Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Joel 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 "For look, in those days and at that time, when I restore the fortunes of Judah and Jerusalem, “Bara sana keessa, yeroo sanatti, ani yommuun boojuu Yihuudaatii fi Yerusaalem deebisutti,
2 I will gather all the nations and bring them down to the Valley of Jehoshaphat. There I will judge them on behalf of my people, my inheritance Israel, whom they scattered among the nations; for they divided up my land, saboota hunda walitti qabeen gara Sulula Yehooshaafaaxitti gad isaan nan buusa. Anis achitti sababii dhaala koo, sababii Israaʼeliif isaanitti nan mura; isaan saboota gidduutti saba koo bittinneessanii biyya koos gargar qooddataniiruutii.
3 and they cast lots for my people. They traded a boy for a prostitute, and sold a girl for wine to drink. Isaan uummata kootti ixaa buufatanii ijoollee dhiiraas sagaagalummaatti geeddarataniiru; akka dhuganiif dubara illee daadhii wayiniitti gurguratan.
4 "Now what do you have against me, Tyre and Sidon, and all the regions of Philistia? Are you repaying me for something I have done? If you are paying me back, I will swiftly and speedily bring what you have done back on your own heads. “Yaa Xiiroosii fi Siidoonaa, isin kutaaleen Filisxeem hundinuu, amma maal narraa qabdu? Isin waan ani godheef haaloo na baafachaa jirtuu? Yoo isin haaloo na baafachaa jirtu taʼe ani dafee ariitiidhaan waan isin hojjettan sana matuma keessanittin deebisa.
5 For you took my silver and my gold and carried my finest treasures into your temples. Isin meetii fi warqee koo guurrattanii qabeenya koo filatamaas mana waaqeffannaa keessanitti geeffattaniirtuutii.
6 You sold the people of Judah and Jerusalem to the Greeks, to send them far away from their own land. Isin biyya isaanii irraa isaan fageessitanii uummata Yihuudaatii fi Yerusaalem Giriikotatti gurgurattan.
7 "But look, I am rousing them from the place to which you sold them, and I will bring what you have done back on your own heads. “Kunoo, ani biyya isin itti isaan gurgurattan keessaa isaan baasee waan isin hojjettan sana matuma keessanitti nan deebisa.
8 I will sell your sons and daughters to the people of Judah, and they will sell them to the Sabeans, to a nation far away—for our Father has spoken." Ani ilmaanii fi intallan keessan saba Yihuudaatti nan gurgura; isaan immoo saba fagoo jiru kan Saabaa jedhamutti dabarsanii isaan gurguratu.” Waaqayyo dubbateeraatii.
9 Proclaim this among the nations: Prepare for war! Rouse the warriors! Let all the fighting men draw near and come up. Waan kana saboota gidduutti labsaa: Waraanaaf qophaaʼaa! Gootota kakaasaa! Loltoonni hundi dhiʼaatanii haa lolan.
10 Beat your plowshares into swords and your pruning hooks into spears; let the weakling say, "I am a warrior." Maarashaa keessan tumaatii goraadee godhadhaa; haamtuu keessanis tumaatii eeboo godhadhaa. Namni laafaan, “Ani jabaa dha!” haa jedhu.
11 Hurry and come, all you surrounding nations, and gather yourselves there. Bring down your warriors, our Father. Isin saboonni qixa hundaan dafaa kottaattii achitti walitti qabamaa. Yaa Waaqayyo, loltoota kee gad ergi!
12 "Let the nations rouse themselves and come up to the Valley of Jehoshaphat; for there I will sit to judge all the surrounding nations. “Saboonni haa kaʼan; isaan dafanii gara Sulula Yehooshaafaax haa dhufan; ani saboota gama hundaan jiranitti muruuf achi nan taaʼaatii.
13 Swing the sickle, for the harvest is ripe. Come, trample, for the winepress is full and the vats overflow—for their wickedness is great." Midhaan gaʼeeraatii haamtuu itti kaaʼaa. Kottaatii ija wayinii dhidhiitaa; boolli itti wayinii cuunfan guuteeraatii; sababii hamminni isaanii guddaa taʼeef boolli itti wayinii cuunfan guutee irra dhangalaʼeera!”
14 Multitudes, multitudes in the valley of decision! For the day of our Father is near in the valley of decision. Waldaan guddaan, waldaan nama baayʼee sulula murtii keessatti wal gaʼeera! Guyyaan Waaqayyoo sulula murtii keessatti dhufuu gaʼeeraatii.
15 The sun and the moon grow dark, and the stars hold back their light. Biiftuu fi addeessi ni dukkanaaʼu; urjiiwwanis siʼachi ifa hin kennan.
16 Our Father roars from Zion and raises his voice from Jerusalem; the heavens and the earth tremble. But our Father is a refuge for his people, a stronghold for the children of Israel. Waaqayyo Xiyoon irraa ni iyya; Yerusaalem keessaas sagalee dhageessisa; lafaa fi samiin ni raafamu. Waaqayyo garuu saba isaatiif iddoo itti baqatan, saba Israaʼeliif immoo daʼoo ni taʼa.
17 "Then you will know that I am your Father, living in Zion, my holy mountain. Jerusalem will be holy, and foreigners will never pass through it again. “Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqni keessan Xiyoon keessa, gaara koo qulqulluu sana irra jiraadhu ni beektu. Yerusaalem qulqulluu taati; namoonni biyya alaa gonkumaa lammata ishee hin weeraran.
18 "And in that day the mountains will drip with sweet wine, the hills will flow with milk, and all the streambeds of Judah will run with water. A spring will flow from my house and water the Valley of Acacias. “Gaafas tulluuwwan daadhii wayinii haaraa ni coccobsu; gaarranis aannan yaasu; lageen Yihuudaa hundinuu bishaaniin guutamu. Burqaan tokko mana Waaqayyoo keessaa burqee sulula Shixiim ni obaasa.
19 Egypt will become a wasteland and Edom a desolate wilderness, because of the violence done to the people of Judah, in whose land they shed innocent blood. Gibxi garuu ni onti; Edoomis duwwaa hafti; isaan dhiiga nama yakka hin qabnee biyyattii keessatti dhangalaasuudhaan saba Yihuudaatti daba hojjetaniiruutii.
20 But Judah will be inhabited forever, and Jerusalem through all generations. Yihuudaan bara baraan, Yerusaalemis dhaloota hundaaf iddoo jireenyaa ni taati.
21 I will cleanse the guilt of the blood shed against them—which I have not yet cleansed—for our Father dwells in Zion." Ani dhiiga isaanii kan yakka hin qabne sana utuun haaloo hin baʼin nan dhiisaa? Lakkii, hin dhiisu.” Waaqayyo Xiyoon keessa jiraata!
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]