Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 5 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 After this there was a feast of the Jews, and Jesus went up to Jerusalem. Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol baʼe.
2 By the Sheep Gate in Jerusalem is a pool with five covered porches, called Bethesda in Aramaic. Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba.
3 In these lay a multitude of the sick—blind, lame, and paralyzed. Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [
4 Not in this edition Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]
5 One man was there who had been sick for thirty-eight years. Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture.
6 Seeing him lying there and knowing he had already been there a long time, Jesus asked, "Do you want to be healed?" Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, “Ati fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
7 The sick man answered him, "Sir, I have no one to put me in the pool once the water stirs—while I'm on my way, someone else gets in first." Dhukkubsataan sunis, “Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena” jedheen.
8 Jesus said to him, "Get up, take up your mat, and walk." Kana irratti Yesuus, “Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi” jedheen.
9 At once the man became well, picked up his mat, and walked. That day was the Sabbath. Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme. Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture;
10 So the Jews told the healed man, "It's the Sabbath—you're not allowed to carry your mat." Yihuudoonnis namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata; seerri siree kee baachuu si dhowwa” jedhaniin.
11 He answered them, "The man who healed me told me, 'Take up your mat and walk.'" Inni garuu, “Namicha na fayyisetu ‘Siree kee fudhadhuu deemi’ naan jedhe” jedheen.
12 They asked him, "Who is the man who told you, 'Take it up and walk'?" Isaanis, “Namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan.
13 But the healed man didn't know who it was, since Jesus had slipped away into the crowd there. Namichi fayye sun sababii Yesuus achi hiiqee tuuta iddoo sana ture keessa seeneef inni eenyu akka taʼe hin beekne.
14 Later Jesus found him in the temple and said, "You are healed now. Stop sinning, or something worse may happen to you." Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, “Ati kunoo amma fayyiteerta. Wanni kana caalu akka sitti hin dhufneef siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.
15 The man went away and told the Jews that it was Jesus who had made him well. Namichis dhaqee kan isa fayyise Yesuus akka taʼe Yihuudootatti hime.
16 And so the Jews began persecuting Jesus, because he was doing these things on the Sabbath. Kanaafuu sababii inni Sanbataan waan kana hojjeteef, Yihuudoonni Yesuusin ariʼachuu jalqaban.
17 But Jesus answered them, "My Father is working until now, and I too am working." Yesuus garuu, “Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira” isaaniin jedhe.
18 So the Jews sought even more to kill him: he not only broke the Sabbath but called our Father his own Father, making himself equal to him. Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.
19 So Jesus said to them, "Truly, truly, I tell you: the Son can do nothing on his own, but only what he sees the Father doing. Whatever the Father does, the Son does the same. Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Ilmi ofii isaatiin waan tokko illee hojjechuu hin dandaʼu; inni waanuma utuu Abbaan isaa hojjetuu arge qofa hojjechuu dandaʼa; waanuma Abbaan hojjetu Ilmis akkasuma hojjetaatii.
20 "For the Father loves the Son and shows him everything he does; he will show him greater works than these, so you will be amazed. Abbaan Ilma ni jaallataatii; waan hojjetu hundumas isatti ni argisiisa. Akka isin dinqisiifattaniifis inni hojiiwwan hojiiwwan kanneen caalan iyyuu isatti ni argisiisa.
21 For as the Father raises the dead and gives life, so the Son too gives life to anyone he wants. Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna.
22 For the Father judges no one, but has entrusted all judgment to the Son, Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera;
23 so everyone honors the Son as they honor the Father; whoever doesn't honor the Son doesn't honor the Father who sent him. kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
24 Truly, truly, I tell you: whoever hears my word and believes the one who sent me has eternal life and won't face judgment—they have passed from death to life. “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
25 Truly, truly, I tell you, an hour comes, and is now here, when the dead will hear the voice of the Son of our Father, and those hearing will live. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
26 For as the Father has life in himself, he gave the Son to also have life in himself. Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii.
27 And he has given him authority to execute judgment, because he is the Son of Man. Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
28 Don't be astonished at this—an hour is coming when everyone in the tombs will hear his voice, “Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii.
29 and come out—those who did good, to the resurrection of life; those who did evil, to the resurrection of judgment. Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.
30 By myself I can do nothing. I judge as I hear; my judgment is fair, because I seek not my own will but the will of the One who sent me. Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
31 "If I testify about myself, my testimony is not valid. “Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti.
32 There is another who testifies about me, and I know his testimony about me is true. Garuu kan waaʼee koo dhugaa baʼu biraa jira; anis akka dhuga baʼumsi inni waaʼee koo kennu sun dhugaa taʼe beeka.
33 You sent messengers to John, and he has testified to the truth. “Isin Yohannisitti ergitaniirtu; innis dhugaa sanaaf, dhugaa baʼeera.
34 Not that I accept human testimony, but I say these things so that you may be saved. Ani dhuga baʼumsa namaa hin fudhadhu; garuu akka isin fayyitaniif wantoota kanneen nan dubbadha.
35 John was a burning, shining lamp, and you were willing to rejoice briefly in his light. Yohannis ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoo ifa isaatti gammaduu barbaaddan.
36 But I have testimony greater than John's: the works my Father gave me to finish—the very works I'm doing—testify that my Father sent me. “Ani garuu dhuga baʼumsa, dhuga baʼumsa Yohannis sana caalu qaba. Hojiin akka ani raawwadhuuf Abbaan natti kenne, kan ani hojjedhu kun iyyuu akka Abbaan na erge mirkaneessaatii.
37 And my Father who sent me has himself testified about me. You've never heard his voice or seen his form, Abbaan inni na erges ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera. Isin takkumaa sagalee isaa hin dhageenye; bifa isaas takkumaa hin argine.
38 and you don't have his word remaining in you, since you don't believe the one he sent. Isin sababii isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.
39 You search the Scriptures, thinking they hold eternal life—yet they themselves testify about me, Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;
40 yet you refuse to come to me so that you may have life. isin garuu jireenya argachuudhaaf gara koo dhufuu hin barbaaddan.
41 I do not accept glory from people, “Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu;
42 but I know you—that you do not have the love of our Father within you. garuu akka isin jaalala Waaqaa of keessaa hin qabne nan beeka.
43 I have come in my Father's name, and you don't receive me; if another comes in his own name, you'll receive him. Ani maqaa Abbaa kootiin dhufeera; isin na hin simattan; utuu namni biraa maqaa ofii isaatiin dhufee garuu isa ni simattu.
44 How can you believe, when you accept glory from one another and don't seek the glory from the only God? Isin yoo wal irraa ulfina argattanii ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu hin barbaanne akkamitti amanuu dandeessu ree?
45 Don't think I will accuse you before my Father. Moses, in whom you've hoped, accuses you. “Waan ani Abbaa duratti isin himadhu hin seʼinaa. Kan isin himatu tokko jira; innis Musee isin abdattan sana.
46 For if you believed Moses, you would believe me, because he wrote about me. Utuu Musee amantanii silaa anas ni amantu ture; inni waaʼee koo barreesseetii.
47 But if you do not believe his writings, how will you believe my words?" Isin erga waan inni barreesse hin amannee, dubbii koo immoo akkamitti amantu ree?”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]