Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 12 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Six days before Passover, Jesus came to Bethany, where Lazarus, whom Jesus raised from death, lived. Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe.
2 There they gave him a dinner; Martha served, and Lazarus was one of those at the table with him. Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture.
3 Mary took about a pint of pure nard perfume, expensive, and anointed Jesus' feet, then wiped his feet with her hair. The house filled with the fragrance of the perfume. Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
4 But Judas Iscariot, one of his disciples, the one who was about to betray him, said, Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe;
5 "Why was this perfume not sold for about a year's wages and given to the poor?" “Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?”
6 He said this not because he cared about the poor, but because he was a thief who kept the money box, taking what was put in it. Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.
7 So Jesus said, "Leave her alone. She has kept this for the day of my burial. Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa.
8 You will always have the poor among you, but you will not always have me." Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”
9 A large crowd of Jews learned Jesus was there and came, not only for him but to see Lazarus, whom he had raised from the dead. Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan.
10 So the chief priests planned to kill Lazarus as well, Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan;
11 because on account of him many of the Jews were going over and believing in Jesus. Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.
12 The next day, the large crowd that came for the feast heard Jesus was coming to Jerusalem. Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan.
13 They took palm branches and went out to meet him, shouting, "Hosanna! Blessed is he who comes in the name of our Father—the King of Israel!" Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
14 Jesus found a young donkey and rode on it, just as it is written: Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;
15 "Do not be afraid, daughter of Zion; look, your king is coming, seated on a donkey's colt." “Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin; kunoo, mootiin kee, ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”
16 His disciples didn't understand these things at first; but when Jesus was glorified, they remembered these things were written about him, and that they had done these things to him. Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.
17 The crowd that was with him when he called Lazarus from the tomb and raised him from the dead kept testifying. Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan.
18 The crowd went to meet him because they heard he had done this sign. Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan.
19 So the Pharisees said to each other, "See, you're accomplishing nothing—the whole world has gone after him." Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan.
20 Now there were some Greeks among those who went up to worship at the feast. Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan.
21 These came to Philip, from Bethsaida in Galilee, and asked him, "Sir, we want to see Jesus." Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin.
22 Philip went and told Andrew; then Andrew and Philip went and told Jesus. Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan.
23 Jesus replied to them, "The hour has come for the Son of Man to be glorified. Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.
24 Truly, truly, I tell you, unless a wheat grain falls to the ground and dies, it stays alone; but if it dies, it bears much fruit. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata.
25 Whoever loves his life loses it; whoever hates his life in this world keeps it for eternal life. Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata.
26 Whoever serves me must follow me, so my servant will be where I am. Whoever serves me, my Father will honor him." Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
27 "Now my soul is troubled. What should I say—'Father, save me from this hour'? But this is why I came to this hour. Father, glorify your name." “Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe.
28 Then a voice came from heaven: "I have glorified it, and I will glorify it again." Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!” Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe.
29 The crowd standing there heard it and said it thundered; others said an angel spoke to him. Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan.
30 Jesus said, "This voice came for your sake, not mine. Yesuus akkana jedhee deebise; “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti.
31 Now is the judgment of this world; now the ruler of this world will be cast out. Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama.
32 And I, when I am lifted up from the earth, will draw all people to myself." Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.”
33 He said this to show by what kind of death he was going to die. Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.
34 The crowd replied, "We've heard from the Law that the Christ stays forever. How can you say the Son of Man must be lifted up? Who is this Son of Man?" Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen.
35 So Jesus said, "The light is with you a little while longer. Walk while you have light, so darkness doesn't overtake you. Whoever walks in darkness doesn't know where he's going. Yesuus immoo akkana jedheen; “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii.
36 While you have light, believe in the light, so you become children of light." Having said this, Jesus left and hid from them. Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.” Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.
37 Though he had performed so many signs in their presence, they still would not believe in him, Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne.
38 so that the word of Isaiah the prophet would be fulfilled, which he spoke: "Father, who has believed our message? And to whom has the arm of our Father been revealed?" Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?” jedhu sun akka raawwatamuuf ture.
39 This is why they could not believe, for Isaiah said again: Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;
40 "He has blinded their eyes and hardened their heart, so that they would not see with their eyes, nor understand with their heart, nor turn—and I would heal them." “Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera.”
41 Isaiah said these things because he saw Jesus' glory and spoke about him. Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.
42 Still, many even of the rulers believed in him, but they didn't admit it because of the Pharisees, so they wouldn't be expelled from the synagogue, Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne;
43 for they loved the glory that comes from people more than the glory that comes from our Father. isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
44 Jesus cried out, "Whoever believes in me does not believe in me only, but in the one who sent me. Yesuusis iyyee akkana jedhe; “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti.
45 And whoever sees me sees the one who sent me. Kan na argus isa na erge sana arga.
46 I came into the world as light, so no one who believes in me stays in the darkness. Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
47 If anyone hears my words and doesn't keep them, I don't judge him—I didn't come to judge the world, but to save the world. “Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii.
48 Whoever rejects me and doesn't accept my words already has a judge: my spoken word will judge him on the last day. Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.
49 I have not spoken on my own; but the Father who sent me himself commanded me what to say and how to speak. Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne.
50 I know his commandment is eternal life, so I say only what the Father told me to say." Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]