Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 11 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 A man named Lazarus was sick, from Bethany, the village of Mary and her sister Martha. Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Maariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha.
2 Mary—whose brother Lazarus was sick—anointed the Lord with fragrant oil and dried his feet with her hair. Maariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha.
3 So the sisters sent word to him, saying, "Lord, the one you love is sick." Kanaaf obboleettonni isaa, “Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira” jedhanii Yesuusitti dhaaman.
4 Hearing this, Jesus said, "This sickness won't end in death, but is for the glory of our Father, so the Son of our Father may be glorified through it." Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Dhibeen kun akka Ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfina Waaqaatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu” jedhe.
5 Now Jesus loved Martha and her sister and Lazarus. Yesuusis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture.
6 So when he heard Lazarus was sick, he stayed two more days where he was. Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture.
7 Then after this he said to the disciples, "Let us go back to Judea." Innis ergasii barattoota isaatiin, “Kottaa Yihuudaatti deebinaa” jedhe.
8 The disciples said to him, "Rabbi, the Jews just now tried to stone you, and you're going back there?" Barattoonni isaa immoo, “Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?” jedhaniin.
9 Jesus answered, "Aren't there twelve hours in the day? Anyone who walks by day won't stumble - he sees the light of this world. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu.
10 But if anyone walks at night, he stumbles, because the light is not in him." Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata.”
11 After this, he told them, "Our friend Lazarus has fallen asleep, but I'm going to wake him." Innis erga waan kana dubbatee booddee, “Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa” isaaniin jedhe.
12 So the disciples said to him, "Lord, if he has fallen asleep, he will get better." Barattoonni isaas, “Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya” jedhaniin.
13 Now Jesus had been speaking about his death, but they thought he meant natural sleep. Yesuus waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.
14 So then Jesus told them plainly, "Lazarus has died, Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; “Alʼaazaar duʼeera;
15 I'm glad for your sake I wasn't there, so you'll believe. But let's go to him." akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa.”
16 So Thomas, called the Twin, told the other disciples, "Let's go too, and die with him." Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, “Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa” jedhe.
17 So when Jesus arrived, he found that Lazarus had already been in the tomb four days. Yesuus yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga awwaalamee guyyaa afur akka ture beeke.
18 Bethany was near Jerusalem, about two miles away, Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte;
19 and many of the Jews had come to Martha and Mary to console them about their brother. Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Maariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan.
20 When Martha heard Jesus was coming, she went to meet him; Mary stayed sitting in the house. Maartaan yommuu dhufaatii Yesuus dhageessetti isa simachuu gad baate; Maariyaam garuu mana teesse.
21 Martha said to Jesus, "Lord, if you had been here, my brother would not have died. Maartaanis Yesuusiin akkana jette; “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture.
22 But even now I know that whatever you ask of our Father, he will give you." Ammas taanaan akka waan ati Waaqa kadhattu hunda Waaqni siif kennu nan beeka.”
23 Jesus said to her, "Your brother will rise again." Yesuusis, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedheen.
24 Martha said to him, "I know he'll rise again in the resurrection on the last day." Maartaanis deebiftee, “Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka” jetteen.
25 Jesus told her, "I am the resurrection and the life. Whoever believes in me will live, even though he dies, Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;
26 and everyone who lives and believes in me will never die. Do you believe this?" kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?”
27 She said to him, "Yes, Lord; I believe you are the Christ, the Son of our Father, the one coming into the world." Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana” jetteen.
28 After saying this, she went and called her sister Mary privately: "The Teacher is here—he's calling for you." Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin kophaatti waamtee, “Barsiisaan dhufeera; si waamas” jetteen.
29 When Mary heard this, she rose quickly and went to him. Maariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe.
30 Jesus had not yet entered the village; he was still where Martha met him. Yesuus yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne.
31 The Jews with her in the house, comforting her, saw Mary rise quickly and leave; they followed, thinking she was going to the tomb to weep there. Yihuudoonni Maariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara awwaalaa dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan.
32 Mary came to Jesus, saw him, fell at his feet, and said, "Lord, if you had been here, my brother would not have died." Maariyaamis yommuu iddoo Yesuus ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, “Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen.
33 When Jesus saw her weeping, and the Jews who came with her also weeping, he groaned in spirit and was troubled. Yesuusis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates.
34 And he said, "Where have you laid him?" They said to him, "Lord, come and see." Innis, “Eessa isa keessan?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yaa Gooftaa, kottuu ilaali” jedhaniin.
35 Jesus wept. Yesuusis imimmaan dhangalaase.
36 So the Jews said, "See how he loved him!" Yihuudoonnis, “Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!” jedhan.
37 But some of them said, "Could this man who opened the blind man's eyes not have kept him from dying?" Isaan keessaa tokko tokko garuu, “Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?” jedhan.
38 So Jesus, again deeply moved in himself, came to the tomb—a cave with a stone against it. Yesuus ammas akka malee jeeqamee gara awwaala sanaa dhaqe. Awwaalli sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture.
39 Jesus said, "Take away the stone." Martha, the dead man's sister, said to him, "Lord, he must smell by now—he's been dead four days." Yesuusis, “Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!” jedhe. Maartaan obboleettiin isa duʼe sanaa garuu, “Yaa Gooftaa, inni erga awwaalamee waan guyyaa afur tureef yoona ni ajaaʼa” jetteen.
40 Jesus said to her, "Didn't I tell you: if you believe you'll see our Father's glory?" Yesuus immoo, “Ati yoo amante akka ulfina Waaqaa argitu ani sitti hin himnee?” jedheen.
41 So they removed the stone. Jesus looked up and said, "Father, I thank you that you heard me. Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Yesuusis ol ilaalee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha.
42 I knew you always hear me, but I said this for the crowd standing here, so they may believe you sent me." Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe.”
43 When he had said this, he cried out with a loud voice, "Lazarus, come out!" Yesuusis waan kana dubbatee, “Alʼaazaar, as baʼi!” jedhee sagalee guddaadhaan iyye.
44 The dead man came out, feet and hands bound with strips of linen, and his face wrapped in cloth. Jesus said to them, "Untie him; let him go." Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe. Yesuusis, “Isa hiikaa, haa deemu” isaaniin jedhe.
45 So many of the Jews who came to Mary and saw what Jesus did believed in him. Kanaafuu Yihuudoota gara Maariyaam dhufanii waan Yesuus hojjete argan keessaa hedduun isatti amanan.
46 But some of them went to the Pharisees and told them what Jesus had done. Isaan keessaa tokko tokko garuu Fariisota bira dhaqanii waan Yesuus hojjete itti himan.
47 So the chief priests and Pharisees convened the council and said, "What are we doing? For this man performs many signs. Kana irratti luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yaaʼii Yihuudootaa waaman. Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun mallattoo baayʼee argisiisaa jira. Maal haa goonu?
48 If we leave him alone, everyone will believe in him, and the Romans will come and take away both our place and our nation." Yoo akkasumatti isa dhiifne namni hundi isatti amana; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya nurraa fudhatu.”
49 But one of them, Caiaphas, high priest that year, told them, "You know nothing at all. Isaan keessaas namichi Qayyaaffaa jedhamu kan bara sana luba ol aanaa ture tokko akkana isaaniin jedhe; “Isin waan tokko illee hin beektan!
50 Don't you see it's better for you that one man die for the people than the whole nation perish?" Sabni guutummaatti dhumuu irra namni tokko sabaaf duʼuun akka isinii wayyu hin hubattan.”
51 He didn't say this on his own; as high priest that year, he prophesied Jesus would die for the nation, Inni bara sana waan luba ol aanaa tureef, akka Yesuus saba sanaaf duʼu raajii dubbachuu isaati malee dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne;
52 not only for the nation, but also to gather into one the scattered children of our Father. kunis ijoollee Waaqaa kanneen bittinnaaʼan walitti qabee tokko gochuuf malee saba sana qofaaf miti.
53 So from that day on they plotted to put him to death. Kanaafuu isaan gaafasii jalqabanii isa ajjeesuuf malachaa turan.
54 So Jesus no longer moved about openly among the Jews, but withdrew to a town called Ephraim near the wilderness, and stayed there with his disciples. Kanaafuu Yesuus ifatti baʼee Yihuudoota gidduu hin deddeebine. Achii kaʼee gara magaalaa Efreem jedhamu kan gammoojjiitti dhiʼaatu tokkoo dhaqe; barattoota isaa wajjinis achi ture.
55 The Jews' Passover was near, and many went up from the country to Jerusalem before it to purify themselves. Faasiikaan Yihuudootaa waan dhiʼaatee tureef, namoonni hedduun utuu Faasiikaan hin gaʼin of qulqulleessuuf jedhanii baadiyyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼan.
56 So they looked for Jesus, asking each other as they stood in the temple, "What do you think? Surely he won't come to the feast?" Isaanis Yesuusin barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessas dhaabatanii, “Isin maal seetu? Inni gara Ayyaana kanaa hin dhufuu laata?” waliin jedhan.
57 The chief priests and Pharisees had ordered that anyone who knew his whereabouts must report it, so they could arrest him. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni garuu Yesuusin qabuuf jedhanii namni iddoo inni jiru beeku yoo jiraate akka isaanitti himuuf ajaja kennanii turan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]