Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 6 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 After this, Jesus crossed the Sea of Galilee, also called the Sea of Tiberias. Wantoota kanneen booddee Yesuus Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe;
2 A large crowd followed him, because they saw the signs he performed on the sick. namoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan.
3 Jesus went up on the mountainside and sat down there with his disciples. Yesuusis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe.
4 Now the Passover, the feast of the Jews, was near. Yeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture.
5 Looking up, Jesus saw a large crowd approaching and asked Philip, "Where can we buy bread for these people to eat?" Yesuus yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, “Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?” jedhe.
6 He said this to test Philip, for he himself already knew what he was going to do. Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
7 Philip answered him, "200 days' wages of bread isn't enough for each of them to get a little." Fiiliphoos immoo, “Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii dhibba lama fudhata” jedhee deebiseef.
8 One of his disciples, Andrew, Simon Peter's brother, said to him, Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen;
9 "A boy here has five barley loaves and two fish—but what's that for so many?" “Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?”
10 Jesus said, "Have the people sit down." Much grass grew there, so about 5,000 men sat down. Yesuusis, “Namoota teessisaa” jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture.
11 Jesus then took the loaves, gave thanks, and distributed them to those seated; likewise with the fish, as much as they wanted. Yesuusis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
12 When they were full, he told his disciples, "Gather the leftover pieces, so nothing is lost." Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, “Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin” jedhe.
13 So they gathered the fragments left over from the five barley loaves after the people ate, filling twelve baskets. Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.
14 So when the people saw the sign he did, they said, "This really is the Prophet coming into the world!" Namoonnis yommuu mallattoo Yesuus hojjete arganitti, “Kun dhugumaanuu Raajii gara addunyaa dhufuuf jiru” jedhan.
15 Knowing they meant to come and seize him to make him king, Jesus withdrew again to the mountain alone. Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
16 When evening came, his disciples went down to the sea, Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;
17 got in a boat and headed across the sea to Capernaum. It was already dark, and Jesus had not yet reached them. achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.
18 A strong wind was blowing, and the sea grew rough. Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame.
19 After rowing three or four miles, they saw Jesus walking on the water, approaching the boat, and were afraid. Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis.
20 But he said to them, "It is I; do not be afraid." Inni garuu, “Anumaatii hin sodaatinaa” jedheen.
21 So they were glad to take him into the boat, and instantly it reached the shore they were heading toward. Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
22 The next day, the crowd remaining on the far shore saw that only one boat had been there, that Jesus had not boarded it with his disciples, but that his disciples had gone off alone. Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan.
23 Other boats came from Tiberias near the place where they ate bread after the Lord gave thanks. Bidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan.
24 So when the crowd saw Jesus and his disciples weren't there, they got in boats and went to Capernaum to look for Jesus. Namoonni sunis yommuu akka Yesuusii fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Yesuusin barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.
25 Finding him across the sea, they asked, "Rabbi, when did you get here?" Namoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, “Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
26 Jesus answered them, "Truly, truly, I tell you: you seek me not because you saw signs, but because you ate the loaves and were filled. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu.
27 Don't work for food that spoils, but for food that lasts to eternal life, which the Son of Man will give you. For on him our Father has set his seal." Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”
28 Then they said to him, "What must we do to be doing the works of our Father?" Isaanis, “Nu akka hojii Waaqaa hojjennuuf maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
29 Jesus answered them, "This is our Father's work: that you believe in the one he sent." Yesuusis, “Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqaa ti” jedhee deebiseef.
30 So they asked him, "What sign will you give, so we may see and believe you? What work will you do? Kanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; “Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas?
31 Our ancestors ate manna in the wilderness, as it is written: 'He gave them bread from heaven to eat.'" ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan.”
32 Jesus told them, "Truly, truly, I tell you: Moses didn't give you the bread from heaven—my Father gives you the true bread from heaven. Yesuusis akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti.
33 For the bread of our Father is he who comes down from heaven and gives the world life." Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii.”
34 So they said to him, "Lord, give us this bread always." Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni” jedhaniin.
35 Jesus told them, "I am the bread of life. Whoever comes to me will never hunger; whoever believes in me will never thirst. Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
36 But as I told you, you have seen me and still do not believe. Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan.
37 All the Father gives me will come to me, and the one who comes to me I will never drive away. Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu.
38 For I came down from heaven not to do my own will, but the will of him who sent me. Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii.
39 This is the will of him who sent me: that I lose none of all he has given me, but raise them up on the last day. Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti.
40 For this is the will of my Father: that everyone who looks to the Son and believes in him should have eternal life, and I will raise them up on the last day." Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
41 So the Jews grumbled about him because he said, "I am the bread that came down from heaven." Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, “Ani buddeena samii irraa gad buʼee dha” jedheef isatti guungumuu jalqaban.
42 They said, "Isn't this Jesus, Joseph's son, whose father and mother we know? How can he now say, 'I have come down from heaven'?" Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani samii irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.
43 Jesus answered them, "Stop grumbling among yourselves. Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa.
44 "No one can come to me unless the Father who sent me draws him, and I will raise him on the last day. Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
45 It is written in the Prophets: 'And they will all be taught by our Father.' Everyone who has heard and learned from the Father comes to me. Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’ jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.
46 Not that anyone has seen the Father except the one from him; he has seen the Father. Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge.
47 Truly, truly, I tell you, whoever believes has eternal life. Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.
48 I am the bread of life. Buddeenni jireenyaa ana.
49 Your ancestors ate the manna in the wilderness, yet they died. Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan.
50 This is the bread that comes down from heaven, so anyone may eat it and not die. Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu.
51 I am the living bread come down from heaven. Whoever eats this bread will live forever. The bread I will give is my flesh, for the life of the world." Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
52 Then the Jews argued sharply among themselves, "How can this man give us his flesh to eat?" Yihuudoonnis, “Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falman.
53 Jesus told them, "Truly, truly, I tell you, unless you eat the flesh of the Son of Man and drink his blood, you have no life in yourselves. Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.
54 Whoever feeds on my flesh and drinks my blood has eternal life, and I will raise him on the last day. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
55 For my flesh is true food, and my blood is true drink. Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti.
56 Whoever feeds on my flesh and drinks my blood remains in me, and I in him. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha.
57 As the living Father sent me and I live because of the Father, so whoever feeds on me will live because of me. Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata.
58 This is the bread that came down from heaven. It is not like the bread your ancestors ate and still died. Whoever feeds on this bread will live forever." Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.”
59 He said these things while teaching in the synagogue at Capernaum. Innis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate.
60 On hearing it, many of his disciples said, "This is a hard teaching. Who can accept it?" Barattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?” jedhan.
61 Aware that his disciples were grumbling about this, Jesus said to them, "Does this offend you? Yesuusis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; “Kun isin gufachiisaa ree?
62 "Then what if you see the Son of Man ascending to where he was before? Yoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree?
63 The Spirit gives life; the flesh helps nothing. The words I have spoken to you are spirit and life. Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.
64 But some of you don't believe." For Jesus knew from the start who didn't believe, and who would betray him. Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru.” Yesuus jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii.
65 And he said, "This is why I told you: no one can come to me unless the Father enables him." Innis ittuma fufee, “Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma” jedhe.
66 From this time many of his disciples turned back and no longer walked with him. Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
67 So Jesus asked the Twelve, "Do you want to leave too?" Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhee gaafate.
68 Simon Peter answered him, "Lord, to whom should we go? You have the words of eternal life. Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa.
69 We have believed and known you are the Holy One of our Father." Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras.”
70 Jesus answered them, "Have I not chosen you, the Twelve? Yet one of you is a devil." Yesuusis deebisee, “Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko diiyaabiloosii dha!” jedhe.
71 He meant Judas, son of Simon Iscariot, one of the Twelve, who was about to betray him. Innis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Yesuusin dabarsee kennuuf tureetii!
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]