Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 7 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 After this, Jesus traveled around Galilee, not wanting to go into Judea because Jewish leaders there were looking for a chance to kill him. Kana booddee Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼaa ture; sababii Yihuudoonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin deddeebine.
2 But the Jewish Festival of Booths was near. Ayyaanni Daasii Yihuudootaa dhiʼaatee ture.
3 His brothers told him, "Leave here and go to Judea, so your disciples can also see the works you do. Obboloonni isaas akkana jedhaniin; “Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi.
4 No one seeking public attention hides what he does. If you're doing these things, show yourself to the world." Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi.”
5 For not even his brothers believed in him. Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii.
6 So Jesus told them, "My time has not yet come, but for you any time is right. Yesuusis akkana jedheen; “Yeroon koo amma illee hin geenye; isiniif garuu yeroon hundi mijaaʼaa dha.
7 "The world cannot hate you, but it hates me, because I testify that its works are evil. Addunyaan isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu akka hojiin isaa hamaa taʼe waanan itti dhugaa baʼuuf na jibba.
8 You yourselves go up to the festival; I'm not going up to this festival, since my time hasn't yet fully come." Isin gara Ayyaana sanaa dhaqaa. Ani garuu waan yeroon koo amma illee hin gaʼiniif gara Ayyaanichaatti ol hin baʼu.”
9 After saying this, he stayed in Galilee. Inni waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe.
10 After his brothers went up to the festival, he too went up—not openly, but secretly. Garuu erga obboloonni isaa gara Ayyaanichaatti ol baʼanii booddee innis utuu ifaan ifatti hin taʼin dhoksaadhaan ol baʼe.
11 So the Jewish leaders were looking for him at the festival and asking, "Where is he?" Yihuudoonnis Ayyaanicha irratti, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan.
12 Much murmuring about him spread among the crowds: some said, "He's good," others, "No, he misleads the crowd." Namoota gidduuttis waaʼee isaa guungummii guddaatu ture. Namoonni tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhan. Warri kaan immoo, “Akkas miti; inni nama dogoggorsa” jedhan.
13 Yet no one spoke about him openly, for fear of the Jewish leaders. Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu ifaan ifatti waaʼee isaa hin dubbanne.
14 About the middle of the festival, Jesus went up into the temple and began to teach. Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe.
15 The Jewish leaders were amazed and asked, "How does this man know so much without training?" Yihuudoonnis dinqifatanii, “Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?” jedhan.
16 Jesus answered them, "My teaching isn't mine—it's from the one who sent me. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti.
17 Whoever wants to do our Father's will knows if my teaching is from my Father or I speak on my own. Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.
18 Whoever speaks on his own seeks his own glory, but whoever seeks the sender's glory is true, with no falsehood in him. Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.
19 Didn't Moses give you the law? Yet none of you obeys the law. Why are you trying to kill me?" Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?”
20 The crowd answered, "You have a demon! Who is trying to kill you?" Jarris deebisanii, “Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin.
21 Jesus replied, "I did one work, and you are all amazed. Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani hojii tokko hojjennaan hundi keessan dinqifattan.
22 "Moses gave you circumcision—not from Moses, but the patriarchs—and you circumcise a man on the Sabbath. Museen seera dhagna qabaa isinii kenne; dhagna qabaa garuu abbootiitu jalqabe malee Musee miti; isinis Sanbataan nama dhagna qabdu.
23 If a man is circumcised on the Sabbath so the law of Moses isn't broken, why are you angry at me for making a whole man well on the Sabbath? Akka seerri Musee hin cabneef erga namni tokko Sanbataan dhagna qabachuu dandaʼee, isin maaliif sababii ani Sanbataan dhagna namaa guutuu fayyiseef natti aartu?
24 Stop judging by appearances, and judge with right judgment." Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa.”
25 Then some Jerusalemites said, "Isn't this the man they want to kill? Kana irratti namoota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jedhan; “Inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii?
26 Yet he speaks openly, and they say nothing to him. Can the rulers truly know this is the Christ? Kunoo inni ifatti baʼee dubbata; isaanis homaa isaan hin jenne. Abbootiin taayitaa akka inni Kiristoos taʼe sirriitti beekaniiruu laata?
27 But we know this man's origin. When the Christ comes, no one will know his origin." Taʼus namichi kun nama eessaa akka taʼe nu beekna. Kiristoos yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokko iyyuu hin beeku.”
28 Then Jesus, teaching in the temple, cried out: "You know me, and know where I'm from. Yet I didn't come on my own—the one who sent me is true, and you don't know him. Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;
29 I know him, because I am from him, and he sent me." ani garuu sababiin isa biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka.”
30 So they tried to grab him, but no one touched him, because his hour had not yet come. Kana irratti isaan isa qabuu yaalan; garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
31 But many in the crowd believed in him, asking, "When the Christ comes, will he do more signs than this man did?" Taʼus namoonni baayʼeen isatti amanan. Isaanis, “Kiristoos yommuu dhufutti namicha kana caalaa mallattoo hojjetaa?” jedhan.
32 The Pharisees heard the crowd murmuring these things about him, so the chief priests and Pharisees sent temple guards to seize him. Fariisonnis utuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa guungumanuu dhagaʼan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Yesuusin qabsiisuudhaaf eegdota mana qulqullummaa ergan.
33 So Jesus said, "I'm with you a little while longer, and then I go to the one who sent me. Yesuusis akkana jedheen; “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.
34 You will search for me and not find me; you cannot come where I am." Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan.”
35 So the Jewish leaders asked each other, "Where does he intend to go that we won't find him? Does he intend to go to our people dispersed among the Greeks and teach the Greeks? Yihuudoonnis akkana waliin jedhan; “Namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? Gara saba keenya warra Giriikota keessa faffacaʼanii dhaqee Giriikota barsiisaa?
36 What does he mean: 'You will look for me, but you will not find me,' and 'Where I am, you cannot come'?" ‘Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaas maal jechuu isaatii?”
37 On the last, great day of the festival, Jesus stood and called out, "Whoever is thirsty, let him come to me and drink. Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Yesuus kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu.
38 Whoever believes in me, as Scripture said, rivers of living water will flow from his heart." Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.”
39 He said this about the Holy Spirit, whom believers in him were to receive; the Spirit had not yet been given, since Jesus had not yet been glorified. Kunis waaʼee Hafuura Qulqulluu warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti. Sababii Yesuus amma illee ulfina hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hamma yeroo sanaatti hin kennamne tureetii.
40 When they heard these words, some of the crowd said, "This really is the Prophet." Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagaʼanitti, “Kun dhugumaanuu Raajicha” jedhan.
41 Others said, "This is the Christ." But others asked, "How can the Christ come from Galilee? Warri kaan immoo, “Inni Kiristoosii dha” jedhan. Namoonni kaanis akkana jedhan; “Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?
42 Doesn't Scripture say the Christ comes from David's line and from Bethlehem, David's village?" Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuu fi akka inni Beetlihemii, ganda Daawitii dhufu Katabbiin Qulqulluun ni dubbata mitii?”
43 So the crowd was divided over him. Akkasiin waaʼee Yesuus irratti garaa garummaan waldaa gidduutti uumame.
44 Some of them wanted to seize him, but no one laid a hand on him. Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
45 So the temple guards returned to the chief priests and Pharisees, who asked, "Why didn't you bring him?" Eegdonni sun gara luboota hangafootaatii fi gara Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Isin maaliif isa hin fidin?” jedhanii eegdota sana gaafatan.
46 The guards answered, "No one ever spoke the way this man does." Eegdonnis, “Takkumaa namni akka namicha kanaatti hin dubbanne” jedhanii deebisan.
47 "Have you also been deceived?" the Pharisees answered. Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, “Isinis gowwoomfamtaniirtuu?
48 "Has any of the rulers or of the Pharisees believed in him? Bulchitoota keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokko iyyuu isatti amaneeraa?
49 But this crowd, who knows nothing of the law—they are under a curse." Sabni seera hin beekne kun garuu abaaramaa dha.”
50 Nicodemus, who had gone to Jesus earlier and was one of their own number, asked them, Niqoodemoos inni duraan Yesuus bira dhaqee fi isaan keessaas tokko taʼe sun akkana isaaniin jedhe;
51 "Does our law condemn a man without first hearing him and finding out what he does?" “Seerri keenya utuu isa irraa hin dhagaʼin, waan inni hojjetes utuu hin beekin nama tokkotti ni muraa?”
52 They replied, "Are you from Galilee too? Search, and see: no prophet arises from Galilee." Isaanis, “Atis nama Galiilaatii? Akka raajiin Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira gaʼi” jedhaniin. [
53 Then they all went home. Ergasii isaan hundinuu gara mana isaaniitti galan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]