataniif eeyyamame sana nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis ni kenne.”
27 And he said to them, "The Sabbath was made for people, not man for the Sabbath. Yesuusis akkana jedheen; “Sanbatatu namaaf uumame malee namni Sanbataaf hin uumamne.
28 So the Son of Man is Lord even of the Sabbath." Kanaafuu Ilmi Namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]