1Since many have undertaken to compile an ordered account of what has been accomplished among us.ONOCVNamoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru;
2Just as eyewitnesses from the beginning and servants of the word handed these accounts to us,ONOCVkunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti.
3I too, having traced everything accurately from the start, decided to write it in order for you, most excellent Theophilus,ONOCVKanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera.
4so that you may know the certainty of the things you have been taught.ONOCVKunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.
5In the days of Herod, king of Judea, a priest named Zechariah was in Abijah's priestly division. His wife Elizabeth descended from Aaron.ONOCVBara Heroodis mootii Yihuudaa turetti ramaddii lubummaa Abiyaa keessaa luba Zakkaariyaas jedhamu tokkotu ture; niitiin isaa Elsaabeexis sanyii Aroon.
6They were both righteous before our Father, walking blamelessly in all his commandments and ordinances.ONOCVLamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan.
7But they had no child, because Elizabeth was barren, and both were very old.ONOCVGaruu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan.
8Now while he was serving as priest before our Father when his division was on duty,ONOCVZakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu,
9by priestly custom, lot chose him to enter his sanctuary and burn incense.ONOCVakkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame.
10And the whole crowd of the people were praying outside at the hour of incense.ONOCVYeroo ixaanni aarfamuttis namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan.
11Then an angel of our Father appeared to him, standing at the right of the altar of incense.ONOCVErgamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate.
12Zechariah was shaken when he saw him, and fear came over him.ONOCVZakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate.
13The angel said to him, "Don't be afraid, Zechariah—your prayer has been heard. Your wife Elizabeth will bear you a son; name him John.ONOCVErgamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi.
14You will have joy and gladness; many will rejoice at his birth.ONOCVAti ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu;
15He will be great before our Father, must never drink wine or other alcoholic drinks, and he will be filled with the Holy Spirit even from his mother's womb.ONOCVinni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama.
16And he will turn many of the children of Israel back to their Father.ONOCVSaba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa.
17He will go before our Father in Elijah's spirit and power, turning fathers' hearts to their children, and the disobedient to the wisdom of the righteous, to prepare a people ready for our Father."ONOCVInnis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.”
18Zechariah said to the angel, "How will I know this? I'm old, and my wife is well along in years."ONOCVZakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate.
19The angel answered him, "I am Gabriel, who stands in our Father's presence, sent to speak to you and bring you this good news.ONOCVErgamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera.
20And now you will be silent, unable to speak, until the day these things happen, because you did not believe my words, which will come true in their time."ONOCVKunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.”
21Meanwhile the people waited for Zechariah, wondering why he stayed so long in the sanctuary.ONOCVUummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture.
22When he came out, he could not speak to them, and they knew he had seen a vision in the sanctuary. He kept motioning to them and stayed mute.ONOCVGaruu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye.
23And when his days of service were ended, he went home.ONOCVInnis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe.
24After these days his wife Elizabeth became pregnant, and for five months she kept herself hidden, saying,ONOCVErgasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane.
25"This is what our Father did for me, in the days he looked on me, to remove my disgrace among people."ONOCVIsheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette.
26In month six our Father sent the angel Gabriel to a Galilee town called Nazareth,ONOCVJiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame;
27to a virgin engaged to a man named Joseph, of the house of David; the virgin's name was Mary.ONOCVinnis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture.
28And he came to her and said, "Greetings, favored one! Our Father is with you."ONOCVErgamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe.
29But she was greatly troubled by his words, and wondered what kind of greeting this might be.ONOCVMaariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde.
30The angel said to her, "Don't be afraid, Mary, for you have found favor with our Father.ONOCVErgamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii.
31You will conceive in your womb and bear a son, and you will call his name Jesus.ONOCVKunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta.
32He will be great and called Son of the Most High, and our Father will give him the throne of his father David,ONOCVInnis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf;
33and he will reign over Jacob's house forever; his kingdom will never end."ONOCVinni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.”
34And Mary said to the angel, "How will this be, since I am a virgin?"ONOCVMaariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte.
35The angel answered her, "The Holy Spirit will come over you, and the Most High's power will shadow you; so the holy child born will be called the Son of our Father.ONOCVErgamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama.
36Look, your relative Elizabeth has also conceived a son in her old age—this is the sixth month for her called barren.ONOCVKunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti.
37For nothing will be impossible with our Father."ONOCVWanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”
38Mary said, "I am the servant of our Father; let it happen to me as you said." Then the angel left her.ONOCVMaariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
39In those days Mary got up and hurried to the hill country, to a town in Judah,ONOCVYeroo sana Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe.
40and she entered the house of Zechariah and greeted Elizabeth.ONOCVIsheenis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte.
41When Elizabeth heard Mary's greeting, her baby leaped in her womb, and she was filled with the Holy Spirit.ONOCVElsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte.
42She cried out with a loud voice, "Blessed are you among women, blessed is the fruit of your womb!ONOCVIsheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha.
43And why is this granted to me, that the mother of my Lord should come to me?ONOCVGaruu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame?
44For the moment I heard your greeting, the baby in my womb leaped for joy.ONOCVKunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera.
45Blessed is she who believed that there would be a fulfillment of what our Father spoke to her."ONOCVWanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!”
46And Mary said, "My soul magnifies our Father,ONOCVMaariyaamis akkana jette: “Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;
47and my spirit rejoices in our Father, my Savior,ONOCVhafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada;
48for he has looked on the humble estate of his servant. For from now on all generations will call me blessed;ONOCVinni salphina garbittii isaa argeeraatii. Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;
49for the Mighty One has done great things for me, and holy is his name.ONOCVInni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii; maqaan isaa qulqulluu dha.
50And his mercy is for those who fear him from generation to generation.ONOCVAraarri isaas warra isa sodaataniif dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.
51He has shown strength with his arm; he has scattered the proud in the thoughts of their hearts;ONOCVInni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera; of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera.
52he has brought down the mighty from their thrones and lifted up the humble;ONOCVBulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera; gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.
53he has filled the hungry with good things, and the rich he has sent away empty.ONOCVWarra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera; sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.
54He has helped his servant Israel, in remembrance of his mercy,ONOCVInni araara qabeessa taʼuu isaa yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;
55just as he spoke to our fathers, to Abraham and to his offspring forever."ONOCVkunis akkuma inni abbootii keenyaaf, Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti.”
56And Mary remained with her about three months and then returned to her home.ONOCVMaariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite.
57Now the time came for Elizabeth to give birth, and she bore a son.ONOCVElsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse.
58Her neighbors and relatives heard our Father had shown her great mercy, and rejoiced with her.ONOCVOlloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan.
59On the eighth day they came to circumcise the child, and were going to call him Zechariah after his father,ONOCVIsaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan.
60but his mother answered, "No; he will be called John."ONOCVHaati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette.
61And they said to her, "None of your relatives is called by this name."ONOCVIsaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin.
62And they made signs to his father, asking what Zechariah wanted the child to be called.ONOCVNamoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan.
63He asked for a tablet and wrote, "His name is John." And everyone was amazed.ONOCVInnis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan.
64And immediately his mouth was opened and his tongue loosed, and he spoke, blessing our Father.ONOCVYommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe.
65Fear fell on all their neighbors, and all these things were talked about throughout Judea's hill country.ONOCVOlloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame.
66And all who heard kept these things in their hearts, saying, "What then will this child become?" For our Father's hand was with him.ONOCVWarri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii.
67And his father Zechariah was filled with the Holy Spirit and prophesied, saying,ONOCVZakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate:
68"Blessed be our Father of Israel, for he has visited and redeemed his people,ONOCV“Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
69and has raised up a mighty Savior for us in the house of his servant David,ONOCVInni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera;
70as he spoke through the mouth of his holy prophets long ago,ONOCVakkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti
71that we should be saved from our enemies and from the hand of all who hate us;ONOCVdiinota keenya jalaa, harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee
72to show the mercy promised to our fathers and to remember his holy covenant,ONOCVaraara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf, kakuu isaa qulqulluu,
73the oath that he swore to our father Abraham, to grant us,ONOCVinni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf,
74that we, being delivered from the hand of our enemies, might serve him without fear,ONOCVharka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf, akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf,
75in holiness and righteousness before him all our days.ONOCVakka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan, fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.
76And you, child, will be called the prophet of the Most High; for you will go before the Lord to prepare his ways,ONOCV“Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta; ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii;
77to give his people the knowledge of salvation through the forgiveness of their sins,ONOCVkunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennituuf;
78because of the tender mercy of our Father, by which the sunrise from on high will visit us,ONOCVsababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu,
79to give light to those who sit in darkness and in the shadow of death, to guide our feet into the way of peace."ONOCVwarra dukkana keessa, gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf; miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf.”
80The child grew, became strong in spirit, and lived in the wilderness until the day he appeared publicly to Israel.ONOCVMucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate.