Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Mark 15 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 At dawn the chief priests, elders, scribes, and the whole council consulted together, bound Jesus, led him away, and handed him over to Pilate. Ganama barii luboonni hangafoonni, maanguddoota, barsiistota seeraatii fi guutummaa yaaʼii Yihuudootaa wajjin mariʼatanii Yesuusin hidhanii, geessanii Phiilaaxoositti dabarsanii kennan.
2 Pilate asked him, "Are you the King of the Jews?" "You say so," Jesus replied. Phiilaaxoosis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
3 The chief priests kept accusing him of many things. Luboonni hangafoonni waan baayʼeedhaan isa himatan.
4 So Pilate questioned him again: "Have you no answer? See how many charges they bring against you." Phiilaaxoos amma illee, “Ati deebii hin kennituu? Isaan waan meeqaan akka si himatan mee ilaali” jedhee isa gaafate.
5 But Jesus said nothing more, and Pilate was amazed. Yesuus garuu amma illee deebii tokko iyyuu hin kennine; Phiilaaxoosis ni dinqisiifate.
6 Now at the festival, Pilate used to release one prisoner for them—whoever they asked for. Innis nama hidhame kan sabni gaafate tokko Guyyaa Ayyaanaa hunda gad dhiisa ture.
7 A man called Barabbas was in prison with the rebels who had committed murder during the uprising. Namichi Barabbaas jedhamu tokko finciltoota goolii kaasanii nama ajjeesan wajjin mana hidhaa keessa ture.
8 The crowd came up and began asking Pilate to do for them what he always did. Uummanni sunis Phiilaaxoos bira dhaqee akka inni waan duraan gochaafii ture sana isaanii godhu isa kadhate.
9 "Do you want me to release for you the King of the Jews?" Pilate answered, Phiilaaxoos garuu, “Akka ani mootii Yihuudootaa gad isinii dhiisu barbaadduu?” jedhee gaafate;
10 for he knew it was out of envy that the chief priests had handed him over. inni akka luboonni hangafoonni hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
11 But the chief priests stirred up the crowd to have him release Barabbas for them instead. Luboonni hangafoonni garuu akka Phiilaaxoos qooda Yesuus Barabbaasin gad dhiisu akka isa kadhataniif namoota kakaasan.
12 "So what do you want me to do with the one you call King of the Jews?" Pilate asked them again. Phiilaaxoosis, “Yoos namicha isin mootii Yihuudootaa jettaniin kana maal godhu ree?” jedhee amma illee isaan gaafate.
13 Crucify him!" they shouted back. Isaan amma illee, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
14 "Why? What evil has he done?" Pilate asked. But they shouted all the louder, "Crucify him!" Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
15 To satisfy the crowd, Pilate released Barabbas to them. He had Jesus flogged, and handed him over to be crucified. Kanaafuu Phiilaaxoos namoota gammachiisuuf jedhee Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
16 Soldiers led him away into the palace (the governor's headquarters) and called together the whole company of soldiers. Ergasii loltoonni Yesuusin mana bulchaatti, jechuunis Piraayitooriyoonitti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman.
17 They dressed him in purple, twisted together a crown of thorns, and set it on him. Uffata dhiilgee itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan.
18 And they began to salute him: "Hail, King of the Jews!" Isaanis, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban.
19 They kept beating his head with a staff, spat on him, and knelt in mock homage to him. Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif.
20 After mocking him, they stripped off the purple and put his own clothes on him, then led him out to crucify him. Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
21 They forced a passerby coming from the countryside—Simon of Cyrene, father of Alexander and Rufus—to carry his cross. Isaanis namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufee achiin darbaa jiruu arganii akka inni fannoo Yesuus baatuuf isa dirqisiisan. Namichi kunis abbaa Iskindiroosii fi Ruufoosii ti.
22 They brought Jesus to the place called Golgotha (which means Place of a Skull). Isaanis iddoo Golgootaa jedhamutti Yesuusin geessan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha.
23 They offered him wine mixed with myrrh, but he did not take it. Jarris akka inni daadhii wayinii kan qumbiin walitti makame dhuguuf kennaniif; inni garuu fudhachuu dide.
24 They crucified him. They divided his clothes among them, casting lots for what each would get. Isaanis isa fannisan. Uffata isaas gargar qoodatanii tokkoon tokkoon namaa maal akka argatu murteessuuf ixaa buufatan.
25 It was nine in the morning when they crucified him. Yeroon isaan itti isa fannisanis ganama saʼaatii sadii ture.
26 The written notice of the charge against him read: THE KING OF THE JEWS. Katabbiin waan inni ittiin himatamee kan, Mooticha Yihuudootaa, jedhu mataa isaatiin ol ture.
27 They crucified two rebels with him, one on his right and one on his left. Hattoota lamas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannisan. [
28 Not in this edition Kanaanis dubbiin kitaabni, “Inni akka seera cabsitootaatti lakkaaʼame” jedhu sun ni raawwatame.]
29 Those passing by insulted him, shaking their heads, saying, "Ha! You who tear down the temple and build it in three days, Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, “Muu! Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu,
30 save yourself and come down from the cross!" mee fannoo irraa gad buʼiitii of oolchi!” jedhan.
31 Likewise the chief priests and scribes mocked him among themselves: "He saved others; himself he can't save. Akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa wajjin itti qoosan. Akkanas jedhan; “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu!
32 Let the Christ, King of Israel, come down from the cross now, so we can see and believe." Those crucified with him also insulted him. Akka nu arginee amannuuf Kiristoos mootichi Israaʼel kun mee amma fannoo irraa gad haa buʼu.” Warri isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
33 At noon, darkness came over the whole land until three in the afternoon. Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe.
34 At three in the afternoon Jesus cried out loudly, "Eloi, Eloi, lema sabachthani?" meaning, "My God, my God, why have you forsaken me?" Saʼaatii sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee! Eloohee! Laamaa Sabaqtaanii?” jedhee iyye. Hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko! Yaa Waaqa ko! Ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
35 When some of those standing nearby heard this, they said, "Listen, he's calling Elijah." Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Ilaa, inni Eeliyaasin waamaa” jedhan.
36 One ran, filled a sponge with sour wine, put it on a reed, and gave him a drink. "Let him be," he said, "let's see if Elijah comes to take him down." Namichi tokkos fiigee, ispoonjii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kennee, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee gad isa buusu arginaatii” jedhe.
37 With a loud cry, Jesus breathed his last. Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee hafuura dhumaa baafate.
38 And the curtain of the temple was torn in two from top to bottom. Golgaan mana qulqullummaas olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe.
39 The centurion facing Jesus saw how he breathed his last and said, "Truly this man was the Son of God." Ajajaan dhibbaa kan fuula Yesuus dura dhaabachaa tures yommuu iyyuu Yesuus dhagaʼee akka inni itti hafuura dhumaa baafate argetti, “Dhugumaanuu namichi kun Ilma Waaqaa ture!” jedhe.
40 Women were also watching from a distance, including Mary Magdalene, Mary the mother of James the younger and Joses, and Salome. Dubartoonni tokko tokkos fagoodhaa ilaalaa turan. Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuutii fi Yoosaa akkasumas Saloomee turan.
41 These women had followed him in Galilee and served him; many others who came up with him to Jerusalem were also there. Isaanis yeroo inni Galiilaa turetti isa duukaa buʼanii isa tajaajilaa turan. Dubartoonni isa wajjin Yerusaalemitti ol baʼan baayʼeen kaanis achi turan.
42 Evening had come, and since it was Preparation Day—the day before the Sabbath. Guyyaan sun Guyyaa Qophii jechuunis guyyaa Sanbataan duraa ture. Yommuu galgalaaʼettis,
43 Joseph of Arimathea, a prominent council member who himself was waiting for the kingdom of our Father, dared to go to Pilate and ask for Jesus' body. Yoosef namni Armaatiyaa, miseensi yaaʼii beekamaan kan mataan isaa mootummaa Waaqaa eeggachaa ture tokko ija jabinaan gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate.
44 Pilate was surprised he was already dead; summoning the centurion, he asked if Jesus had been dead long. Phiilaaxoosis yommuu akka inni duʼe dhagaʼetti ni dinqifate. Ajajaa dhibbaa sanas ofitti waamee Yesuus erga duʼee turuu fi turuu baachuu isaa gaafate.
45 When he learned from the centurion that it was so, he granted the body to Joseph. Akka inni duʼes ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee booddee reeffa sana Yoosefiif kenne.
46 Joseph bought linen, took the body down, wrapped it in the cloth, and laid it in a tomb cut from rock. Then he rolled a stone against the tomb's entrance. Yoosefis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame bitee, reeffa sana gad buusee, huccuu sanaan kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotate keessa kaaʼe. Dhagaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee cufe.
47 Mary Magdalene and Mary the mother of Joses saw where he was laid. Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam haati Yoosaa lafa inni kaaʼame ni argan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]