Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Mark 16 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 When the Sabbath ended, Mary Magdalene, Mary the mother of James, and Salome bought spices to go anoint him. Erga Sanbanni darbee booddee Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Saloomeen dhaqanii reeffa Yesuus dibuuf jedhanii urgooftuu bitan.
2 Very early on the first day of the week, just after sunrise, they went to the tomb. Isaanis guyyaa jalqaba torbaan sanaa ganama barii, akkuma biiftuun baateen gara awwaalaa dhaqan;
3 They asked each other, "Who will roll the stone away from the tomb's entrance for us?" isaanis, “Eenyutu balbala awwaalaa irraa dhagaa sana nuu gangalcha?” waliin jedhan.
4 But looking up, they saw the stone—very large—already rolled away. Yommuu milʼatanii ilaalanitti garuu akka dhagaan baayʼee guddaan sun afaan awwaalaa irraa gangalfame argan.
5 They entered the tomb and saw a young man dressed in a white robe, seated on the right. They were alarmed. Isaanis awwaala keessa seenanii dargaggeessa uffata adii uffate tokko karaa mirgaatiin taaʼee arganii rifatan.
6 "Don't be alarmed," he said. "You're looking for Jesus the Nazarene, who was crucified. He's risen—he isn't here. Look, the place they laid him. Innis akkana isaaniin jedhe; “Hin rifatinaa! Isin Yesuus Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa.
7 But go, tell his disciples and Peter, 'He goes ahead of you to Galilee. You will see him there, as he told you.'" Garuu dhaqaatii barattoota isaatii fi Phexrositti, ‘Inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Akkuma isinitti hime sanas achitti isa ni argitu’ jedhaatii himaa.”
8 Trembling and amazed, the women fled the tomb, telling no one—they were afraid. Dubartoonni sunis hollachaa fi dinqisiifachaa gad baʼanii awwaalicha biraa baqatan. Sababii sodaataniifis nama tokkotti illee homaa hin himne. [
9 Rising early the first day of the week, Jesus appeared first to Mary Magdalene, from whom he had driven seven demons. Yesuusis barii guyyaa jalqaba torban sanaa yeroo duʼaa kaʼetti duraan dursee Maariyaam ishee Magdalaatti mulʼate; Maariyaam kunis kan inni hafuurota hamoo torba ishee keessaa baasee turee dha.
10 She went and told those who had been with him, who were mourning and weeping. Isheenis dhaqxee utuu warri isa wajjin turan wawwaachuu fi booʼuutti jiranuu isaanitti himte.
11 Hearing Jesus was alive and seen by her, they did not believe it. Isaan garuu yommuu akka Yesuus jiraataa taʼee fi akka isheen isa argite dhagaʼanitti waan sana hin amanne.
12 Afterward Jesus appeared, in a different form, to two of them walking in the country. Ergasiis isaan keessaa utuu namoonni lama baadiyyaa dhaqaa jiranuu Yesuus bifa biraatiin isaanitti mulʼate.
13 They went back and reported it to the others, but they did not believe them either. Jarris deebiʼanii warra hafanitti himan; isaan garuu warra kanas hin amanne.
14 Later Jesus appeared to the eleven as they reclined at a meal and rebuked their lack of faith and hardness of heart, because they hadn't believed those who saw him risen. Ergasiis Yesuus utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu warra Kudha Tokkotti mulʼate; innis sababii isaan warra erga inni duʼaa kaʼe isa argan sana amanuu didaniif, amantii dhabuu isaaniitii fi mata jabina isaaniitiif isaan ifate.
15 He said to them, "Go into all the world and proclaim the good news to all creation. Innis akkana isaaniin jedhe; “Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa.
16 Whoever believes and is baptized will be saved, but whoever does not believe will be condemned. Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.
17 And these signs will follow those who believe: in my name they'll drive out demons, speak in new tongues. Mallattoon kunis warra amanan irraa mulʼata; isaan maqaa kootiin hafuurota hamoo baasu; afaan haaraadhaan dubbatu;
18 They will pick up snakes with their hands; if they drink deadly poison, it won't harm them; they will lay hands on the sick, and they will recover." harka isaaniitiin bofa ni qabu; yoo summii nama ajjeesu dhugan isaan hin miidhu; harka isaanii namoota dhukkubsatan irra ni kaaʼu; namoonnis ni fayyu.”
19 After speaking to them, the Lord Jesus was taken up into heaven and sat at the right hand of our Father. Yesuus Gooftaan erga isaanitti dubbatee booddee samiitti ol fudhatamee gara mirga Waaqaatiin taaʼe.
20 They went out and preached everywhere, the Lord working with them, confirming his word through accompanying signs. Barattoonnis achii baʼanii iddoo hundatti lallaban; Gooftaanis isaan wajjin hojjechaa ture; dubbii isaas dinqiiwwan hojjetamaniin ni mirkaneessa ture.]
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]