1Two days before Passover and Unleavened Bread, the chief priests and scribes were looking for a way to seize Jesus by trickery and kill him.ONOCVEgaa Faasiikaa fi Ayyaana Maxinootiif guyyaa lama qofatu hafe; luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa haxxummaadhaan Yesuusin qabanii ajjeesuuf mariʼachaa turan.
2For they said, "Not during the feast, or the people might riot."ONOCVIsaanis, “Garuu akka namoonni goolii hin kaafneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
3While he was in Bethany, in Simon the leper's house, reclining at the table, a woman came with an alabaster flask of pure nard perfume, very costly. She broke the flask and poured it on his head.ONOCVUtuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
4There were some who said to themselves indignantly, "Why was this perfume wasted like that?ONOCVNamoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif?
5For this perfume could have sold for over 300 denarii and given to the poor." And they scolded her.ONOCVSilaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman.
6But Jesus said, "Leave her alone. Why trouble her? She has done a beautiful thing for me.ONOCVYesuus garuu akkana jedhe; “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
7For the poor are always with you, and you can do good for them whenever you want; but you won't always have me.ONOCVHiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
8She has done what she could; she has anointed my body beforehand for burial.ONOCVIsheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo awwaalaaf dibde.
9Truly, I tell you, wherever the gospel is preached worldwide, what she did will be told in memory of her."ONOCVAni dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
10Then Judas Iscariot, one of the twelve, went to the chief priests to betray Jesus to them.ONOCVErgasiis warra Kudha Lamaan keessaa tokko, Yihuudaa Keeriyotichi, Yesuusin dabarsee isaanitti kennuuf jedhee gara luboota hangafootaa dhaqe.
11Hearing this, they were glad and promised him money. So he looked for a chance to betray Jesus.ONOCVIsaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii, maallaqa isaaf kennuuf waadaa galan. Kanaafuu Yihuudaan dabarsee isa kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
12On the first day of Unleavened Bread, when they sacrificed the Passover lamb, his disciples asked him, "Where do you want us to go and prepare for you to eat the Passover?"ONOCVGuyyaa jalqaba Ayyaana Maxinoo, yeroo itti hoolaan Faasiikaa qalamutti barattoonni Yesuus, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf nu eessa dhaqnee akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
13He sent two of his disciples, "Go into the city; a man carrying a jar of water will meet you. Follow him,ONOCVInnis barattoota isaa keessaa nama lama erge; akkanas isaaniin jedhe; “Magaalaa seenaa; namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa; isa duukaa buʼaa.
14and wherever he enters, tell the house's owner, 'The Teacher says: Where is my guest room, where I may eat the Passover with my disciples?'ONOCVAbbaa mana namichi sun seenuutiinis, ‘Barsiisaan, manni keessumaa ko, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessa? jedhee gaafata’ jedhaa.
15And he will show you a large upper room furnished and ready; there prepare for us."ONOCVAbbaan manaa sunis darbii balʼaa miidhagfamee qopheeffame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti nuuf qopheessaa.”
16The disciples left, went to the city, found things as he had told them, and prepared the Passover.ONOCVBarattoonnis kaʼanii magaalaa sana seenanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
17And when it was evening, Jesus came with the twelve.ONOCVYesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin achi gaʼe.
18While they reclined and ate, Jesus said, "Truly, I tell you, one of you will betray me, one eating with me."ONOCVUtuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu Yesuus, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko, kan amma na wajjin nyaachuutti jiru dabarsee na kenna” jedheen.
19They began to grieve and ask him, one by one, "Is it I?"ONOCVIsaanis gaddanii, tokko tokkoon, “Na taʼinnaa laata?” jechuu jalqaban.
20He said to them, "One of the twelve, dipping bread with me into the dish.ONOCVInnis akkana jedhee deebise; “Namichi sun warra kudha Lamaan keessaa tokkoo dha. Innis isa na wajjin gabatee keessaa cuuphatuu dha.
21The Son of Man goes as the Scriptures said about him, but how terrible for that man who betrays him—better if he had never been born."ONOCVIlmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
22As they ate, he took bread, blessed it, broke it, gave it to them, and said, "Take; this is my body."ONOCVUtuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa; kun foon koo ti” jedhee isaaniif kenne.
23He took a cup, gave thanks, gave it to them, and they all drank from it.ONOCVXoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; hundi isaaniis xoofoo sana irraa dhugan.
24He said to them, "This is my blood of the covenant, poured out for many.ONOCVInnis akkana isaaniin jedhe; “Kun dhiiga ko, dhiiga kakuu haaraa kan namoota baayʼeef dhangalaafamuu dha.
25Truly I tell you, I will not drink wine again until that day when I drink it new in the kingdom of our Father."ONOCVAni dhuguma isinitti nan hima; ani hamman guyyaa sana mootummaa Waaqaa keessatti deebiʼee dhugutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu.”
26And when they had sung a hymn, they went out to the Mount of Olives.ONOCVIsaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
27Jesus said to them, "You will all stumble, for it's written: 'I will strike the shepherd, and the sheep will be scattered.'ONOCVYesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Ani tiksee nan rukuta; hoolonnis ni bittinneeffamu.’
28But after I am raised up, I will go ahead of you to Galilee."ONOCVAni garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
29Peter said to him, "Even though they all fall away, I will not."ONOCVPhexros garuu, “Yoo namni hundinuu gufate iyyuu ani hin gufadhu” jedheen.
30Jesus said to him, "Truly I tell you, today, this night, before the rooster crows twice, you will deny me three times."ONOCVYesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati harʼa, edanuma utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, yeroo sadii na ganta” jedheen.
31But he insisted, "Even if I must die with you, I will never deny you." They all said the same.ONOCVPhexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedhee jabeessee dubbate. Hundi isaaniis akkasuma jedhan.
32They arrived at a place called Gethsemane, and he told his disciples, "Sit here while I pray."ONOCVIsaanis iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqan; Yesuusis barattoota isaatiin, “Hamma ani kadhadhutti isin as taaʼaa” jedhe.
33He took Peter, James, and John, and began to feel deep distress and anguish.ONOCVInnis Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin of faana fudhatee, akka malee dhiphachuu fi yaaddaʼuus jalqabe.
34He said to them, "My soul is crushed with grief, to death. Stay here and stay alert."ONOCVInnis, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii dammaqaa” jedheen.
35Going a little farther, he fell to the ground and prayed that, if possible, the hour would pass from him.ONOCVInnis xinnoo achi hiiqee lafatti gombifamee, yoo dandaʼame akka saʼaatiin sun isa irra darbituuf kadhate.
36He said, "Abba, Father, all things are possible for you. Take this cup from me—but let it be your will, not mine."ONOCVInnis, “Aabbaa, yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhe.
37He returned, found them asleep, and said to Peter, "Simon, are you asleep? Couldn't you stay awake one hour?ONOCVInnis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Simoon, ati amma illee inuma raftaa? Saʼaatii tokkittii illee dammaquu hin dandeenyee?
38Watch and pray, so you don't fall into temptation. The spirit is willing, but the flesh is weak."ONOCVIsin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
39And again he went away and prayed, saying the same words.ONOCVAmmas achi hiiqee waanuma duraan kadhate sana kadhate.
40Again he found them sleeping, eyes heavy, not knowing how to answer him.ONOCVInni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. Isaanis akka maal jedhanii deebisaniif hin beekne.
41He came a third time and said, "Still sleeping and resting? Enough—the hour has come. Look, the Son of Man is handed over into the hands of sinners.ONOCVYeroo sadaffaas deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Ni gaʼa! Saʼaatiin sun gaʼeera. Kunoo, Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
42Rise, let us be going; see, my betrayer is here."ONOCVKaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
43While he was still speaking, Judas—one of the twelve—arrived, and with him a crowd with swords and clubs from the chief priests, scribes, and elders.ONOCVUtuma inni dubbachaa jiruus, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafoota, barsiistota seeraatii fi maanguddoota biraa ergames goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
44His betrayer had given them a signal: "The one I kiss is him—seize him and take him away securely."ONOCVInni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaatii eegaa isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
45He came up to Jesus at once, said, "Rabbi!" and kissed him.ONOCVYihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Yaa Barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
46And they laid hands on him and seized him.ONOCVNamoonni sun Yesuusin qabanii hidhan.
47One of the bystanders drew his sword, struck the high priest's servant, and cut off his ear.ONOCVWarra achi dhadhaabachaa turan keessaa inni tokko garuu goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
48Jesus said to them, "Have you come out with swords and clubs to seize me, like a robber?ONOCVYesuusis akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii?
49Every day I was with you in the temple teaching, and you didn't arrest me. But let the Scriptures be fulfilled."ONOCVAni guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa isin wajjin ture; isinis na hin qabne. Garuu Katabbiiwwan Qulqulluun raawwatamuu qabu.”
50And they all left him and fled.ONOCVIsaan hundinuus isa dhiisanii baqatan.
51And a young man followed him, wearing nothing but a linen cloth. And they seized the young man,ONOCVDargaggeessi tokkos uffata quncee talbaa irraa hojjetame tokko qullaa isaa irra buufatee Yesuus faana deemaa ture. Yeroo isa qabanittis,
52but he left the linen cloth and ran away naked.ONOCVdargaggeessi sun uffata isaa dhiisee, qullaa isaa harkaa baʼe.
53They led Jesus to the high priest, and all the chief priests and elders and scribes gathered.ONOCVIsaanis Yesuusin luba ol aanaatti geessan; luboonni hangafoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa hundinuu walitti qabaman.
54Peter had followed at a distance, all the way into the high priest's courtyard, and sat with the guards, warming himself by the fire.ONOCVPhexrosis hamma dallaa luba ol aanaa keessaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waardiyyoota wajjin ibidda bira taaʼee qaqqaammachaa ture.
55The chief priests and the whole council sought testimony against Jesus to put him to death, but found none.ONOCVLuboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne.
56For many gave false testimony against him, but their testimony did not agree.ONOCVNamoonni baayʼeen sobaan isatti dhugaa baʼan; dhuga baʼumsi isaanii garuu tokko hin taane.
57And some stood up and gave false testimony against him, saying,ONOCVTokko tokko immoo kaʼanii akkana jedhaanii sobaan isatti dhugaa baʼan:
58"We heard him say, 'I will destroy this temple made by hands, and in three days build another not made by hands.'"ONOCV“ ‘Mana qulqullummaa kan harka namaatiin ijaarame kana diigee kan biraa kan harka namaatiin hin ijaaramin guyyaa sadii keessatti deebisee nan ijaara’ jechuu isaa dhageenyeerra.”
59Yet even about this their testimony did not agree.ONOCVHaa taʼuu malee dhuga baʼumsi isaanii amma illee tokko hin taane.
60The high priest stood up in the midst and asked Jesus, "You have no answer? What are these men testifying against you?"ONOCVLubichi ol aanaanis kaʼee fuula isaanii dura dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate.
61He stayed silent, answered nothing. Again the high priest asked him, "Are you the Christ, the Son of the Blessed?"ONOCVYesuus garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine. Lubichi ol aanaan ammas, “Kiristoos Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?” jedhee isa gaafate.
62Jesus said, "I AM, and you will see the Son of Man seated at the right hand of the Mighty One and coming with heaven's clouds."ONOCVYesuusis, “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
63And the high priest tore his clothes and said, "What further witnesses do we need?ONOCVLubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa?
64You have heard his blasphemy. What is your decision?" And they all condemned him as deserving death.ONOCVWaaqa arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?” Hundi isaaniis duʼatu isaaf mala jedhanii isatti muran.
65Some began spitting on him, covering his face, and punching him, saying to him, "Prophesy!" Then the guards slapped him.ONOCVNamoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan.
66While Peter was below in the courtyard, one of the high priest's servant girls came,ONOCVUtuu Phexros dallaa sana keessa gara gadii jiruu xomboreewwan luba ol aanaa keessaa tokko dhufte.
67seeing Peter warming himself, she looked at him and said, "You too were with the Nazarene, Jesus."ONOCVIsheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argite; hubattees isa ilaalte. Isheenis, “Atis Yesuus nama Naazreeti sana wajjin turte” jetteen.
68But he denied it: "I don't know or understand what you mean." Then he went out to the entrance, and a rooster crowed.ONOCVInni garuu, “Ani waan ati jettu hin beeku; naaf hin galus” jedhee gane. Karra dallaatiinis gad baʼe; indaanqoonis ni iyye.
69The servant girl saw him and again told the bystanders, "This man is one of them."ONOCVXomboreen sun ammas isa argitee warra achi dhadhaabataniin, “Namichi kun jara keessaa tokkoo dha” jette.
70But he denied it again. A little later the bystanders again told Peter, "You truly are one of them, for you're a Galilean."ONOCVInni garuu ammas ni gane. Yeroo xinnoo booddee immoo warri achi dhadhaabachaa turan Phexrosiin, “Atis nama Galiilaa waan taateef dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha!” jedhaniin.
71He began to call down curses on himself and swear, "I don't know this man you're talking about."ONOCVInnis, “Ani namicha isin waaʼee isaa dubbattan kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.
72At once a rooster crowed a second time. Peter remembered Jesus' words: "Before the rooster crows twice, you will deny me three times." He broke down and wept.ONOCVYommusuma indaanqoon lammata iyye. Phexrosis dubbii Yesuus, “Utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, ati yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadatee booʼe.