Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Luke 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In Tiberius Caesar's fifteenth year, when Pontius Pilate was governor of Judea, Herod was tetrarch of Galilee, his brother Philip of the region of Ituraea and Trachonitis, and Lysanias of Abilene, Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan;
2 under high priests Annas and Caiaphas, our Father's word came to John son of Zechariah in the wilderness. yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe.
3 He went through the whole Jordan region, preaching a baptism of repentance for the forgiveness of sins, Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme.
4 as it is written in the book of the words of Isaiah the prophet: "A voice of one calling in the wilderness: Prepare the way for the Lord, make his paths straight. Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha: “Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo: ‘Karaa Gooftaa qopheessaa; daandii isaas qajeelchaa.
5 Every valley will be filled in, and every mountain and hill made low. The crooked roads will become straight, and the rough ways smooth, Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu. Karaan jalʼaan ni qajeela; daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama.
6 and all flesh will see the salvation of our Father." Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’ ”
7 John said then to the crowds coming to be baptized by him: "You brood of vipers! Who warned you to flee the coming wrath? Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?
8 So produce fruit worthy of repentance. Don't start telling yourselves, 'We have Abraham as our father.' For I tell you, our Father can raise up children for Abraham from these stones. Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.
9 Already the axe lies at the root of the trees; every tree not bearing good fruit is cut down and thrown into the fire." Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.”
10 And the crowds asked him, "What then should we do?" Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan.
11 He replied, "Whoever has two shirts, share with the one who has none; whoever has food, do the same." Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen.
12 Tax collectors also came to be baptized, and they said to him, "Teacher, what should we do?" Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan.
13 "Collect no more than you are required to," he told them. Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen.
14 Soldiers also asked him, "And us—what should we do?" He said to them, "Don't extort anyone by force or false charges; be satisfied with your wages." Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen.
15 The people were expectant, all wondering in their hearts whether John himself might be the Christ. Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, “Yohannis kun inni Kiristoos taʼinnaa laata?” jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan.
16 John answered them all, "I baptize you with water. But one stronger than I is coming—I'm not worthy to untie his sandal strap. He will baptize you with the Holy Spirit and fire. Yohannis akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; “Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.
17 Winnowing fork in hand, he will clear his threshing floor, gather the wheat into his barn, but burn the chaff with fire that can't be put out." Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
18 And with many other words of exhortation, John proclaimed the good news to the people. Yohannisis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee wangeelas isaanitti lallabe.
19 But John confronted Herod the tetrarch about Herodias, his brother's wife, and about all the evil Herod had done, Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate,
20 Herod added this to all the rest: he locked John up in prison. hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe.
21 When all the people were baptized, Jesus was baptized too. As he prayed, heaven opened, Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee,
22 and the Holy Spirit descended on him in bodily form like a dove. And a voice came from heaven: "You are my beloved Son; in you I delight." Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.
23 Jesus was about thirty when he began his ministry, the son—so it was thought—of Joseph, son of Heli, Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture: ilma Eelii,
24 the son of Matthat, the son of Levi, the son of Melchi, the son of Jannai, the son of Joseph, ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Melkii, ilma Yaanaa, ilma Yoosef,
25 the son of Mattathias, the son of Amos, the son of Nahum, the son of Esli, the son of Naggai, ilma Maataatiyaas, ilma Amoos, ilma Naahoom, ilma Asiiliim, ilma Naagee,
26 the son of Maath, the son of Mattathias, the son of Semein, the son of Josech, the son of Joda, ilma Maaʼat, ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi, ilma Yoosef, ilma Yoodaa,
27 the son of Joanan, the son of Rhesa, the son of Zerubbabel, the son of Shealtiel, the son of Neri, ilma Yoonaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel, ilma Neeri,
28 the son of Melchi, the son of Addi, the son of Cosam, the son of Elmadam, the son of Er, ilma Melkii, ilma Hadii, ilma Qoosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer,
29 the son of Joshua, the son of Eliezer, the son of Jorim, the son of Matthat, the son of Levi, ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer, ilma Yoorim, ilma Maataat, ilma Lewwii,
30 the son of Simeon, the son of Judah, the son of Joseph, the son of Jonam, the son of Eliakim, ilma Simiʼoon, ilma Yihuudaa, ilma Yoosef, ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem,
31 the son of Melea, the son of Menna, the son of Mattatha, the son of Nathan, the son of David, ilma Meeleyaa, ilma Mennaa, ilma Maataataa, ilma Naataan, ilma Daawit,
32 the son of Jesse, the son of Obed, the son of Boaz, the son of Salmon, the son of Nahshon, ilma Isseey, ilma Yoobeed, ilma Boʼeez, ilma Salmoon, ilma Nahishoon,
33 the son of Amminadab, the son of Admin, the son of Arni, the son of Hezron, the son of Perez, the son of Judah, ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam, ilma Hezroon, ilma Faares, ilma Yihuudaa,
34 the son of Jacob, the son of Isaac, the son of Abraham, the son of Terah, the son of Nahor, ilma Yaaqoob, ilma Yisihaaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahoor,
35 the son of Serug, the son of Reu, the son of Peleg, the son of Eber, the son of Shelah, ilma Seruug, ilma Reʼuu, ilma Feleg, ilma Eeber, ilma Saalaa,
36 the son of Cainan, the son of Arphaxad, the son of Shem, the son of Noah, the son of Lamech, ilma Qaayinaam ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamehi,
37 the son of Methuselah, the son of Enoch, the son of Jared, the son of Mahalalel, the son of Cainan, ilma Matuuselaa, ilma Henook, ilma Yaared, ilma Mahalaleel, ilma Keenaan,
38 the son of Enosh, the son of Seth, the son of Adam, the son of our Father. ilma Enoos, ilma Seeti, ilma Addaam, ilma Waaqaa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]