Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Ezekiel 2 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Waamamuu Hisqiʼeel

1Innis, “Yaa ilma namaa, miilla keetiin dhaabadhu; ani sittan dubbadhaa” naan jedhe. 2Akkuma inni dubbateenis Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise; anis isaa natti dubbatu nan dhagaʼe.

3Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ani gara Israaʼelootaatti, gara saba fincilaa kan natti fincile sanaatti sin erga; isaanii fi abbootiin isaanii hamma harʼaatti natti fincilaniiru. 4Sabni ani itti si ergu sun didaa fi mata jabeessa. Atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin. 5Isaan mana fincilaadhaatii; dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis akka raajiin isaan gidduu jiru ni beeku. 6Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin. 7Waan isaan finciltoota taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda. 8Yaa ilma namaa, ati garuu waan ani siin jedhu dhaggeeffadhu; ati akka mana fincilaa sanaa hin fincilin; afaan kee banadhuutii waan ani siif kennu nyaadhu.”

9Kana irratti ani utuu harki tokko natti hiixatuun arge. Harka sana keessas kitaaba maramaa tokkotu ture; 10innis fuula koo duratti kitaaba sana diriirse. Kitaaba sana irrattis, duraa duubaan faaruun booʼichaa, gaddii fi wawwaannaan barreeffamanii turan.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]