Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 4 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 So when Jesus knew the Pharisees heard he was making and baptizing more disciples than John. Egaa Yesuus Yohannis caalaa barattoota akka baayʼifatee fi akka cuuphe Fariisonni dhagaʼuu isaanii Gooftaan ni beeke;
2 (though Jesus himself was not baptizing, but his disciples were), taʼus barattoota isaatu cuuphaa ture malee Yesuus ofii isaatii hin cuuphine.
3 he left Judea and went back to Galilee. Inni Yihuudaa dhiisee amma illee Galiilaatti deebiʼe.
4 And he had to pass through Samaria. Innis Samaariyaa keessa darbuu qaba ture.
5 So he came to a town of Samaria called Sychar, near the field Jacob gave his son Joseph. Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa kan Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; magaalaan sunis lafa Yaaqoob ilma isaa Yoosefiif kenne sanatti dhiʼoo dha.
6 Jacob's well was there. Jesus, tired from the trip, sat down at the well—about noon. Boolli bishaanii kan Yaaqoob tokko achi ture; Yesuusis waan karaa deemuudhaan dadhabeef boolla bishaanii sana bira taaʼe. Yeroonis gara saʼaatii jaʼaa ture.
7 A woman of Samaria came to draw water. Jesus said to her, "Give me a drink." Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte; Yesuusis, “Mee na obaasi” jedheen.
8 (For his disciples had gone into the town to buy food.). Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turaniitii.
9 The Samaritan woman said, "You're a Jew; why ask me, a Samaritan woman, for a drink?" (Jews don't associate with Samaritans.). Dubartiin Samaariyaa sunis Yesuusiin, “Ati utuu Yihuudii taatee jirtuu akkamitti ‘na obaasi’ jettee ana dubartii Samaariyaa kadhatta?” jetteen. Yihuudoonni warra Samaariyaa wajjin walitti dhufeenya hin qaban tureetii.
10 Jesus answered her, "If you knew our Father's gift, and who asks you, 'Give me a drink,' you'd have asked him, and he'd have given you living water." Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqaatii fi inni, ‘na obaasi’ siin jedhu kun eenyu akka taʼe utuu beektee silaa situ isa kadhata ture; innis bishaan jireenyaa siif kenna ture” jedheen.
11 The woman said to him, "Sir, you have nothing to draw with, and the well is deep. Where then do you get this living water? Dubartittiinis akkana jetteen; “Yaa gooftaa, ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; boolli bishaanii kunis gad fagoo dha. Yoos bishaan jireenyaa eessaa argatta?
12 Are you greater than our father Jacob, who gave us the well, drank from it himself, with his sons and livestock?" Ati abbaa keenya Yaaqoob isa boolla bishaanii kana nuu kenne caalta moo? Inni mataan isaa, ijoolleen isaatii fi horiin isaa boolla bishaanii kana keessaa dhugaa turan.”
13 Jesus said to her, "Everyone who drinks of this water will be thirsty again, Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namni bishaan kana dhugu hundinuu deebiʼee ni dheebota;
14 but whoever drinks the water I give him will never thirst again; that water will become in him a spring of water welling up to eternal life." garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.”
15 The woman said to him, "Sir, give me this water, so I won't get thirsty or come here to draw water." Dubartittiinis, “Yaa Gooftaa, akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabuufis akka ani as hin dhufneef bishaan sana naa kenni” jetteen.
16 Jesus said to her, "Go, call your husband, and come back here." Yesuus immoo, “Dhaqiitii dhirsa kee waamii kottu!” jedheen.
17 The woman answered, "I have no husband." Jesus told her, "You're right to say you have no husband. Dubartittiin, “Ani dhirsa hin qabu” jetteen. Yesuusis akkana jedheen; “Dhirsa hin qabu jechuun kee sirrii dha;
18 For you've had five husbands, and the man you have now isn't your husband. You've spoken the truth." ati dhirsoota shan qabda turteetii; namichi amma si wajjin jirus dhirsa kee miti. Wanni ati amma dubbate dhugaa dha.”
19 The woman said to him, "Sir, I see that you are a prophet. Dubartittiinis akkana jette; “Yaa Gooftaa, akka ati raajii taate nan hubadha.
20 Our fathers worshiped on this mountain, but you say Jerusalem is where people must worship." Abbootiin keenya tulluu kana irratti sagadaa turan; isin Yihuudoonni garuu iddoon namni itti waaqeffachuu qabu Yerusaalem jettu.”
21 Jesus told her, "Woman, believe me: an hour is coming when you'll worship the Father neither on this mountain nor in Jerusalem. Yesuusis akkana jedheen; “Dubartii nana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis taʼu yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin waaqeffanne tokko ni dhufa.
22 You worship what you don't know; we worship what we know—salvation comes from the Jews. Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna.
23 But a time is coming, and now is, when true worshipers worship the Father in spirit and truth—for the Father seeks such worshipers. Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.
24 The Father is spirit, and those who worship him must worship in spirit and truth." Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”
25 The woman said to him, "I know Messiah—the one called Christ—is coming. When he comes, he will tell us everything." Dubartittiinis, “Ani akka Masiihiin Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka. Inni yommuu dhufutti waan hunda nutti hima” jetteen.
26 Jesus said to her, "I am he—the one speaking to you." Yesuusis, “Ani, namni amma sitti dubbachaa jiru kun isuma” jedheen.
27 Just then his disciples returned, amazed he was talking with a woman. Yet no one said, "What do you want?" or, "Why talk with her?" Barattoonni isaa yommusuma deebiʼanii utuu inni dubartii tokko wajjin dubbatuu arganii dinqisiifatan. Garuu namni, “Maal barbaadda?” yookaan “Maaliif ishee wajjin haasofta?” jedhee isa gaafatu tokko iyyuu hin turre.
28 So the woman left her water jar and went back to town and said to the people, Dubartiin sunis okkotee ishee dhiiftee gara magaalaatti deebite; namootaanis akkana jette;
29 "Come, see a man who told me everything I ever did. Could this be the Christ?" “Kottaatii nama waan ani hojjedhe hunda natti hime tokko ilaalaa! Tarii inni Kiristoos taʼinnaa?”
30 They left the town and were coming to him. Isaanis magaalaa keessaa baʼanii Yesuus bira dhufan.
31 Meanwhile the disciples were urging him, "Rabbi, eat." Kana gidduutti barattoonni isaa, “Yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!” jedhanii isa kadhatan.
32 But he said to them, "I have food to eat that you know nothing about." Inni garuu, “Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba” jedheen.
33 So the disciples said to one another, "Has anyone brought him something to eat?" Barattoonni isaas, “Namatu nyaata fideefii laata?” jedhanii wal gaafatan.
34 Jesus said to them, "My food is doing the will of the one who sent me and finishing his work. Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.
35 Don't you say, 'Four months more, then harvest comes'? Look, I tell you: raise your eyes, see the fields—white for harvest. Isin, ‘Jiʼa afurtu hafe; ergasii midhaan walitti qabama’ jettu mitii? Kunoo, ani isinittan hima; akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu gaʼe mee ol jedhaatii lafa qotiisaa ilaalaa!
36 Already the harvester earns wages, gathering fruit for eternal life, so that planter and harvester may rejoice together. Inni midhaan haamu amma iyyuu mindaa ni argata; jireenya bara baraatiif ija walitti ni qaba; kunis akka inni facaasuu fi inni walitti qabu waliin gammadaniif.
37 For here the saying holds true: 'One plants and another harvests.' Haala kanaan mammaaksi, ‘Inni tokko ni facaasa; kaan immoo ni haama’ jedhu sun dhugaa dha.
38 I sent you to reap what you didn't work for. Others worked, and you have entered into their labor." Ani akka isin waan itti hin dadhabin haammattaniifan isin erge. Warri kaan itti dadhabaniiru; isin garuu buʼaa dadhabbii isaanii galfattu.”
39 Many Samaritans from that town believed in him because of the woman's testimony: "He told me everything I ever did." Sababii dubartittiin, “Inni waan ani hojjedhe hunda natti hime” jettee dhugaa baateef namoonni Samaariyaa warri magaalaa sanaa baayʼeen isatti amanan.
40 When the Samaritans came to him, they asked him to stay with them; he stayed two days. Kanaafuu namoonni Samaariyaa yommuu gara isaa dhufanitti akka inni isaan wajjin turuuf isa kadhatan; innis guyyaa lama achi ture.
41 And many more believed because of his word. Sababii dubbii isaatiinis namoonni biraa baayʼeen isatti amanan.
42 They told the woman, "It is no longer because of what you said that we believe—we've heard for ourselves, and we know this man truly is the Savior of the world." Isaanis dubartittiidhaan, “Siʼachi wanni nu amannuuf sababii dubbii ati nutti himte sanaatiif miti; nu mataan keenya iyyuu isa dhageenyeerraatii; akka inni dhugumaan Fayyisaa addunyaa taʼes beekneerra” jedhan.
43 After the two days he departed from there for Galilee. Guyyaa lamaan sana booddee Yesuus Galiilaa dhaqe.
44 (For Jesus himself had testified that a prophet has no honor in his own hometown.). Yesuus mataan isaa iyyuu akka raajiin tokko biyya isaa keessatti kabaja hin qabne dubbatee tureetii.
45 When he arrived in Galilee, the Galileans welcomed him, having seen all he did in Jerusalem at the feast—they too had gone to the feast. Yommuu inni Galiilaa gaʼettis warri Galiilaa isa simatan. Isaanis sababii Yerusaalem turaniif waan inni yeroo Ayyaana Faasiikaatti achitti hojjete hunda arganii turan.
46 He went again to Cana in Galilee, where he had turned water to wine. A royal official's son was sick at Capernaum. Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture.
47 Hearing that Jesus had come from Judea to Galilee, he went to him and begged him to come down and heal his son, who was about to die. Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate.
48 So Jesus said to him, "Unless you people see signs and wonders, you will never believe." Kana irratti Yesuus, “Isin yoo mallattoo fi dinqii argitan malee hin amantan!” isaan jedhe.
49 The royal official said to him, "Sir, come down before my child dies." Qondaaltichis, “Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi” jedheen.
50 Jesus said to him, "Go; your son will live." The man believed what Jesus told him and left. Yesuusis, “Ilmi kee ni jiraataatii gali!” jedheen. Namichis waan Yesuus isatti dubbate amanee deeme.
51 As he was going down, his servants met him and told him that his boy was living. Utuu inni deemaa jiruus tajaajiltoonni isaa itti dhufanii akka ilmi isaa lubbuun jiru itti himan.
52 So he asked them the hour he improved, and they said, "Yesterday at the seventh hour, the fever left him." Innis yeroo itti mucaa isaatti wayyaaʼe gaafate; isaanis, “Kaleessa saʼaatii torbatti dhagna gubaan isa dhiise” jedhaniin.
53 So the father knew this was the hour when Jesus told him, "Your son will live." He and his whole household believed. Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, “Ilmi kee ni jiraata” jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan.
54 This was now the second sign that Jesus did when he had come from Judea to Galilee. Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]