Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Now there was a man of the Pharisees named Nicodemus, a ruler of the Jews. Fariisicha Niqoodemoos jedhamu bulchaa Yihuudootaa tokkotu ture.
2 This man came to Jesus at night and said, "Rabbi, we know you are a teacher who has come from our Father, for no one can do these signs you do unless our Father is with him." Innis halkaniin Yesuus bira dhaqee, “Yaa barsiisaa, akka ati barsiisaa Waaqa biraa dhufte taate nu beekna; nama Waaqni isa wajjin jiru malee namni mallattoo ati hojjettu kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii” jedheen.
3 Jesus answered, "Truly, truly, I tell you: unless someone is born from above, he can't see the kingdom of our Father." Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen.
4 Nicodemus asked, "How can a man be born when he's old? Can he enter his mother's womb again and be born?" Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate.
5 Jesus answered, "Truly, truly, I tell you, unless one is born of water and the Holy Spirit, he can't enter our Father's kingdom. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu.
6 Born of the flesh is flesh, and born of the Holy Spirit is spirit. Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura.
7 Don't be amazed that I said to you, 'You must be born from above.' Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’
8 Wind blows where it wants; you hear its sound but don't know where it comes from or where it goes. So it is with everyone born of the Spirit." Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma.”
9 Nicodemus said to him, "How can these things be?" Niqoodemoosis, “Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?” jedhee gaafate.
10 Jesus answered him, "Are you the teacher of Israel and yet you do not understand these things? Yesuus akkana jedhee deebiseef; “Ati utuu barsiisaa Israaʼel taatee jirtuu waan kana hin beektuu?
11 Truly, truly, I tell you: we speak what we know, we testify to what we've seen, yet you don't accept our testimony. Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; nu waan beeknu dubbanna; waan argines dhugaa ni baana; isin garuu dhugaa baʼumsa keenya hin fudhattan.
12 If I told you earthly things and you don't believe, how will you believe if I tell you heavenly things? Isin yoo ani waan addunyaa isinitti himnaan hin amanin, yoo ani waan samii isinitti hime akkamitti amantu ree?
13 No one has ascended into heaven except the one who descended from heaven, the Son of Man. Ilma Namaa isa samii irraa gad buʼe malee eenyu iyyuu samiitti ol hin baane.
14 As Moses lifted up the serpent in the wilderness, so the Son of Man must be lifted up, Akkuma Museen gammoojjii keessatti bofa fannise sana Ilmi Namaas fannifamuu qaba.
15 that whoever believes in him may have eternal life. Kunis akka namni isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf.”
16 For our Father so loved the world that he gave his one and only Son, that whoever believes in him will not perish but have eternal life. Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
17 For our Father did not send his Son into the world to condemn the world, but so the world could be saved through him. Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii.
18 Whoever believes in him isn't condemned; whoever doesn't believe is condemned already, for not believing in the name of the one and only Son of our Father. Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
19 This is the judgment: light has entered the world, and people loved darkness more than light because their deeds were evil. Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan.
20 Everyone who does evil hates the light and won't come to the light, so that his deeds aren't exposed. Namni waan hamaa hojjetu kam iyyuu ifa jibba; akka hojiin isaa ifatti hin baafamneefis gara ifaa hin dhufu.
21 But whoever does the truth comes to the light, so it may be revealed that his works have been done in our Father." Namni dhugaa hojjetu kam iyyuu garuu akka hojiin isaa akka fedhii Waaqaatti hojjetamuun isaa mulʼatuuf gara ifaa dhufa.
22 After this, Jesus and his disciples went into the Judean countryside, where he stayed with them, baptizing. Ergasiis Yesuusii fi barattoonni isaa gara biyya Yihuudaa dhaqan; innis isaan wajjin achi ture; ni cuuphes.
23 John also baptized at Aenon near Salim, since water was plentiful there, and people came and were baptized, Yohannisis naannoo Saalem iddoo Enoon jedhamutti ni cuupha ture; bishaan baayʼeen achi tureetii; namoonnis achi dhaqanii cuuphamu turan.
24 for John had not yet been put in prison. Kunis utuu Yohannis mana hidhaatti hin galfamin taʼe.
25 Now a discussion arose between some of John's disciples and a Jew over purification. Yommus barattoota Yohannisii fi Yihuudii tokko gidduutti waaʼee qulqulleeffamuu irratti wal falmiin uumame.
26 They came to John and said, "Rabbi, the man with you beyond the Jordan, the one you testified about—he's baptizing, and everyone goes to him." Isaanis Yohannis bira dhufanii, “Yaa barsiisaa, namichi si wajjin Yordaanos gama ture, kan ati waaʼee isaa dhugaa baate sun kunoo cuuphuutti jira; namni hundis gara isaa dhaquutti jira” jedhaniin.
27 John replied, "A person cannot receive even one thing unless it is given him from heaven. Yohannisis akkana jedhee deebise; “Namni yoo samii irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin dandaʼu.
28 You yourselves can testify: I said 'I'm not the Christ, but sent ahead of him.' Akka ani, ‘Ani Kiristoos miti; garuu isa dura nan ergame’ jedhe isin mataan keessan iyyuu dhugaa naa baatu.
29 The one with the bride is the bridegroom—Jesus. The bridegroom's friend, who stands and hears him, rejoices greatly at the bridegroom's voice. So my joy is now complete. Misirrittiin kan misirrichaa ti. Miinjeen misirricha bira dhaabatuu fi isa dhaggeeffatu, yommuu sagalee misirrichaa dhagaʼutti akka malee gammada. Gammachuun sun kan koo ti; gammachuun koos amma guutuu taʼeera.
30 He must increase, but I must decrease." Inni guddaa taʼuu qaba; ani immoo xinnaa taʼuun qaba.
31 The one who comes from above is above all. The one from earth belongs to earth and speaks in an earthly way. The one who comes from heaven is above all. “Kan olii dhufu inni hundumaa oli; inni lafaa immoo kanuma lafaa ti; waanuma lafaa dubbatas. Kan samii irraa dhufu inni hundumaa oli.
32 He bears witness to what he has seen and heard, yet no one receives his testimony. Inni waan argee fi waan dhagaʼe dhugaa baʼa; dhuga baʼumsa isaa garuu eenyu iyyuu hin fudhatu.
33 Whoever receives his testimony confirms that our Father is true. Namni dhuga baʼumsa kana fudhates akka Waaqni dhugaa taʼe mirkaneesse.
34 The one our Father sent speaks our Father's words, for he gives the Holy Spirit without measure. Inni Waaqni erge dubbii Waaqaa dubbata; Waaqnis safara malee Hafuura isaa ni kennaatii.
35 Our Father loves the Son and has given all things into his hand. Abbaan Ilma ni jaallata; waan hundas harka isaatti kenneera.
36 Whoever believes in the Son has eternal life; whoever disobeys the Son won't see life—our Father's wrath remains on him. Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]