Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Luke 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In those days Caesar Augustus issued a decree to register the whole inhabited world. Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe.
2 This was the first registration, when Quirinius was governor of Syria. Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame.
3 Everyone went to be registered, each to his own town. Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.
4 Joseph too went up from Galilee, from the town of Nazareth, to Judea, to the city of David called Bethlehem, since he belonged to David's house and family, Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe.
5 to be registered with Mary, his fiancée, who was expecting a child. Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe.
6 While they were there, the time came for her to give birth. Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe.
7 She gave birth to her firstborn son, wrapped him in cloths, and laid him in a manger, because the inn had no place for them. Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
8 Shepherds were in that same region, staying out in the fields, keeping watch over their flock by night. Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture.
9 An angel of our Father stood before them; the glory of our Father shone around them, and great fear seized them. Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan.
10 The angel told them, "Don't be afraid—I bring good news of great joy for everyone: Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.
11 Today in the city of David, a Savior was born to you—Christ the Lord. Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha.
12 This is your sign: you'll find a baby wrapped in cloths, lying in a manger." Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.”
13 Suddenly there was with the angel a multitude of the heavenly host, praising our Father and saying, Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan;
14 "Glory to our Father in the highest, and on earth peace among those with whom he is pleased!" “Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf, lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu.”
15 When the angels left them for heaven, the shepherds said to each other, "Let's go straight to Bethlehem and see this thing that has happened, which our Father has made known to us." Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
16 They hurried off and found Mary and Joseph, and the baby lying in the manger. Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan.
17 When they saw him, they made known what had been told them about this child. Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan;
18 All who heard were amazed at what the shepherds told them. warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan.
19 But Mary treasured up all these things, pondering them in her heart. Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte.
20 The shepherds returned, glorifying and praising our Father for all they'd heard and seen, just as they were told. Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.
21 When eight days for his circumcision were complete, he was named Jesus, the name the angel gave before he was conceived in the womb. Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura ergamaan Waaqaa isaaf baaseen Yesuus jedhamee moggaafame.
22 When their days of purification under the Law of Moses ended, they brought him up to Jerusalem to present him to our Father, Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan.
23 (as it is written in our Father's Law, "Every firstborn male will be called holy to our Father"), Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”
24 and to offer a sacrifice as the Law of our Father says: a pair of turtledoves or two young pigeons. Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.
25 In Jerusalem lived a man named Simeon, righteous and devout, waiting for Israel's comfort, with the Holy Spirit on him. Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.
26 The Holy Spirit had revealed to him he wouldn't die before seeing our Father's Christ. Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture.
27 Prompted by the Spirit, he entered the temple. As the parents brought in the child Jesus to do for him what the Law required, Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti,
28 Simeon took him up in his arms and blessed our Father, saying, Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:
29 "Sovereign Father, now you are letting your servant depart in peace, according to your word. “Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti, ati garbicha kee amma nagaan geggeessis.
30 For my eyes have seen your salvation, Iji koo fayyina kee isa ati
31 which you have prepared in the presence of all peoples: saba hundumaa duratti qopheessite argeera;
32 a light for revelation to the Gentiles, and for glory to your people Israel." innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa; saba kee Israaʼeliif immoo ulfina.”
33 His father and mother were amazed at what was said about him. Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan.
34 And Simeon blessed them and told Mary, his mother, "This child is appointed for the fall and rising of many in Israel, and to be a sign that is opposed, Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera;
35 and a sword will pierce through your own soul also—so that thoughts from many hearts may be revealed." kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”
36 Also there was Anna, a woman prophet, daughter of Phanuel of Asher's tribe, very old, having lived with her husband seven years after her virginity, Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte;
37 and a widow until eighty-four, never leaving the temple, worshiping with fasting and prayer night and day. isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte.
38 Coming up at that same hour, she gave thanks to our Father and spoke of the child to all awaiting Jerusalem's redemption. Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.
39 When they finished everything required by our Father's Law, they returned to Galilee, to their own town of Nazareth. Yoosefii fi Maariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan.
40 The child grew, becoming strong, filled with wisdom, and our Father's favor was on him. Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture.
41 Now his parents went to Jerusalem every year at the Feast of Passover. Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan.
42 When he was twelve years old, they went up according to the custom of the feast. Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan.
43 When the festival ended and they left for home, the boy Jesus stayed behind in Jerusalem, unknown to his parents. Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Yesuus mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne.
44 Thinking he was in the group, they traveled a day's journey, then searched for him among relatives and acquaintances. Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban.
45 When they did not find him, they returned to Jerusalem, searching for him. Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan.
46 After three days they found him in the temple, sitting among the teachers, listening to them and asking them questions. Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan.
47 All who heard him were amazed at his understanding and his answers. Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan.
48 When his parents saw him, they were astonished. His mother said, "Child, why have you done this to us? Look, your father and I have been anguished, searching for you." Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen.
49 He said to them, "Why were you searching for me? Didn't you know I must be in my Father's house?" Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?” isaaniin jedhe.
50 But they did not understand the saying that he spoke to them. Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.
51 Then he went down with them and came to Nazareth, remaining obedient to them. His mother kept all these things in her heart. Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.
52 Jesus increased in wisdom and stature and in favor with our Father and with people. Yesuusis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]